Home Health Bowwoo Daanaa – (Migraine Headache)

Bowwoo Daanaa – (Migraine Headache)

by Kedir Abdulatif

Bowwoo Daanaa – (Migraine Headache)

Dhukkubiin mataa/bowwoon sababa namni mana yaalaa deemuuf keessaa isa ijoodha. Bowwoon/dhukkubbiin mataa iddoo lamatti qoodamuu danda’a;
‘Primary Headache’ – bowwoo rakkinna biraa irraa hindhufneefi
‘Secondary Headache’ – bowwoo sababa dhukkuba birootiin dhufe jedhame iddoo lamatti qoodama.

Sammuu keessattiifi qaamota sammuufi lafee sammuu/buqqee jiduu jiran keessatti dhiigni jiguun, Manjalloofi infeekshiiniin tokko tokko, xannacha sammuu keessatti biqiluufi gara sammuu faca’u akkasumas miidhamni/rukutamuun sammuu fa’a sababa ta’anii dhukkubbii mataa fiduu danda’u. Dhukkubii mataa/bowwoon sababa akkanaatiin dhufu kun ‘Secondary Headache’ jedhama.

Har’a garuu bowwoo sababa dhukkuba biroo malee mul’atan (Primary Headache) keessaa kan ‘Migraine Headache’ ykn Bowwoo daanaa jedhamu ilaalla.

Bowwoo daanaan uumaamaan dhukkubbii mataatiif saaxilamuu irraa kan dhufuudha. Waggaa tokko keessatti dubaroonni %15 ta’aniifi dhiironni 6% tahan bowwoo kanaan rakkachuu nidanda’u jedhamee tilmaamama. Bowwoo daanaan dhukkubbii mataa cinaa tokkoo (yeroo hedduu) ykn cinaa lachuutiin alattis mallattoolee armaan gadii kanas yeroo hedduu ni mul’isa:
* Nama lolloojjeessuu,
* Ifa nama jibbisiisuu,
* Nama haqqisiisuu,
* Sagalee garagaraafi waca nama jibbisiisuu,
* Lafti namaan maruu,
* Gurri namatti iyyuu/wacuu,
* Sochii wajjiin bowwoon namatti jabaachuu,
* Ijji namatti didimmisuu/ wanti akka qaanqee ija duratti namatti mul’achuu
* Yeroo xiqqoof of wallaaluu,
* Qaamni nama hargufamuu/ akka gaggabdoo nama gochuu
fa’atu jiraachuu danda’a.
* Isaan 25% ta’an irratti dhukkubbii mataa dura mallattooleen tokko tokko argaafi xiyyeeffannoo ijaa irratti, akkasumas sochii qaamaa too’annoon alaa ta’e tokko tokkoofi dubbii/haasaa irratti jijjiramni mul’atan ni jiru.

   Bowwoon kun namoota isa qaban irratti sababa garagaraatiin deddeebi’aa kan dhufu ta’a. Yeroon turtii inni itti deddeebi’uufi yeroo namatti deebi’e hammi inni nama irra turuufiii hammi dhukkubbii isaa namaa gara namaatti garagara. Yeroo hedduu wantoonni dhukkubbii kana namatti kaasan jiraataniyyuu isaanis namaa nama irratti garagara ta’uu danda’u. Wantoota/sababoota namatti kaasan keessaa:
* Ifa guddaa ta’eef saaxilamuu,
* Waca ykn sagalee guddaa ta’e tokkoof of saaxiluun,
* Beelawuu ykn nyaata keenya yeroon nyaachuu dhabuun,
* Halaa ol cinqamuu ykn dhiphachuun,
* Sababa jijjiirama hormoonotaatiin wal-qabatee yeroo xurii laguu/dugdi dhufu
* Hirriba gahaa ta’e rafuu dhabuun ykn hirriba heddumeessuun,
* Alkoolii baay’isanii dhuguun
Wantoota/sababoota (‘trigers’) Bowwoo daanaan akka namatti ka’u/namatti deebi’u godhan keessaa isaan ijoodha.

Maal haa goonu?

~ Dhukkubbiin mataa/bowwoon keenya Bowwoo daanaati jennee taa’uu keenyaan dura Doktora bira deemnee ilaalamuun adda baafachuu.
~ Bowwoo daanaan kan nama wajjiin jiraatu ta’uu isaatiifi jijjiirraa amalaa barbaachisoo ta’an tokko tokko gochuun bowwoon kun akka nutti hin deddeebine kan gochuu dandeenyu ta’uu hubachuu.
~ Wantoota (trigers) isa nutti kaasuu danda’an kan armaan olitti eeramaniifi kan biroo adda baafachuun, saaxilamummaa wantoota kanaaf qabnu hir’isuu.
~ Sochii qaamaa gochuu, fuduraaf kuduraa nyaachuu, hirriba gahaa argachuu, haguma danda’ameen cinqamuuf dhiphachuu dhabuu, alkooliifi buna baay’isnee dhuguu dhabuu,
~ Yoo jijjiirraa amalaa kanneeniin fooyya’uu dide qorichoonni garagaraa kan sadarka dhukkuba kanaatiin kennaman waan jiraniif mana yaalaa deemnee yaala argachuu.

Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa daha!

©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: