Home Og-barruu Aayyoo Yuuba Qacaa!

Aayyoo Yuuba Qacaa!

by Kedir Abdulatif

Aayyoo Yuuba Qacaa!

Aayyoo Siinqee qaqaa,
Aayyoo dhanqee suuqaa,
Aayyoo ilaamee lacaa,
Aayyoo yuuba qacaa,
Siin bareeda bareenni,
Siin bareeda arreenni..!

Dubartiin deettuudha,
Dubartiin teettuudha,
Dubartiin beeytuudha,
Dubartiin wayyuudha,
Dubartiin hayyuudha!

Dubartiin kaaya,
Dubartiin caaya,
Dubartiin cufa,
Dubartiin sifa!

Dubartiin dhiiga,
Dubartiin dhugaa,
Dubartiin burqaa,
Dubartiin bulkaa,
Dubartiin durkaa!

Kedir Abdulatif Haji
Bitootessa 08, 2016

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: