AKKAMITTI LEENCI……?
Akkamitti leenci
akkas cunqurfamamaa?
Waan balleesse hin qabuum
maaliif adabamaa?
Leenci garraamiin kun
maaliif adamsamaa?
Sareef waraabessaan
akkamiin nyaatamaa?
Leencummaa isaatiin
dukkanatti hidhamaa?
Badii tokko malee
maaliif gidirfamaa?
Humna qaba jedhee
nama hin tuqu dura
Hin jaalatu roorroo
yoo tuqan ni aara
Akka moo’u beeka
tuqamnaan hin dhiisu
Hanga leencummaasaa
moo’ee mirkaneessu
Kanaaf maa tuqanii
balleessaa taasisuu?
Hoomaadhaan jiraata
maaliif adda bittinsuu?
Qomoo isaa jaalataam
maaliif kophaa rakkisuu?
Aariii garaa qaba
maaliif manatti ukkaamsuu?
Hin gadhiisaniiree
bahee haa bookkisuu
Bosonaa baroodaam
leenci mana hin oolu
Maaloo gadhiisaa kaa
bahee ofirraa haa lolu
Dur mee leenca ture
mootiin bineensotaa
Namuu itti hin roorrisu
hundi ni sodaata
Bineensota mara
leencatu too’ata
Tasa hin tuffatani
kabajaan jiraata
Sanyiin leencota hundi
fixee wal jaalata
Wal qoodinsi hin jiru
Hoomaadhaan jiraata
Muka guddaa jalatti
yaa’ii gaggeeffata
Sirna ofiisaa qaba
kan ittiin bulmaataa
Waan lafaa fi lafee
ofii waliin mari’ata
Walitti hin mufatu
gorsa waliif laata
Balaa fi beelli hin turre
gammachuun jiraata
Silaa barrii fi bariin
waan fidu hin beekani
Gaafa tokko ka’ee
guyyuma adiidhaanii
Raqa funaanuudhaaf
dhufe waraabuuni!
Gara laafina isaa
leencis hin ariine
Waraabessa jedhees
innoo hin jibbine
Kadhattuudha jedhee
waa takka hin tuffanne
Rakkataadha jedhee
ofitti isa qabee
Simannaa godheefii
tolchee keessummeessee
Mana isaa guututti
qabee ol seensisee
Karrarras hin dhaabne
diinqatti ol dabarsee
Inni raqaaf dhufus
raqa hin affeeramne
Waanuma ofii nyaatu
fuudhee itti kenne
Silaa dur waa hin beeku
innoo harree malee
Maarree cooma nyaate
mana leencaa dhufee
Homtuu isa hin hafne
bookallee ni dhuge
Bulee turee jennaan
waraabuu abbaan garaa
Cooma mi’eeffatee
qoltichi kottee daaraa
Hin bahu hin jenneeree
dachee leencaatirraa
Silaa garaaf du’a
maal godhee gadhiisa
Ittuu dabareedhaan
waammate sanyiisaa
Yartuu bineensotaa
fakkaattota isaa
Warra hudduu gubaa
qamaleef jaldeessa
Jara badiif haadhaa
xaddee fi awwaaldiigessa
Sanyiin sardiidotaas
dhufan dhagaa keessaa
Akkuma isaan dhufaniin
haalli jijjiirame
Jeequmsi baay’atee
nageenyi dhabame
Faana isaanii duuka
balaan itti dhufe
Mukkeen gurguddaan sun
goggogee kukkufe
Daba isaan godhaniif
dur hin jirreen dhufe
Roobni roobuu didee
hongeen itti hammaate
Biyyoonis lafarraa
bubbeedhaan haramte
Bosonni yabbuu ture
qisaasa’ee haphate
Kan isaan barbaade
wanti hundi jallate
Guyyaa gaafa duraa
yommuu godaananii
Beelli gubee jennaan
leencatti dheessani
Harka isaa keessaa
nyaatanii dhuganii
Bifa isaanii daaraa
itti jijjiirratanii
Incinnii isaanii
itti hurgufatanii
Maarree akkasumaan
irratti horanii
1, 2 jechuun
yommuu dabalamanii
Badii isaanii dalaguu
itti gadi taa’ani
Durattuu saamichaan
jara beekamanii
Kan tokko hojjate
nyaachuu hin saalfatani
Kanumaa hinaaffaadhaan
leencota dararu
Kan Rabbi tolchee
uumeef isaan ilkaan qaru
Shira hojjatanii
leencota walitti diru
Egaa jarri badan
badii qofa yaadu
Leenca lafa isaarraa
buqqisuu barbaadu
Galatoomaan hafee
jibba eegalani
Guyyaa rakkinaa sana
hunda dagatanii
Akka kadhaaf dhufan
tasa irraanfatanii
Anatu si caala
jechuu jalqabani
Raajii itti ta’e
leencis kana hin sarmu
Osoo ijaan argu
sareen hoogganamuu
Eenyummaasaa dhiisee
jaldeessaan waamamuu
Kun ta’uu hin qabu
jedhee yemmuu falmu
Leenci leenca ta’uun
yakkaan himachiisee
Kun balleessaa ta’ee
du’aan adabsiise
Kaanis hidhaa dukkanaatti
kophaa rakkise
Anaa kee LEENCA koo
guyyaan jira obsi
Dararaan baay’atee
heddu miidhamtusi
Harka diinaa galtee
baay’ee rakkattusi
Abdii hin kutiin kaa
didii of jajjabeessi
Siif jiru sanyiin kee
hamaaqexaa fi qeerransi
Ni falmatu kunoo
baasuudhaaf dhugaa kee
Leenca siin jedhanii
waamuudhaaf maqaa kee
Dhokatee hin hafu
dhugaa Waaqatu baasa
Ati ammas Leencuma
hin taatu jaldeessa!
ANAA NYAATU LEENCA KOO OBSI KAA OBSI MEE…………..