Home Og-barruu Bakkee Nuyi Jiraannu!

Bakkee Nuyi Jiraannu!

by

Bakkee Nuyi Jiraannu!

Bakkee nuyi jiraannu, ban beel’oofi uranee.
Namoota wajji dhalannu, kanneen leelloofi ufinee.

Hunduu da’oodhumaa, lafichi qe’ee jireenyaati.
Fakkeessituu marumaa, jarris qixxee keenyaati.

Gatii heddu baasee, kan siif tahe ispoonsarii.
Inni hedduu uf dhamaasee, sirratti fixe jedhu iskoolarii.

Sammuun isaa duwwaadha, homaa hin qabu ofkeessaa.
Baankii dhaqeeyyuu hinbeeku, mannisaas ona hiyyeessaa.

Arba karaa deemuutti oljedhee, Sareen danuu duukas dutu.
Kormichi ufduubatti waagodhee, tarkaanfiisaa tasa hinbutu.

Risaan samii guutee, bararaayyuu yoo oole.
Qocaan tasa shakkee, hireesaa yoom goole?

Osomaa waanyanii, Abbaan loonii karra yaasa.
Ottichi kennaa hin haruu, dharticha garaan baasa.

Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Fulbaana 23, 2019

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: