Home Fayyaa Dhukkuba Asmii

Dhukkuba Asmii

by

DHUKKUBA ASMII – Bronchial Asthma

Asmiin keessi ujummoolee qilleensaa akka dallananii iita’aniif dhiphatan, akkasumas dhangala’aa akka furrii (mucus) guutaman gochuun ujummoolee qillensaa gara gadii (gara Sombaa) jiran dhiphisuun hafuurri/qilleensi akka nama hanqatu ykn ukkaamsuu, nama qufaasisuufi akkasumas hafuura yoo fudhatan sagaleen dhagahamu (xiichaa, sheengarsiisu) godha.

Asmiin namoota garii irratti mallatoma salphaa muldhisa; garii ammoo hedduu cinquu, itti hammachuufi, itti deddebi’uun rakkisuu danda’a. Asmii guutuun guututti yaalanii balleessuun baatamuyyuu, mallatooleen jenne kun akka namatti hin hammaanneef to’achuun ykn yaaluun ni danda’ama.

Dhukkuba Asmii kana maaltu fida?

Guutuun guututti jala sararanii sababa kanaaf jechuun ulfaatuyyuu sababa uumaa (genetics)fi naannoo tokko tokko (environment) irraa ta’a.

Wontootni Asmii namatti kaasanis akkasuma namaa namatti garagara. Haa ta’u malee yeroo hedduu wontoonni Asmii namatti kaasan:

  • Dhukkee, folii ykn foolii balfaa beeyladoota, foolii baala mukken tokko tokko irraa harca’anii.
  • Qilleensa Qabana’aa
  • Foolii yeroo roobni roobe booda lafaa oldhufuun
  • Qakkee/ Hibibii/ Uttalloo/ Biiqaa
  • Aara yeroo wontonni tokko tokko gubatan aaru
  • Sochii qaamaa (ispoortii hojjachuu)
  • Qorichoota tokko tokko kan akka Asprin, Ibuprofen fi gartuu beta-blockers jedhamuun beekamanii fudhachuun
  • Cinqii fi yaaddoo, miiraa ol’aana ta’e

* Dhukkuba aasidiin garaachaa gara kokkee akka ol deebi’uu godhu (GERD) fa’a namoota Asmii qaban irratti mallatoo isaa namatti kaasuufi hammeessuu danda’u.


Mallatooleen Asmii maal fa’adha?

Akkuma jenne mallatooleen muldhatan turtiinis hammeenyanis ta’ee haalaan namaa namatti garagara. Nama tokko tokko yerooma sochi qaamaa (ispoorti) qilleensa qabanaayaaf gogaa keessatti hojjatu qofa irratti muldhachuu danda’u. Kaan ammoo yeroma heddu itti deddeebi’uun muldhachuus malu.

Akkuma woliigalaatti mallatooleen Asmii:

  • Hafuura nama kutuu, hafuurri nama hanqachuu ykn nama ukkaamsuu
  • Qoma irratti namatti ulfaachuu ykn dhukkubbiin namatti dhagahamuu
  • Yeroo hafuura gad baafatan sagaleen dhagahamu ( xiichaa, sheengarsiisuu,)- Wheeze
  • Qilleensi nama hanqachuu, qufaafii Xiichaa irraa kan ka’e hirriba dhabuu
  • Qufaaf xiichaan (wheeze) yeroo Hibibin/Biiqaan/Utaalloon/Qakkeen nama qabe namatti hammaachuu ¤ Mallatooleen kun yeroo gabaabaa keessatti namatti deddebi’uun, namatti hammachuu danda’u. Turaas dhufuu danda’u.

Wontoota carraa Asmii horachuu keenya dabalan:

  • Maatiin (abbaaf haati) ykn obboleessi keenya Asmii qabaachuun
  • Dhukkuboota Alarjii akka alrjii gogaa fi alarjii funyaan nama ukkaamsuu.
  • Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu
  • Tamboo, sigaaraafi kan biroo aarsuu

* Worashaalee keessatti Keemikaalota garagaraafii foolii isaniitiif saaxilamuu, foolii farra-aramaa ykn farra-ilbisotaaf yeroo dheeraaf saaxilamuun, uumaan (genetics)-iin dabalata carraa Asmii horachuu/qabaachu keenya kan olkaasaniidha.


Namni Asmii qabu maal haa godhu?

  • Wontootafi haala dhukkubicha itti hammessan adda baafachuu. Saaxilammummaa wontoota Asmii itti kaasan ka adda baafate kana irraa ofeeguu ykn saaxilamummaa isaaniif qabu daran xiqqeessu.
  • Mallatooleen jenne yoo itti hammachaa dhufan hatattamaan gara mana yaalaa deemuun yaala barbaachisu argachuu.
  • Qorichoota kennamaniifi fudhachaa ture haalaan rogatti fudhachu.

* Waa’ee dhukkubichaa irratti gaafiif waan beekuu isa barbaachisu ogeessa fayyaa isa woldhaanu gaafachuufi woliin mari’achuu.


Horaa, bulaa, deebanaa!

Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!

©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: