Baannanii
–
Osoon lafayyuu dhahee, sagalee kee bareedaa.
Gurraaf tolu dhagahee, ani hedduun gammadaa.
–
Looshaa afaan dammaa, tan Ilkaan aannanii.
Yeroo raftu hundaa, na argii hirribaa baannanii.
–
Bareedduu Oromiyaa, shaggaa hunda caaltu.
Hirribaa wayta kaate, akka ofbira ana laaltu.
–
Abaaboo qabadhee, Abjuun sitti dhufaa.
Yaada koon marartooftee, akka gursaa bultu cufaa.
–
Kophaa koo na dhiiftee, Hadiyyoo na leelliftu.
Ani Kophaa kana jibbaa, qalbii koo na hin fayyiftuu.
–
Dammaqii na eegii, ani kophaa jifaaraa.
Jaalalaan koobeetiin, Onnee tee ijaaraa.
–
Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Amajjii 28, 2018
previous post