Home Og-barruu Atoochitee (Risaa 🦅 Bokkaa Mooye)

Atoochitee (Risaa 🦅 Bokkaa Mooye)

by

Har’a hiika walaloo irraa hin dubbannu, hiika barruu seenessa walaloo kanaa ilaalla. Mata dureen walaloo Atoochitee jedha. Kitaaba kuusaa walaloo bara 2005/2013 barreeffamee Kitaaba Risaa 🦅 Bokkaa Mooye, bara 2018 maxxanfame keessaa kan fudhatame yommuu tahu; jiruu dhala namaa eelaa godaansi/baqattummaan qabu akka baleeffatuufi barsiisuutti fuulleffata. Irra caalmaan isaa seenaa jiruu ilmaan Oromoo fi Oromiyaa irratti kan bu’uureffameedha. Mee haa eegallu!
Atoochitee

Gubaa hoo’aa, gammoojjii sahaaraa;
Dhidhima bidiruu, galaana bahaaraa;
Bubbuttaa qurxummii, hollannaa doonii;
Gochamaa shifeeraa, haafa fedhii foonii!
-/-
Saamicha bu’aa dafqaa, hanna ifa galaa;
Daddarbaa ormaa, sukkuummii dallaalaa;
Muddamsuu seeraa, gurgaa imalchiiftotaa;
Ba’aa galaa deemsaa, qabeefi mi’a nyaataa!
-/-
Beela nurra turte, miqiiqqoo hamtuu muudanne;
Biyyee nama jalaa lootu, sigiga dhagaa gufanne;
Hundumasaa dandeennee, biyya ormaa geennu;
Quphachuuyyuu mitii, haragalfatuuf hin teennu!
-/-
Qormaata jireennaa, meeqatam keessa dabarree;
Aakiriif munkariin, jiruu baqaa keessatti agarree;
Ilmoo namaa taanee, ilma namaa hin mararree!
Ofii sanyii dhala namaati, Kuushirraa magarree!
Hiikoo Sararoota Walaloo, Kutaa 1ffaa
1. Keeyyata 1ffaa, Sarara Bo’oo Afran!

Asirratti walaloo kana yommuu addaan babaafnee hiiknu, sararri durarra jiru hiika guddaa of-keessaa qaba. Innis, ‘gubaa hoo’aa gammoojjii sahaaraa,’ jedha. Biyyoonni baha Afroo-Eeshiyaa gammoojjiidha. Hoo’i yeroo bonaa 45° fi isaa oli. Biyyoonni akka Somaaliyaa, Jibuutii, Yamaniifi Sa’uudii Arabiyaan gamni godaantonni irra deemuu filatan, kan hanga tokko balaa irraa dandamatan hoo’aadha. Bishaan laga yaa’u hin qabu, mukkeen bosonaaf ta’u hin qabu. Daandiin suni dhagaa siidaafi cirracha bullaa’adha. Biyyee arguun baay’ee cima, biyyee tahee kan mul’atu baay’ina bofaati. Yommuu waa’ee hoo’aa dubbannu, kan gama bahaan jiru duwwaa miti. Kibbaan yommuu Keeniyaa hanga Afrikaa Kibbaa, Suudaan irraa yommuu hanga Liibiyaafi Masrii deeman waanuma wal-fakkaata kana muudata. Hoo’i qilleensaa gaawwaa foon itti bilcheessan yoo tahu, lafti irra ijjattu immoo akka mukukkula barbadaa ibidaatti nama guba. Kophee baysee, miila keessaa dafqi xinniqa.
Bo’oon lammataa isa, ‘dhidhima bidiruu, galaana bahaaraa,’ jettuudha. Imaltoonni maallaqa dallaalaa argamsiisuuf seera malee, humnaa ol doonii gubbatti fe’amu. Yeroo kana humni motoraa nigubata, nilaafa, beenzilli nidhuma. Erga kanaa wanti muudatu, addunyaatti nagaa osoo hin dhaamatin dhidhimuu qofa dhageetta. Akka carraa taatee yommuu Afrikaa, Eeshiyaafi Awurooppaa geettu carraa qabaatu muudatta. Awurooppaa keessatti carraa dhiphaa argatuu malu garuu waan isaan kaanirra hin jirreedha.

Sararri sadaffaarra jiru kuni, ‘bubbuttaa qurxummii, hollannaa doonii,’ jedha. Akkuma gubbaatti ibsuuf yaale dooniin imaltoonni irra jiran seera qabeessaafi meeshaa humna qabuu miti. Yeroo humna waca galaanaa dabalu haalan raafamti, yeroo dooniin raafamtu immoo imaltoonni san daran akka raafaman ibsa.

Sararri afraffaarra jiru kuni hammeenna ilma namaa kan ibsu yommuu tahu, badii shifeeroonni doonii raawwatan hima. ‘Gochamaa shifeeraa, haafa fedhii foonii,’ jechuun shifeeroonni akka sagaagalan, akka haraamuu turan akeeka kaayameedha. Eeyyeeti dhugaadha, dubartii asheeta bishaan lagaa fakkaatu kanatu baqata. Fira, obbolaa, dhiirsa, hiriyyaafi nam-dhiyoo ofii waliin jireenna gabrummaafi hiyyummaa mooyuuf manaa baatee gdaansa seenti. Godaansa seenteen immoo godaannisa muudatti, corqaan barbaree gannaa, saafelli habaaboo birraa tuni cophxoos haa tahu fanxoo nama waa’ee isaa beeynetu ummata gidduutti dirqisiisee dhikkila. Kanaaf immoo yoo dubbatte, halangee yookaan shugguxii si obaasu. Yoo naateef dhuguu, yoo nahatte ijaafi gurra qabattee muguudha.
2. Keeyyata 2ffaa, Sarara Bo’oo Afran:

Keeyyanni sarara afur qabu kuni humna jabaa baadhatee, kan walaloo kana utubeedha. Sararri durarra jiru, ‘saamicha bu’aa dafqaa, hanna ifa galaa,’ jedha. Imalchiiftota haa tahuu, imaltoonni akkasuma abbootiin biyya itti godaananii saamtota akka tahan hubanna. Miidhamaa tahuu godaantotaa osoo hin taane, miidhaa tahuusaa adda osoo hin baafanne dafqa kee sirraa akka saamantu calaqqisiifame. Saaminsi nama muudatu waan harkaa qaban fudhatuu qofaa miti, sigeessina jedhanii jalaa baduu, hojjachiisanii mindaa kafaluu diduufaa dabalata.

Sararri lammataa kuni jabina kee akka cimsutti, dallaalli hamaa tahuu akka hubattutti ibsame. Birrii tee fuutee itti kennatta, yeroo sife’u humnaan walirratti situulee akka bakki nama hedduu fuudhuu dandeettu gadi sidhiita. Bo’oon kuni, ‘daddarbaa ormaa, sukkuummii dallaalaa,’ jedha. Qabiinsi sirnaafi kunuunsi godaantotaa akka hin jirre mul’isa. Beela, dheebuu, cinqaa, hoo’a, yaaddoo hundasaa dabaalee akka ba’aa sitti tahu akeeka.

Kutaa 2ffaa itti fufa!
Kadiir Sh/Abdullaxiif H/Hajjii
Kuusaa: Risaa 🦅 Bokkaa Mooye

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: