Harkaan hidhatanii, ilkaanin isa hiikkatu;
Takka mi’eeffatanii, lamuurra beekkatu;
Harki hidhe dadhabee, hiikurratti laafaa;
Kan lama deebi’e, sadaffaarratti naafaa.
–
Bara waa cufti haasahe, nutin dhalanne;
Uumamni duraanii, shira kanan baranne;
Osoo tahee silaa, akka bara ammaa kana;
Wal-duguugee wal-fixaa, ilaa wayta sana.
–
Garuu hintaane,
Taruu jala baane,
Hunda walitti waca, maratu wal-nyafara;
Waliifin galu boca, baratu ofiif ol-hafara;
Gola walii seenee, icciitii walii binbinsa;
Baalqee wali cokee, qinqinii wali firfirsa.
–
Dhibba dhufnee dhiigna,
Jilba kufnee fiigna,
Osoo har’a ta’ee, eebada salphina keenna;
Sila harka marannee, waa cufaa dheenna;
Dharraaneetin dhabna, bakkatti dhokannu;
Rarraaneetin cabna, soqoleerratti korannu.
–
Kan naman taane, namaa miti namaan jedha;
Kan of-naman goone, waadhibaa nama godha;
Akka waan yaadasaatin, dhilamnee bocamnuu;
Akka waan harka isaatin, miicamnee afamnuu.
–
Baratu waafidaa,
Namatu waadidaa,
Kottoonfannee dhiibna, mararfata lubbuu;
Guduunfannee ciifna, balaaleffata cubbuu;
Mee itti siqaa ilaalaa, dhaloota isa boruu;
Gaafuma dhalatu, namaan jedhu nooruu.
–
Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Asi tuqii – Viidiyoo Ilaali!
previous post