Home Fayyaa DHUKKUBA SUKKAARAA FI MADAA LUKAA – (Diabetic Foot Ulcer)

DHUKKUBA SUKKAARAA FI MADAA LUKAA – (Diabetic Foot Ulcer)

by

DHUKKUBA SUKKAARAA FI MADAA LUKAA – (Diabetic Foot Ulcer)

Balaa tasaa nama mudatutti aansee fayyaa qaamaafii lubbuu baraaruuf jecha sababa miilli dhukkubsate nama irraa muramuuuf keessaa inni jalqabaa madaa koomee-lukaa nama Dhukkuba Sukkaaraa qabu irratti mudatuudha. Dhukkubsattoota Sukkaaraa keessaa %15 kan ta’an madaan kun isaan mudachuu danda’a.

Akkuma woliigalaatti xaxaawwan Dhukkubni Sukkaaraa namatti fidu garagaraa irraa ka’uun madaan nama Dhukkuba Sukkaaraa (DM) qabuu dafee fayyuu dhabuu, babaldhataa deemuu, Infeekshinii godhachuu, malaa guuruu, gara foonif lafeetti gad taruu fi haala salphaan foon gubbaa irratti du’uu (gangrene) godhachuuf daran saaxilamaadha.


Sababni uumaamuu madaa kanaa xaxaawwan dhukkubni sukkaaraa namatti fidu irraa kan dhufaniidha. isaanis:

  • ☆ Hammi dhiigaa gara miilaa deemu hirdhachuu
    ☆ Miidhamuu Narvii
    ☆ Rakkoo hidda-dhiiga geessituu gara gadii jiran
    ☆ Hamma sukkaaraa olka’aa ta’e qabaachuu.

Madaan tokko fayyuuf dhiigni gahaan wanta deebi’ee of ijaaruuf isa gargaaruu qabatee fiduufii qaba. Namoota dhukkuba sukkaraa qaban irratti hiddi dhiiga geessituu kun haala sukkaaraa wojjiin dhiphachaa dhufa. Kanaaf madaan sun dhiiga gahaa argachuu dhabuu irraa dafee hin fayyu. Rakkoon narvii miirri dhukkubbiifi ho’aa-qabanaa akka jijjiiramu taasisuun madaan suun dhukkubbii guddaa akka hin qabaanne gochuun akka babaldhatuuuf karra saaqa. Akkasumas rakkoon narvii biroo ammoo akka gogaan milaa-lukaa akka goggogu (jiidhiinsa dhabu) gochuun haala salphaan akka madayuuf saaxiluu mala. Hamma sukkaaraa olka’aa ta’e qabaachuun madaan sun dafee akka hin fayyine godha.

Wontoota ykn barteewwan carraa madaa miilaa-lukaa horachuu kana dabalan:

  • * Kophee qajeellotti lukaaf hin taane godhachuun (kan gar malee nama qabes, kan gar malee sololi’es)
    * Qulqullinna miilaa eeguu dhabuu (yero yeroon dhiqachuu dhabuu)
    * Erga miila miican booda sirritti goffachuu dhabuu
    * Qeensa qubbiin miilaa yoo muratan qajeellotti murachuu dhabuu
    * Alkoolii dhuguun
    * Sigaaraa aarsuun
    * Furdinna garmalee guddaa ta’e qabaachuun
    * Rakkoo argaa (ijaa), dhukkubni onneefi kalee jiraachuun.
    * Dhiibbaa dhiigaa olka’aa ta’e qabaachuun
    * Hordoffii dhukkuba sukkaaraa qabaachuu dhabuu irraa hammi sukkaara qaamaa olka’aa ta’ee turuun wontoota ykn barteewwan carraa madaa kana (Diabetic Foot Ulcer) horachuu dabalaniidha.
    * Isaan kaan caalaa worra dhiiraa umriin deemaan (jarsoolii) irratti hedduminaan muldhata.


Maaltu godhamuu qaba:
● Biyyoota akka keenyaa qorannoon dhukkubaan dura godhamu (Medical Checkup) hin baratamne keessatti, madaan lukaa ykn miilaa fayyuu dhabuu irraa qorannoo hamma sukkaaraa godhamuun fa’a namni yeroo jalqabaaf Dhukkuba Sukkaaraa qabachuun isaa beekamu mala.

● Madaa miilaa lukaa kanas ta’ee xaxaawwan Dhukkuba Sukkaara irraa dhufan kan biroo ittisuuf ykn tursuuf: nyaataa sirreeffachuun, sochii qaamaa haala idilee ta’een hojjachuu, hamma sukkaaraa yero yeroon hordofuun, fi yaalaafi dawaa ogeessi namaaf ajaje qajeellotti fudhachuun xaxaawwan dhufan ittisuuf ykn tursisuuf barbaachisaadha.

● Kunuunsa ykn ofeeggannoowwan armaan gaditti eeru kana luka ykn miilaaf gochuun madaa kana hanbisuu ykn yoo madaan kun mudate ammoo hatattamaan yaala argachuun barbaachisaadha.

  • ☆ Luka/miila keenya guyya guyyaan sakatta’uu. Baqaquu, tarsa’uu, xaramuu, biinxamuu, diimachuu, iddoo dhukkubbii qabachuuf qabachuu dhabuu isaa guutuun guututti koomee jalaafi jidduu qubbiin  lukaas ilaaluu ykn sakatta’uu.
    ☆ Yoo iddoon madaa ykn jabaate wohiis jiraate ofi harkaan kaasuu ykn buqqisuu dhabuu.
    ☆ Luka ykn miila duwwaa deemuu dhabuu. Iddoo deemsaa kamittuu qophee godhachuu.
    ☆ Qulqullina miila keenyaa eegu. Guyya guyyaan dhiqachuu. Yeroo dhiqannee kaane sirritti gogsuu. Qubbiin miilaa jiddus miicachuun gogfachuu.
    ☆ Yeroo hundaa kaalsii qulqulluu fi gogaa ta’e godhachuu. Kaalsii xuraaye ykn jiidhiinsa qabu kaawwachuu dhabuu.
    ☆ Kophee qajeellotti lukaaf ta’u godhachuu. Kan garmalee nama qabes ta’ee garmalee sololi’e madaa kanaaf nama saaxiluu mala. Kanaaf kophee sirritti lukaa keenyaaf ta’u godhachuu.
    ☆ Qeensa qubbiin miilaa yoo murannu of eeggannoo gochuu. Gogaa jalaa irraa fottosuun madaa xiqqoo uumamtu sunuu carraa babaldhachuu waan qabduuf of eeggannoon murachuu.
    ☆ Madaan umame yoo jiraate olkaanee ajaja ogeessaa muxannoof beekumsa kana irratti qabuun ala qoricha akkuma argine itti dibuu dhabuu. Yeroo hedduu yaalli isaa sadarkaa hospitaalaa waan barbaaduuf garas deemanii ilaalamutu irra bayeessa.
    ☆ Sigaaraa aarsuu dhabuu. Alkoolii dhuguu dhabuu.
    ☆ Madaan xiqqoonillee umamnaan dafnee haakima ykn doktora keenya dubbisuu, ykn iddoo yaala gahaa argachuu dandeenyu hatattamaan deemuu.

    Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
    Horaa, bulaa, deebanaa!

    ©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: