Home Fayyaa Dhibee Kintaarotii (Hemorrhoid)

Dhibee Kintaarotii (Hemorrhoid)

by

KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile
********************************
Kintaarootiin iitaa qaama taa’umsaa irratti mul’atu yoo ta’u innis hiddi dhiiga-deebistu kan naannoo ta’uumsatti gurmuun argamu yoo iita’u kan dhufu dha. iitaa kanaaf wontootni hedduun sababa ta’uu malu. Isaan kessaas:
* Yeroo bobbaaf taa’an baay’isanii ittanuu
* Qufaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Furdinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu.
* Wol qunnamtii saalaa qaama taa’umsaatiin raawwachuu.
* Garaa gogsuu ykn baasaa yeroo dheeraaf nama irra ture
* Yeroo dheeraaf deddebi’anii waan ulfaatu fuudhuu/kaasuu
* Dhukkubni tiruu ykn dhukkubni biraa kan iitaa garaatiif nama saaxiluu jiraachu
* Nyaata akka fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuun wontoota rakkinna kanaaf nama siixilan keessaa isaan ijoo ta’aniidha.
* Irra jireessaan ga’eeyyiiwan woggaa 20 ol ta’anifi haadholii ulfaa irratti hedduminnaan mul’ata.
* Yeroo kaan caalaa yeroo qilleensi ho’aan jiru irra muldhachuu danda’a. Innis sababa hoo’i hidda dhiigaa keenya akka babaldhatu (vasodilation) jiraatu godhuufi nama hooksisuufi.

—-
Mallattoofi rakkinna Kintaarotii irraa dhufuu danda’an:
– IItaa qaama taa’umsaa irratti mula’atu ykn iitaa qaama taa’umsaa keessaa gadi bahe mula’tu. Kintaarootiin keessa qaama taa’umsaa kessatti bahus (Internal Hemorrhoid) ni jira; inni kun sadarkaalee afur kan qaba:
▪︎Sadarkaa I: Gurmuu hidda dhiiga-deebiftuu keessa qaama taa’umsaatii bahe. Kun alatti hin muldhatu. Inni kun yeroo hedduu dhukkubbiis hin qabu.
▪︎Sadarkaa II: Inni kun keessa qaama ta’umsatii kan gadbahu ta’ee, garuu ofuma isaatii ol deebi’a.
▪︎Sadarkaa III: Kun ammoo iitaa gad bahee, harkaan/qubaan oldeebifamudha. Inni kun nama hoksisuufi dhukkubis ni qabaata.
▪︎Sadarkaa IV: Kun kan gad bahee muldhatu, qubaanis kan ol hin deebineefi keessaa qaama ta’umsaatii ala bahee kan jiru dha. Inni sadarkaa III fi IV kun woldhaansa akka opireeshiiniin muranii baasuus kan barbaadudha.

– Yeroo bobbaaf taa’an nama dhukkubuu ykn miirri akkasii namatti dhagahamuu.
– Akkasumas dhukkubii malee dhiigni sagaraa irratti ykn woraqaa ittiin haxaayannu irratti argamuu.
– Naannoo ta’umsaa nama hoqsisuu/hossisuu/
– Yeroo tokko tokko sagaraan/bobbaan to’annaa malee ofuma gadi bahuu (keessattuu yoo tuttuqamee jiraate)
-Darbee darbee sirritti dhiiguu waan danda’uuf ykn dhiigni suuta suutaan dhiigu kun hanqinna dhiigaatiif nama saaxiluu danda’a.
– IItaan kunis micciramuun ykn guduumfamuun, akkasumas dhiigni ititee hidda dhiigaa naannoo saanaa cufuun dhukkubbiin hamaan tasa akka nutti dhagahamu gochuu mala. Yeroo dhukkubbiin hamaan akkasi namatti dhagahame hatattamaan mana yaalaa deemuu.

—-
Tooftalee armaan gadiitiin fayyadamuun Kintaarootii of irraa hanga isaa xiqqeessuun ykn dhukkubbii namatti dhagahamu San balleessuun ni danda’ama:
* Bishaan hoo’isanii sooqida moonqaa lama/sadihii itti naqanii daqiiqaa digdamaaf qaama teessumaatiin keessa taa’uu. Bishaan xiqqoma ha hoo’uu barbaadama malee nama gubuu hin qabu. Kana gochuun dhukkuboota nannoo ta’uumsatti mul’atan hedduuf faayidaa guddaa qaba.
* Cuunfaa loomii itti dibuu.
* Fuduraleef Kudurallee adda addaa (kan akka shaanaa, kaarotii, dinnichaa, atara, muuzii, abukaadoo fi kkf) nyaachuu.
* Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha, fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif yoo xiqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu.
* Yeroo dheeraaf baay’isanii taa’uu dhabuu
* Nyaata qibaatiin itti baay’ata, foon, killee/buuphaa fi isaan irraa tolfaman hirdhisuu
* Cabbii qabanahaa ta’e iddoo taa’umsaatti qabuun. Guyyatti yeroo hedduu akkas gochuun iitaa san haalaan ni xiqqeessa.
* Bobbaa dabarsuu dhabuu. Yeroma inni namatti dhufe/mudde taa’uu, dabarsuu dhabuun faayidaa hedduu qaba.
* Akkasumas mana yaalaa deemanii rakkina jiru iftoominnaan erga Doktoratti ykn ogeessa yaalatti himan booda qoricha ykn yaala biraa (Opireeshinii sasalphaas ta’uu mala) isaan namaaf ajajan haalaan fudhachu/fayyadamuu
* Mallatooleen armaan olitti eeraman keessaa tokko tokko malattoo dhukkuba kaansarii mar’umaan guddaas ta’uu waan danda’aniif, keessattu umriin keenya woggaa 50 ol yoo ta’e mana yaalaa deemanii qoratamanii adda baafachuun barbaachisaadha.


Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa dahaa, fayyaa ta’aa!

©Dr Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: