Home Health Dhukkuba Riyii (Rheumatoid Arthritis)

Dhukkuba Riyii (Rheumatoid Arthritis)

by Kedir Abdulatif

Dhukkuba Riyii (Rheumatoid Arthritis)

Hawaasa keessatti maqaa woliigalaa Dhukkuba Riyii jedhamuun kan waamaman  hedduu ta’anillee, isaan keessaa hardha waa’ee “Rheumatoid Arthritis (RA)” kana ilaalla.

Dhukkubni (Rheumatoid Arthritis) kun dhukkuba xooxeffannaa ykn kulkulfannaa qaamaa yeroo-dheeraaf nama wojji jiraatu ta’ee irra-jireessaan buusaawwan ykn cabsataawwan (joints) keenya kan miidhu ta’ullee qaamota biroo kan akka gogaa, ijaa, somba, onnee, kalee, dhuka lafee fi hidda dhiigaa irrattis rakkoo fiduu mala.

Ka’umsi dhukkuba kanaa sirni ittisa qaamaa keenya kan dhukkuboota gargaraa nurraa ittisuufi jarmoota garagaraa qaama irraa ittisu, yoo qaamuma keenya kan fayyaa qabu (tishuuwwan buusaa qaamaa) dogongoraan rukutu kan mudatuudha. Qajeellootti maaltu akka sirni ittisa qaamaa keenya wol-rukuttaa kana akka jalqabu isa godhu beekkamuu baatullee, uumaan (genetics)n saaxilammummaa jiru irratti wontoota ( fkn infeekshinoota vaayirasi garagaratin) guyyaa keessa dhufan irraa sirni ittisa qaamaa akkas  ta’uu mala jedhamee yaadama.

Mallattoolee Dhukkuba Riyii (Rheumatoid Arthritis):

* Dhukkubbii, iitaa fi hoo’a buusaawwaanii ykn cabsataa
* Cabsata/buusaa nama-qabuu, diriiruuf kontooffachuu irratti, keessattu yeroo ganamaa fi yeroo sosochii malee turanii sochi’iif ka’anitti.
* Dadhabbii, hoo’aa fi fedha nyaataa dhabuu

• Dhukkubni kun yeroo jalqabaa buusaawwan ykn cabsata (joint) xixiqqoo kan akka buusaa iddoo qubbiin harkaaf lukaa, ganaa harkaafi milatti galan bira jiran huba. Adaduma dhukkubichi jabaataa deemuun buusaawwan/cabsata gurguddoo akka ciqilee, jilbaa, hidhaafi gateettii fa’as ni huba.
• Yeroo hedduu buusaawwan walfakkaatoo cinaa lachuu jiran huba (Fkn. yeroo wolfakkaatatti ciqilee bitaa mirgaa, ykn jilba bitaa mirgaa).
• Akkasumas buusaa tokkoo ol ykn buusaawwan hedduu yeroo tokkotti hubuu danda’a.
• Dhukkubbiin RA kun yeroo gara yerootti hammeenyi isaa garaagarummaa qaba. Yeroo namatti ka’ee garmalee nama dhukkubuu fi yeroo nama irraa lash jedhutu jira.
• Turtii woggootaa booda dhukkubni kun (Rheumatoid Arthritis) buusaawwan irratti miidhaa fiduun iddoo buusaa san dabsuu ykn jallisuun (deformed) gochuu danda’a.
• Akkuma jenne buusaan ala (Rheumatoid Arthritis) kun namoota %40 ta’an irratti qaamota biroos miidhuu waan danda’uuf mallatoon dabalataa qaamota miidhaman san irraa dhufuufi isaaniin wolqabatu jiraachuu danda’a.

Wontoota ykn barteewwan carraa dhukkuba RA (Riyii kanaaf) saaxilamuu keenya dabalan:

* Saala lachuu irratti muldhachuu danda’ullee dhiira caalaa dubartii irratti yeroo hedduu muldhata.
* Umrii kam irrattuu nama qabuu danda’ullee, yeroo ga’eessummaa irra muldhata.
* Yoo maatii keessaa namni dhukkuba kanaan qabame jiraate, carraan miseensi maatiis gara fuulduraa dhukkubni kun irratti muldhachuu kana nama kaanii irra ni caala.
* Sigaaraa aarsuu. Uumamaan saaxilamummaan RA kun jiraannaan sigaaraa aarsuun akka dhukkubichi nu jalqabu gochuu danda’a. Akkasumas kan jirus ni hammeessa.
* Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e qabaachuu. Ulfaatinna hojjaa keenyaan wol-hin madaalle qabaachuun carraa dhukkuba kana horachuu keenya olkaasa.

Xaxaawwan dhukkuba Riyii (RA) kana irraa dhufan:

* Jabinna lafee keenya haphisuun ykn  laaffisuun akka miidhaa ykn haala salphaa ta’een cabuuf saaxiluu dandaa’a.
* Iitaa kuufama wolrukuttaa qaamaa irraa iddoo garagaratti uumamuu danda’u (rheumatoid nodules).
* Keessi afaaniifi ijji keenyaa akka goggogu gochuu. Jiidhinni silaa keessii afaaniifii ijji keenya qabu akka hirdhatu gochuu danda’a, akkasumas saaxilamummaa dhukkuba ijaaf keessa afaanii goggogsuu kan (Sjogren’s syndrome) jedhamuun hubamuu keenya haalan dabala.
* Carraa infeekshinoota garagaraatiin qabamuu keenya olkaasa.
* Narviin buusaa harkaa akka miidhamu gochuun haalli harkaa kee akka micciramu gochuu danda’a.
* Akkasumas carraa dhukkuba Onnee fi Sombaa kan dhukkuba Riyii bifa kanaan wolqabatuu qabaachuufi carraa dhukkuba kaansarii dhiigaa sirna liimfii kan (Lymphoma) jedhamuun qabamuu olkaasa.

Maal gochuu barbaachisa?

* Beekumsa hanga ammaa adunyaa kana irra jiruun dhukkuba Riyii kana (Rheumatoid Arthritis) guutuun guutuutti yaalanii balleessuun hin danda’amu. Haa ta’uu garuu akkuma dhukkubichi nama eegaleen yoo yaala argachuu jalqaban, carraan xaxawwan hamaa isa irraa nama dhaqqabu hanbisuu keenya ol’aanadha.
* Sigaaraa aarsuu dhabuu
* Sochii qaamaa dalaguu
* Iddoo buusaa dhukkubbii qabu sanitti waan ho’aa ykn cabbii itti qabuu.
* Ulfaatinna guddaa qabaannaan isa hirdhisuu
* Mana yaalaa deemnee ilaallamuun qorannoolee barbaachisu godhachuun yaala isaa hordofuu.
* Qorichootni Dhukkuba Riyii kana woldhaanuuf kennaman xaxaawwan dalgaa heddu waan qabaniif ajaja Doktora keessanii malee yeroo dheeraaf itti fuufinsaan fudhachuun miidhaa dabalataaf isin saaxiluu mala. Kanaaf gorsaafi hordoffii ogeessaa wojjiin fudhatamuu qabu.

Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
© Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: