Home Asoosama Asoosama Gabaabaa Ammayyaawe, *Naanii*

Asoosama Gabaabaa Ammayyaawe, *Naanii*

by Kedir Abdulatif

  … Namoon isii bira taa’ee mararfata. Maalummaa, eennummaa, jabina, qarummaasii hubata. Laalee waa irraa barata. “Qaama jeequmsa balaa osoo hin taane, qaama furmaataati. Ogummaafi hubannaa qabdi. Kanatu namuudatee isiirraa hin dhageettu. Osoo dhukkubu, osoo kulkulu, dhokfatti,” jedhee beekamtii isiif kenna. “Boruufuu si abdadhe moluu tiyya,’ jedhee mammaaysa hawwii argatuu raaga bira kaayata. ‘Waan waaqaa hin beekanii abbaa waaqoo naan jedhaa,’ jedha. ‘Waan baraa hin beekanii, wal-barannee wal-bira teenna,” jedhee abdii dhuunfatuu isaa ofitti mammaaka. “Haadha laalii intala fuudhi tan jedhaniin saniimii tuni? Jechuufis haadha hin agarre. Wal-arguun hin oolu, isinumatu soddaatii tiyya,” jedhe. Naaniin Naaniidha. Gola icciitii, golloo obsaati. Haaxoo qarree Oromoo, wayyooma intala aayyaa, fuula durba Arsiiti, Oromtittii…

   Nimirqaane; isatti tole, nigammade. Guyyaa gaarii, turtii mishaa isaaf ture. Yeroo sagaleesii gurra isaa keessaa taphatu, lapheen isaa hargane. Onnee isaatu hoo’e. Kurkursi qaamasaa socho’ee, qalbiin isaa boora’e. Niyaade, ni araade. Nidharra’e, yaada isaatu isaan rora’e. Galaana yaadaatu isa fudhate, taa’ee garba jaalalaa daake. Bidiruu ce’uumsa tuujii jaalalaa bocatee, mijuu fe’umsa qarqabate bira taa’a. Dhaabatee maratoonii jireenna jaalalaa keessa fiige, garaa isaatu isiif dhiige. Bakka godaanee, isii biraa baqatee birrisee, nafnisaa dhikkisee yoo deebi’u; “ihim ihim ihim” jedhe qufa’ee isii dubbisuuf.
“Sifa sifa, maal taatan?” isaan jette itti as gamtee. Qabuufi, dugda dhayuuf itti haggaamte. Bishaan kornyoon itti qabuuf lafaa oljette, bishaan bira hin jiru.
“Hancufumaa lakki,” jedheen miidhagina sagalee isiirraa qabame.
“Waraabessi jarjaraan gaafa qabata naan jedhittii laata,” jedhe hasaasee.
“Anaan jettanii” jette gungumasaa dhageettee.
“Lakki asumattii, natti dhihaa jiraa,” jedhe dhoyfatee.
“Ihim jedhe, ihim jedhe,” jetti.
“Ahaa ihimii dhiiraa keessi miidee” jette garany’aate.

Namoon waanuma takkuu waa’ee Oromoo dhagahee hin fakkaatu, haasawuma isii dhageeffata jila lixee, dubbiisii ajaba yeroorraa fixee. Isiin haasawaan isa qabde. Haasawa mimmi’aayaa aadaa kanaan isa dhamaafti. Ofii diqqatuu dubbatee, gurraafi carraa isiif kenna. Dharraasaa ofitti hasaasa, gororasaa kokkeesaa obaasa. Kaan fixxu, kaanuma fiddi. Raajii dubbattee, jechama tootee hin fixxu. Fakkeessuun lootee, soba dhugaa gootee bira hin lixxu. Bu’aa dhugaa dubbattee, sababa soba hin gootu. Heeraafi seera dubbii akkaan hubatti, akkuma barnootasii sirnaan qubeessuufi dubbisuuf gubattutti. Namoon kanin dhagayin dhagayee, tanin beeyne bira gaye. Haasawasii jaalatee, qoonqisii hawwatee itti dhiise. Naaniin dhugaa qabdi. Isiin boonnaan duukaa booye, hirqifannaan sossobe.

Naaniin wayyooftee ergarraa waagalee waashoon qororon. Qolaa nama lama tahanii itti godhan. Inni niqaba; isiin gaadiin gaaditee xuunxoo hudhaan geettee elmite. Akka durii girrisiiftee elmuu baattus, cum’itee contee cim’ifti. Waatiin kan hodhee fixu, jalaa haqaamte. Hoo’ituu aananii kurree sabareetti isaaf buufte.
“Namoo aanan mi’ii hoo’ituu kana hoodhuu dhugi,” jette isatti as hiixattee.
“Naanii tiyya afichu mee lakki,” jedheen irraa achi haceeqalee.
“Hoodhu kaa harki nadhukkubee,” jette.
“Maal godha” jedhe Namoonis.
“Narraa fuudhi, dhugikaa,” jette ammas.
“Naanii dhugaa rabbii ani bar,” jedhe mataan gadi jedhee.
“Tole ati bar, ati Oromoo mitiimoo?” jette fuula guurtee.
“Lakki anillee Oromoodha. Garuu aanan mi’ii kana dhuguma kiyya dhugaa rabbii, kana dura hin dhuguu,” jedheen.
“Har’aa nibaratta kaa, ati Qeerroo bar,” jette isatti hiixatte.

Barreessaan: Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Asoosama Naanii keessaa fudhatame!

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: