Home Health Dhukkuba Mukuu (Depression /Major Depressive Disorder)

Dhukkuba Mukuu (Depression /Major Depressive Disorder)

by Kedir Abdulatif

Dhukkuba Mukuu (Depression /Major Depressive Disorder)

Jiruuf jireenya keessatti haalaafi rakkoo nama mudatu tokko tokko irraa yeroo gabaabaaf muukayuun wonnuma jiru. Inni kun akka rakkootti ykn dhukkubaatti hin ilaalamu. Haa ta’u malee Dhukkubni Muukuu dhaabbiidhaan jijjirraa haalaa-amalaa (Mood) irraa kan ka’e miira gaddaafi fedha-dhabuu wolitti aansee yeroo dheeraaf nama mudatu ykn namatti dhagahamuudha. Kun ammoo haala yaadaa, miiraa, fi fedhaa-abdii namaa jijjiiruun namni wontoota guyyaa guyyatti dalagu (hojii, barnoota, fi kkf) irratti fedhaafi abdii akka dhabuufi dadhabbiin akka itti dhagahamu gochuun mallatoolee haalaa-amala xiinsammuufi qaamaaf nama saaxila.

Dhukkubni Muukuu dadhabii ykn miira gaddaa yeroo gabaabaaf namatti dhagahamee badu sanii miti, inni kun dhaabbiidhaan/itti fuufiinsaan kan namitti dhagahamuufi yaala kan barbaaduudha. Yoo yaala argachuu baatanis hanga sadarkaa of balleessuu (Of Ajjeesuu) kan nama geessuu danda’uudha. Dhukkubni Muukuu gosaafi sadarkaa garagaraa qaba.

Mallattoolee Muldhatan:
Mallattooleen kun yeroo Dhukkuba Muukuu yeroo dheeraaf wolitti aansanii kan namatti dhagahaman yoo ta’u yeroo hedduu guyyaa hunda namatti dhagahamuu malu:
* Miira gaddaa, imimmaanii, duwwummaa ykn abdi-dhabummaa
* Dhimmuma xiqqoo irratti garmalee aaruu, dallanuu, of-fixuu, ykn loluu
* Fedha dhabuufi wontoota armaan dura gammachuu isaaf umaan/kennan sanittis gammaduu dhabuu
* Jeeqamuu haala hirribaa (hirribni nama diduu ykn garmalee baay’isanii rafuu)
* Mirri dadhabbii namatti dhagahamuu, humna dhabuu,
* Fedhiin nyaataa xiqqaachuu ykn dhabamuu, kanaaf qamni huqqachu. Yeroo tokko tokko ammoo fedhiin waan dabaluuf deddebi’ani nyaachuu irraa qaamaan gabbachuu/furdachuu
* Cinqamuu, burjaajayuu, boqonnaa dhabuu
* Suuta socho’uu deemuu, yaaduu, ykn harkifataa dubbachuu
* Waan darbe kaasaa aaruu, waan dagatamee ture kaasanii dallanuu, of-komachuu, miirri gati-dhabummaa namatti dhagahamuu
* Dandeettiin waa qayyabachuu, hubachuu, yaaduu, madaaluu, fi xiyyeeffannoo gadi bu’uu.
* Waa murteessuuf rakkachuu. Fkn waan salphaa akka nyachuuf nyaachuu dhabuuyyu dabalatee jechuudha.
* Bowwoo ykn dhukkubbiin dugdaa namatti dhagahamuu.

Yeroo hedduu namoonni Dhukkuba Muukuu
qaban mallatooleen asi olitti eerre kun haala jabaafi dhaabbii ta’een kan irratti muldhatu ykn itti dhagahamu ta’ee, haalli kun ammoo dalaggaa isaanii (hoji, barnoota, gageessummaa) fi haala jiruuf jireenya hawaasummaa isaanii irrati kan dhiibbaa ykn rakkoo fidudha.

Ijoollee irrattis mallatooleen kaafne kanaan ala dabalataan mana barnootaa deemuu diduu, jeequu, hiriyyoota woliin waldhabuu/wol-loluu, of miidhuu ykn of xagaruu, bu’aan barnootaa isaanii gadi bu’uu, ijoollee ykn hiriyyoota isaanii wojjii taphachuu dhabuu, ykn namatti/hawaasatti dhihaachuu dhabuu ykn of fageessuu, manuma keessa ooluu, fa’a ta’a.

Namoonni Dhukkuba Muukuu qaban fedha, abdii fi hiikkaan jiraachuu duwwaa ykn faayida-dhabeessa ta’ee waan itti muldhatuuf yaalii of ajjeesuu deddebi’anii godhu, yoo takkaan milkaayan ammoo isaan dhabuu dandeenya. Kanaaf hiriyyaa ykn miseensaa maatii keessan kan miira akkana qabaatan itti dhiyaattanii dubbisuun, iddoo yaala argachuu danda’an dursanii fiduun hedduu takka barbaachisaadha.

Ka’umsaafii Sababni maal ta’uu danda’a?
Namoonni Dhukkuba Muukuu qaban haalli keemikaala narvii/sammuufi hormoonotaa isaanii kan nama kaanii irraa yeroo hedduu garaagarummaa ni muldhisa. Akkasumas dhaala-amalaa (inherited traits) maatii irraa dhufus shoora akka taphatu qorannooleen ibsan ni jiru.

Wontoonni carraa Dhukkuba Muukuu horachuu keenya dabalan:
* Amala namummaa tokko tokko fkn miira gad-aantummaa, of danda’uu dhabuu fi ykn of-qeequu/of-tuffachuu qabaachuun
* Rakkoolee jiruuf jireenya irratti nama mudatan (fkn humna maallaqaa dhabuu, maatii ykn nama jaalatan du’aan dhabuu, miidhaan qaamaa ykn miidhaan gudeeddaa saalqunnamtii nama mudachuun, hiriyyaa/jaalallee/ykn haadha/abba-manaa ofii wojjiin hariiroo gaarii hin taane qabaachuun ykn addaan bahun) carraa Dhukkuba Muukuu horachuu ni dabalu.
* Maatii dhiigaa Dhukkuba Muukuuf saaxilame qabachuun
* Dhukkuba Jeeqamuu Sammuu kan biroo qabaachuun
* Alkoolii baay’isanii fayyadamuunii fi araada birootiin qabamuun
* Dhukkuboota qaamaa nama irra turan (chronic illness) akka Istrookii, Kaanseeriifi dhukkubbii yeroo dheeraaf namatti dhagahamu qabaachuun
* Akkasumas qorichoonni hirribaaf jedhanii fudhataman tokko tokko Dhukkuba Muukuutif nama saaxiluu danda’u.

Xaxaawwan Dhukkuba Muukuu irraa dhufan ykn nama mudatan:
* Miirri dhukkubbii qaama guutuu namatti dhagahamuu irraa hojii dalaguu dhabu
* Gadda, Fedhii-dhabuu, abdii murachuu fi mallattoole isaa kan biroo dagachuuf jecha alkoolii baay’isanii dhuguu irraa miidhamuu
* Cinqamuu, dhiphachuu.
* Hariiroo gaarii hin tane hawaasa wojjiin qabaachuu. Hawasa irraa adda of baasuu.
* Maatiin woldhabuu, maatitti makamuu nuffuu, jibbuu fi maatii irraa fagaachuu.
* Of miidhuu, of muruu, of woranuu, of madeessuu,
* Yaalii of-baleessuu (of ajjeesuu) deddeebi’anii yaaduu, yaaluu fi raawwachuun xaxaawwan Dhukkuba Muukuu irraa nama mudatan keessaa muraasa.

Dhukkubni Muukuu (Clinical Depression) yaalamuu ni danda’a. Yaalamuus qaba. Yalli isaa kennamu bifa qorichaatiiniifii gorsa halaa xinsammuu (psychotherapy) ogeessaa yaala sammuu (Psychiatrist) ykn ogeessa xinsammuu (Psychologist)n kennamuun ni yaalama, ni foyya’a. Yeroo hedduu namoonni Dhukkuba Muukuu qaban ofii isaaniitii deemanii ilaalamuu hin fedhan, kanaaf maatii ykn hiriyyaa keenya miirriifi mallattooleen asii olitti eerre itti dhagahamu ykn irraa muldhatu jiraannaan iddoo yaalaa fiduun yaala barbaachisu akka argatu gochuu qabna.

Ulfaadhaa, horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa dahaa, fayyaa ta’aa!

©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: