Home Aadaafi Aartii Daangaa H Qanani – Shillimii

Daangaa H Qanani – Shillimii

by

Daangaa H Qanani – Shillimii (Sirba Aadaa Arsii)

Traditional Oromo Arsi wedding song.
Artist: Daangaa H Qananii
Music Title: ‘’Shillimii’’
Meldoy folk and Jirenya Shiferaw
Lyrics people folk
Director: Lencho Fikru

Edited by Abdisa Turi (Ashalamo) After the song is released. Oromo Author.

Sirbi kun Bayi Bayeen eegalee Tartaariin xumurama. booyicha durbaa jechuuniin dandeenya. Booyichi durbaa/Tartaariin kun ammoo seera fuudhaa-heerumaat Arsi’ii keessatti. Guyyaa sirnya cidhaa ammoo haalan beekkama. Intalli heerumsiisanii fi hiriyyeen isii booyichuma sirrii booyanii mararoo agarsiisu. Tartaariin kun ammoo booyicha lafichoo caala. Intalli heerumsiisan tun bobaa abbaafi haadhaa jalaa baatee qe’ee nyaaphaa dhaqaa waan jirtuuf nibootti. Gosaafi hamoommonnis ‘’maal jettee bootte?’’ jedhanii gaafatan.
Sagalee isii ol kaastee akka gurra nama qirqirfachiisutti bootti. Yoo kana worra isi’ii faarsiti, geegawo’oo kadhatti, worra’a jirutti nagaa dhaamatti.

  Garuu worra’a fudhatu ammoo ni qeeqxi sun aadama. Heerumuun nyaapha dhaquun uumaa akka ta’e hiree intalaa ta’uu hirqiffattee bootti. Keessaayyuu yoo abbaafi haadha keessaa tokko du’ee jiraate uummata garaa balleessitee bootti. Niyaadachiifti. Booyichiifi gara nyaattoon kun wonti barbaachiseef qe’ee ofii dhiistee deemaa waan jirtuufi.
‘INTALLI FUULA WORRA DHALATTEEF, GARAA WORRA FUUDHE FAKKAATTI,’’ Mammaaksa Oromoo Arsiiti.

   Sagaleedhaan akka armaan gadiitti bootti, booyichi isii wolaloofi yeedaloo qaba. Fakkeenna armaan gaditti haa ilaalluu.
Hirishaa harki hallee,
Tajaalalaa darabo’o addaan gallee;
Baale dhaqaa, geegawo’oo atta godhaa?
Geegessituu garaa aayyii
Harma hodhaa harma kee nan guusisin!
Gargargallee gindoo hodhee
Gingilchaa natuun geeffatinii
Abbaa kiyya Hajjiyyoo bira’ayyuu
Natti muree anatuun beekkatinii

Beekkadhee beekkadhuu ka maal tawu
Dhiisullee jalaan bayuu;
Farad adii ati badii
Situu karaa kana baasee
Hiree durbaa ati badii
Situ biyyaa ana baasee.
Biyyaa bayuun laga shanii
Biyyaa bayee tiyya oduun haga sanii…………..” fi mararoo hedduu kaastee gara nyaattoo isii ibsatti.

   Sirbi amma Daangaa H. Qananii hojjate qaama sirba kanaati. Sirbi kun woraabbii isaa irraa kaasee haalli ittiin qindaaye gaariidha. Aadaa ganamaa sana agarsiisuu yaalanii jiru. Wolaloo sirbichaa asiin gaditti haa dubbisnuu
Shillimii bareeda durbaa iyyee Xurumbaan;
Goshoo goodayyaan filinii bassii dhayadhuu;
Nyaapha dhaqanii hin galanii garaa hidhadhuu;
(Goodayyaan akka itti rifeensa dhayataniidha, akki durbi asirra jirtu tun itti dhayatte Arsii biratti Goodayyaa jedhama. Gidduun bassaa qaba) nyaapha jechuun amba yookaan qama hin beekne ka bira dhaqaa jirtu jechuudha.

Mana kee guddaa kabanii;
Ol goree manaa si dhabee ana haa dhabanii;
Silaa wolumaan shir goonaa;
Lixxee maal goonaa;
(kun kophatti hafuu, akka deebi’anii wojjiin tapachuu hin dandeenye mukaayuu agarsiisa)
Gosa kee maqaan daraarii maqaan daraarii
Dubbataa jidduu lamaanii aboo kasaarii
Silaa wolumaan shir goonaa lixxee maal goona (Dubbataan jidduu lamaanii kun Keetticha jedhamees beekkama. Kan jidduu deemee dubbii fixu. Isa ammoo intalli heerumtu ni abaarti)

Sa’a kee maqaan Nageellee maqaan Nageellee;
Kennanii duruu dhageennee garaa nun geennee;
Silaa wolumaan shir goonaa,
lixxee maal goonaa;
(Akka abbaan kenne dhagayanii jiru, akka mufii qaban; garaa geetteen jirtu jechuudha)
Shillimii bareeda durbaa iyyee xurumbaan
Goshoo goodayyaan filinii bassii dhayadhuu
Nyaapha dhaqanii hin galanii garaa hidhadhuu
Iyyaree iyyaree 
Iyyuu tiyyaa
xiyyaara yaabbadhee
deemuu kiyyaa
Iyyaree ayyaree
Iyyuu tiyya
Makiinaa yaabbadhee
Deemuu kiyyaa
Iyyuu tiyyaa (miila fageeffachuu agarsiisuu, deemuu isii garaa murannaan himaarti)
Hiriyyee nagaatti hoo
Hiriyyee nagayaatti hoo
Hiriyyee nagaatti naa eebbisaa hoo
(nagaa dhaamachuu, nagaatti jettee boottee nagaa dhaamachuudha)

Jomoree hidhata mormaa
Goshiyyoo silaa sii mormaa
Anuu waan ormaa
Silaa wolumaan shir goonaa lixxee maal goonaa (Goshoon isiis akka heeruma hin oolle himti asitti, silaa sii dhaabadhee heeruma si oolchaa anas naan ooltu waan ta’eef obsee si geegessa jechuudha.)

Anumaa asiin ol deemuu na dhoofte gufuun
Mana goshiyyoon hin jirre anuun dhufuu
Eennu na jalaa dubbataa mannuu na nyaataa
Manni goshiyyoon hin jirre silaa hin jabaataa
Silaa wolumaan shir goonaa lixxee maal goona

Shillimii bareeda durbaa iyyee xurumbaan
Goshoo goodayyaan filinii bassii dhayadhuu
Nyaapha dhaqanii hin galanii garaa hidhadhuu
Hiriyyee nagaatti hoo
Hiriyyee nagayaatti hoo
Hiriyyee nagaatti naa eebbisaa hoo
Loqoda waaltinnaa fi Oromoo Arsiin barreeffame.
Waan dubbistanii galatoomaa.

©Abdisa Turi

YouTube irratti daawwadhaa 👇👇👇🙏

You may also like

1 comment

Debela wakwoya tolassa June 20, 2022 - 10:09 am

jabaadhaa jajabee keenya..love uuu

Reply

Leave a Comment

%d bloggers like this: