Home Oduu “Biyya Baraaruuf Daandii Nagaatti Deebi’uun Murteessaadha.” Haala Yeroo Irratti Ibsa Koree Hojiraawwachiiftuu Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)

“Biyya Baraaruuf Daandii Nagaatti Deebi’uun Murteessaadha.” Haala Yeroo Irratti Ibsa Koree Hojiraawwachiiftuu Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)

by

Biyya Baraaruuf Daandii Nagaatti Deebi’uun Murteessaadha

Haala Yeroo Irratti Ibsa Koree Hojiraawwachiiftuu Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)

Koreen Hojiraawachiiftuu Kongirasii Federaalawa Oromoo (KFO) walgahii idilee Gaafa 1/08/2014 ALI geeggeesseen haala yeroo ammaa biyyiifi ummanni keenya keessa jiru gadi fageenyaan erga irratti mari’atee booda ibsa ejjannoo armaan gadii baaseera

1) Koreen hojii raaw’achiiftuu durseee kan irratti mari’ate walwaraansi humnoota Mootumaa Itoopiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jidutti deemaa jiru irratti. KFOn yeroo adda addaatti walwaraansi kun mariidhaan dhaabbatee, qaamoleen wal waraanaan gara dirree siayaasa dhufuun, Oromiyaafi ummata keeenyaaf nagaaf tasgabbii akka buusaan gaafachaa tureera. Kora 2ffaa dhiheenya godhame irrattis waamicha nageenyaa kana sagalee guutuudhaan mirkaneessuun dhaamsa dabrsuun ni yaadatama. Haa ta’uu malee, walwaraansi kun bifa hammaateen itti fufuun, duulli haaraan mootummaan labsamee jira. Duulli waraanaa yeroo ammaa Mootummaa labse ku, abdii nageenyaa xinnoo uumamtee turte kan deebisee dukkaneessee, Oromiyaafi biyya guutuu gaaga’ama dabalataaf kan saaxiluu malee furmaata waaraa akka hin taane irra deebinee akeekkachiisuu barbaanna. KFOn akkuma irra deddeebiin ibsetti, waldhabeen humnoota lamaan jidduu jiru bu’uura siyaasaa kan qabu yoo ta’u, furmaannai isaatis kallatti siyaasatiin ta’uu qaba jennee amanna. Kanaafuu mootummaan maraamartoo duula ‘shanee balleessuu’ waggoottan darban labsaa turee, hanga ammaatti balaa malee furmaata hin fidin, kana keessaa bahuun akkuma Kaaba biyyattiitti eegale Oromiyaattiis waldhibdee jiru nagaan furuutti akka fuula deeffatu irra deebin waamicha dhiheessina. Loltoonni gama lamaaniin walwaraanaa jiranis ummata nagayaafi qabeenya isaa akka baraaraan gaafanna.

2) Itti aansuun koreen hojii raaw’achiiftuu kan irratti mari’ate rakkoo nageenyaa daangaalee ollaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Amaaraa jidduu jiru, kan guyyyaa gara guyyaatti hammachaa dhufeedha. Gabaasaalee dhiheeya kana bahaa jiran irraa akka hubatamutti humnoonni hidhatani Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa irraa ka’an eddo addaa addaattii daangaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaaa beekkamaa cabsanii seenuun waraana banani, weerara lafaafi babaldhifannaa daangaa gaggeesaa jiraachuudha. Humnoonni kuni namoota nagaa ajjeesuu, qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota buqqaasuun naannicha gara qaxanaa walitti bu’iinsa hin qoorretti jijjiraa akka jiran hubatamee jira. Keessumattuu duuli waraanaafi weerarri lafaa kuni godinaalee Oromiyaa Wallagaa Bahaa, Hoorro Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaatti, bifa qindaa’aa ta’een geggeeffamaa akka jiru miseensota keenyaafi hawaasa naannichaa irraa odeeffannee hubachuu dandeenyee jirra. Ibsi qaamoleen Amaaraa hidhatanii weerara geeggeessaa jiran kun miidiyaan kennaa jiranis kanuma mirkaneessa. Badii kana geggeessaa kan jiran “qaamota ‘finxaaleyyii’ beekkamtii mootummaa naannichaatiin alatti hidhatanii socho’an” jedhamus, kun dhugaa akka hin taane ragaaleen muldhisan ni jiru. Fakkeenyaaf Godina Shawaa Kaabaa Aaanaa Qimbibit irraa lafti hektaara 280 ta’u qonnaan bultoota Oromiyaa irraa kaasuun kan fudhatame Humna Addaa Poolisii Mootummaa Naannoo Aamaaraattin akka ta’e gabaasni miidiyaan mootummaatuu baasan saaxilee jira. Bifuma walfakkaatuun Shawaa Bahaa Aaanaa Fantaalletti daangaa naannolee lamaanii kiilomeetira hedduun darbanii cehuun lafa ummanni Oromoo Karrayyuu fi Ituu barootaaf irra qubatee jiraatu qabachuun barjaawwan akka lafichi bulchiinsa Motummaa Naannoo Amaaraa jalatti daangeffamee fakkeessan dhaabuun weerara lafaa fi babaldhifannaa daangaa guddaa kan geggeessaa jiru qaama waraanaafi bulchiinsa mootummaa naannichaa akka ta’e waan haalamu miti. Hojimaatni akkanaa Heera mootummaa kan faallessu ta’uu bira dabree ummata obbolaa naannolee lamaanii gara walwaraansa hamaatti akka seenan kan karaa saaqu ta’uu KFOn cimsee akeekkachiisa. Haaluma walfakkaatuun, ji’oota dabran kana, bulchiinsa Naannoo Amaaraa jalattin kan argamtu Godina Addaa Oromoo keessattis ajjechaan jumlaa, saamichi, hidhaan fi qe’eerraa buqqaafamuun, kan amma duraa caalaa bal’atee bifa duulaatiin geggeefama jiraachuun beekkamaadha. Gochi kun Oromoota godinichaa wabii jireenyaa kan dhoorgate waan ta’eef saffisaan dhaabbate, mirgi ofiin of bulchuu godinichaa deebi’ee mirkanaa’uu qaba.

Ummanni Oromoofi Amaaraa daangaa bal’aa waliin qabaachuu bira dabree miliyoonotaan walkeessa qubatee kan jiru yoo ta’u, miidhaa sirnoonni dhufaa-dabraan geeggeessaa turaniin gadoon kuufamteefi goddaannisni hanga ammaa hin waldhaanamin akka jiru waan waakkatamuu miti. Weerarri lafaafi daangaa babal’ifannaa olola jibbiinsaa hamaan dabaalame geggeeffamaa jiru kun, madaa hin qoorinitti ashabaoo firfirsuun, hariiroo ummattoota lamaanii gara walwaraansa badii walootti akka oofu qaamonni hundumtuu hubachuu qabu. Walwaraansi naannoleefi saboota lamaan gurguddaa kana jidduutti godhamu, isaan lamaan qofa osoo hin taane biyyattii diigumsaafi Gaanfa Afrikaa ammoo jeequmsa daran hammaataaf kan saaxilu ta’uun beekamee gochi kun saffisaan akka dhaabatu KFOn ni hubachiisa.

3) Koreen Hojii raa’achiiftuu dhumarratti kan mari’ate qaala’insa jireenyaa guyyarraa guyyattti hamaachaa deemaa jiru irrattiidha. Gatiin midhaan nyaataa, kiraa manaa, boba’aa, xaa’oo, shanyii fi shaqaxa adda addaa saffisaan garmalee dabaluun ummanni irra jireeessi sadarkaa nyaatee buluu, daara bahuu dadhabuu, fi dahoo bulmaataa dhabuu irra akka gahu taasisee jira. Sababni guddaan qaal’insa jireenyaa kana fide walwaraansa (civil wars) biyyattiin kallaattii hedduun keessaa jirtuudha. Walwaraansi kun biyyattii nagayaafi tasgabbii dhabsiisuun daldalli biyya keessaafi alaa akka gadi bu’u, omishaafi omshitummaan qonnaan bulaafi warshaalee akka hir’atu, invastimentiin biyya alaa irraa dhufu akka haphatu, baajatni mootummaa misoomaaf ooluu malu waraantti akka qisaasamu, sababa qoqqobbiitiin galiin bifa garagaarsaafi liqiitiin argamaa ture akka adda citu ykn hir’atu ta’uutu diinaggee biyyattii kufaatii hamaa irraan gahe. Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu mootummaa itti gaafatamumma jalaa of baasuuf quba isaa gara daldaltootaatti qabaa jira. Kun yeroodhaaf xiyyeeffannoon ummata rakkeetee mootummaa irraa akka garagalu yoo fayyade malee diinaggee biyyattii saffisaan jigaa jiruu baraaruufi qaalayiinsi jireenya samii tuqe too’achuuf faaydaa hin qabu. Falli jiru walwaraansa biyyattii kallattii maraan goolaa jiru saffisaaan dhaabuun, waldhibdee jirtu qawween osoo hin taane ilaafi ilaameen furutti qalbii deeffachuun biyyatti tasgabbeessuu akka ta’e KFOn cimsee amana.

Walumaagalatti rakkoo nageenyaas ta’ee qaala’insa jireenyaa biyyatti goolaa jiruu furuuf falli jiru walwaraansa kutaalee biyyatti garagaraa keessatti geeggeeffamaa jiran dhaabuu, garaagarummaa siyaasaa jiru lolaan osoo hin taane mariin hiikuutti deebi’uu akka ta’e KFOn ammas irra deebi’ee hubachiisa. Kanaafu mootummaanis ta’ee qaamoleen hidhatanii socho’an gara dirree mariifi nagayaatti deebi’uun kuufatii diinaggee, dararaa ummataa daran hammachaa jiruufi diigumsa biyyaa as deemaa jiru akka hanqisan waamicha dhiheessina.

Koree Hoji Raaw’achiiftuu KFO
Ebla 1, 2014 ALH

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: