Home Fayyaa 𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 Injifannoo 𝗦𝗮𝗮𝗺𝗯𝗲𝗲 (1933) Kutaa 2ffaa

𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 Injifannoo 𝗦𝗮𝗮𝗺𝗯𝗲𝗲 (1933) Kutaa 2ffaa

by

𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 Injifannoo 𝗦𝗮𝗮𝗺𝗯𝗲𝗲 (1933)
Kutaa 2ffaa
===
Baarreeffama ‘Seenaa Injifannoo Saambee’ jedhu kutaa 1ffaa keessatti dhiheessineen
bara 1933 gootonni Itoophiyaa qindoomina guddaan faashistoota Xaaliyaanii giddu-galeessa biyyaa irraa sadarkaa olaanaatti kan rukutan yoo ta’u, faashistoonni olitti rukutaman gara Kibba Lixa Itoophiyaatti wal qindeessanii Magaalaa Goree qabachuun gara giddu-gala biyyaattii deebi’uuf akka karoorfatan ibsineerra.
Har’a ammoo kutaa 2ffaa qabannee dhihaanne akka armaan gadiitti dhiheessina.
===
Injifannoo gootota Itoophiyaa bara 1933 galmaa’ee keessatti uummatni Oromoo qomoo ‘Innoos’ jedhaman Saambeefi naannoo ishee jiraatan sadarkaa duraa irraa sochii faashistootni Xaaliyaanii karaa Kibba Lixaa gara Magaalaa Goreetti godhan hubachuun lafa jala iccitiidhaan garee diinaatti makamuun kallattii Riqicha Laga ‘Qabar’ irraan akka dhufaniif gareen biroon immoo riqichicha kutuun akka eegan ta’e. Yeroon sunis dhuma waxabajjii waan tureef lagi Qabar waan guuteef eenyu iyyuu ce’uu hin danda’u ture.
Yeroo Faashistoonni xaaliyaanii kumaatamaan lakkaa’aman laga ‘Qabar’ irra gahan goototni Innoos Saambeefi naannoo ishee jiran qindeessitoota waraana kanneen akka Zawudee Lamuu, Margoo Bookaa, Ayyaansoo Bookaa, Bantii Daanyaa, Qilxuu Raaboo fi kkf Meeshaa waraanaa qabaniin diina laga garanatti rukutuu kan eegalan yoo ta’u, akkuma jalqaba kaasuuf yaalle yeroon kun yeroo gannaa waan tureeef Lagni Qabar gara gamaa ( gara Bahaa) lafti isaa baayyee dhaqdhaqii ce’uuf nama rakkisu waan ta’eef ummanni naannoo Innoos Saambee jiran Shaambal Waldayyas Bullukkoo Magaalaa Goree jiru wajjin Taaddasaa Gizaawuufi Gadaamuu Gizaawu loltoota isaanii qindeessuun lola kana itti fufan.
Akka diinni laga hin ceene daangessanii qabuun gootonni Iluu dirmannaa guddaa godhaniin akkasumas Gootonni Shawaa, Jimmaafi Wallaggaa irraa irratti yoo hirmaatan Waraanichi Waxabajjii 27/ 1933 hanga Adoolessa 04/1933 tti sadarkaa olaanaan adeemsifameera.
Gotootni bara sana akka Itoophiyaatti beekamoo ta’an Jaagamaa Keelloofi Leensee Keelloo waraanicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, akkasumas Jeneraalli Ingiliizii Mejeral Dallas fi Raas Masfin Silashii wajjiin sirna boojuu irratti argamaniiru. Waraannichi humnoota Faashistoonni Xaaliyaanii ol wayita ta’aa deemetti faashistoonni huccuu adii ol kaasuun boojuu gaafatan nagaan booji’amaa turan.
Firii waraanichaa kan ta’an, booji’amtoonni hogganaa gareewwan sana jeneraalota dabalatee gara Magaalaa Goreetti fiduudhaan booji’amtootaaf kunuunsi ga’aan godhamaa tureera.
Waraana Faashistootaa, jeneraalota irraa hanga qondaaltootaa gadi aanaatti kan turan namootni 1, 585 ( Kuma tokko, dhibba shaniifi saddeetamii shan) kan booji’aman yoo ta’u loltoonni du’aniifi madaa’an karaa diinaa kumaatamaatti tilmaamamu, karaa itoophiyaa immoo dhibbatamaattibjan tilmaamamanidha.
Lola Saambee irratti gaggeeffameen loltootniifi meeshaaleen waraanaa booji’amuun warawnichi injifannoo gootota Itoophiyaan akka goolabamuuf shoora olaanaa tapahteera.
Lolicha irratti loltoonni diinaafi meeshaaleen waraanaa booji’aman:
~Looltoota diinaa 1,585
~Madfii 9
~ Bizaantiin Matrayyaasaa – 46
~Aarliikoonii ( Anti –aircraft)
~Meeshaalee waraanaa xixiqqaa 20,000 ol akka ta’an hubatama.
Meeshaaleen booji’aman kanunneen gara Magaalaa Goreetti fudhatamanii mana Kuusaa keessa yeroof akka turan erga taasifameen booda konkolaataatti fe’amee Finfinneetti ergamuun pooliisiifi loltoota Mootummaa yeroo sanaatiif qoodamee hojii irra kan oole yoo ta’u booji’amtoonni xaaliyaanii kabajaan gara Finfinneetti akka deemaniifi eegumsi barbaachisaan godhameefi yoo dhukkubsatan yaalamaa yoo beela’an nyaachisaafi yoo du’anillee kabajaan awwaalamaa turaniiru.
Haalli adeemsa isaanii Goree ➩ Mattuu ➩Yaayyoo ➩Yamboo ➪ Cooraa ➩ Abba Booraa ➩ Beddellee ➪ Arjoo ➪ Naqamtee yoo ta’u sana booda magaalaa Naqamtee irraa konkolaataadhaan gara Finfinneetti geessamaa turan.
Seenaan injifannoo Saambee gabaabinaan kan ta’ee osoo jiruu, seenaan kun sirnaan ballinaan barraa’ee dhalootatti darbuufi injifannoo Oromoo baasanii ibsuu irratti hanqinni mul’achaa tureera. Saambeen dirree injifannoo gurraachotaa taatee akkuma Aduwaatti beekamuu kan qabdu malee dirree injufannoo kana dagachuun lafee goototaatti qoosuu taati.
Maarree seenaa gootota Saambee yaadachuun dirreen injifannoo kun bakka seena qabeessa hawwata tuuriiziimii ta’ee dhalootaa dhalootatti darbee akka kabajamuuf qindeessummaa Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaafi Bulchiinsa Godina Iluu Abbaa Booriin Ebla 27/2014 kabajni addaa dirree Saambee irratti ni geggeeffama.
Injifannoo goototaa yaadachuun dhalootaa dhalootatti haadabarsinu!
Ragaa Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Iluu Abbaa Booraafi Biiroo Aadaafi Tuuriiziimii Oromiyaa irraa arganne qindeessine.
Seenaa Abbootii barreessuun dhaloota haa barsiifnu !

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: