Baacoo Afaan Oromoo
Mucaa xiqqatu ykn daa’imatu halkan hirribaa ka’ee, bishaan dheebotee haadhatti boohe. “Aayyoo dheebodhee bishaan na obaasi,” jedheen. Haati hirriba keessaa ka’uu diddaaf “callisii rafi” jetteen. Mucaan didee boohe. Sana booda haatis, “calliftee rafta moo ka’ee shaxxee fudhee situma?” jetteen. Kana booda mucaan, “yeroma shaxxee fuudhuuf kaatu bishaanillee naaf fidi,” jedhama!