Aadaafi adabni jaalalaa, kunuunsa barbaada!
Ambana;
Jaalalli furtuudha, bu’uura waa hundaafuu;
Jaalalaan karra banaa, mijuudha kanaafuu;
Mijuun xululaadhaa, hir’uu takkaa hinqabu;
Namni mijuu habbuuqate, dee’uu hindhabu.
—
Yoo onneen jaalatte, lapheetuu mirqaana;
Ollaafi dugdaa, kanaafuu walittillee aana;
Qalbii yoo jaalate, afaan tasallee hin cal’isu;
Oduu osoo hintaane, hojii ka jaalala mul’isu.
—
Jaalalli ulfinaafi kabajaa barbaada jidduutti;
Akkuma onneetee, aangoo haara muuddutti;
Aadaafi adabni jaalalaa, kunuunsa barbaada;
Akkuma garaankee hawwuutti, kiyyas yaada.
—
Kanaafuu;
Bilbila siifin bilbilaa, kaaftee naan dubbattaa;
Kennaa kiyya siif bita, caaltee nadhuungatta;
Akkuma shallaggiin mirkanaa’u, herreegni;
Walqixa hirmaatuuni, jaalalaaf midhaaginni.
—
Gara tokkootti yoo dabe, madaalatu waldaaysa;
Garaan waliif beeku, jaalala dhugaa midhaaysa;
Utubaan jaalalaa, onnee irra yommuu dhaabbate;
Garlameen walmadaalla, nulachuutuu yaabbatee.
—
Yaa bareeda uumaa, jiruun teenna waliin toltii;
Kophaa kophaa deemnu, onneen wajjiin ooltii;
Haaragalfiin jaalalaa, qabbana onneeti yoomara;
Boqonnaan jireennaa, jaalala dhugaatiin waaraa.
—
Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Adoolessa 31, 2019