Home Health Dhukkuba Sukkaaraafi Rakkinoota Saal-qunnamtii

Dhukkuba Sukkaaraafi Rakkinoota Saal-qunnamtii

by Kedir Abdulatif

DHUKKUBA SUKKAARAA fi RAKKINOOTA SAALQUNNAMTII

Dhukkubni Sukkaaraa (Diabetus Mellitus) xaxaawwan yeroo dheeraa keessatti orgaanota ykn sirna qaamaa irratti fidu heddutu jira. Xaxaawwan kunis qoqqoodama garagaraa kan qaban yoo ta’u, hardhaa xaxaawwan Dhukkubni Sukkaraa namatti fidu keessaa tokko kan ta’e rakkoolee inni Saalqunnamtii irratti hordofsiisu ilaalla.

Ragaaleen qorannoo hedduu akka muldhisanitti namoota Dhukkuba Sukkaaraa (DM) qaban keessaa %50 ol kan ta’an rakkoolee saalqunnamtii ni qabu/ni qabaatu. Akkasuma adaduma umriin isaanii dabalaa deemuufi haala to’annaa sukkaaraa isaanii irratti hundaa’uun rakkoon kun cimaa deemuu danda’a. Dhiroonni Dhukkuba Sukkaaraa qaban isaan hin qabne caalaa dachaa sadihiin rakkoo ka’uu qaama saalaa (Erectile Dysfunction)f saaxilamoodha.

Dhukkubni Sukkaaraa rakkoolee saalqunnamtii garagaraa dhiiraaf dubartii irratti fiduu danda’a.
Kunis:
☆ Fedhiin wolqunnamtii saalaa hirdhachuu ykn dhabamuu
☆ Yeroo wolqunnamtii saalaaf deeman qaamni saalaa ka’uu ykn dhaabbachuu diduu (dhiiraaf).
☆ Dhaabbatus jabaatuu dhabuu, hamma turuu qabu turuu dhabuufi dafee laafuu ykn kufuu.
☆ Yeroo saalqunnamtii dhukkubbiin namatti dhagahamuu (keessattuu dubartoota irratti).
☆ Fiixxe miira saalqunammitti (orgasm) ykn jissuu gahuu dhabuu ykn miirri sun dhabamuu.
☆ Wolqunnamtii saalatti gammaduu dhabuu.

Sababni rakkooleen saalqunnamtii kun muldhataniif sababa tokko qofaaf otoo hin ta’in sababoota garagaraaf ta’uu mala.
Sababoonni kunis:
* Haalli to’annaa sukkaara qaamaa dadhaba ta’uu (yeroo dheeraaf sukkarri ol ka’aa ta’ee turuu).
* Dhukkubni Sukkaaraa rakkoo Narvii garagaraa fiduun beekama. Rakkooleen Narvii kunis dhaabbachuu qaama saalaa irratti fi fedhaaf miiraa qunnamtii saalaa irratti jijjirama fidu.
* Rakkoo Dhukkubni Sukkaaraa hidda dhiigotaa irratti fidu. Qaamni saalaa ka’ee jabaatuuf dhiigni hidda dhiigatin dabalee itti yaa’uu qaba. Dhukkubni Sukkaraa yeroo dheeraaf ture jirachun kana irratti dhiibbaa fida.
* Dhukkuba Sukkaraa wojji dhukkuboota ykn rakkoolee yeroo hedduu muldhatan kan akka Dhiibbaa Dhiigaa, hamma coomaa ykn Koolestiroolii qaamaa ol ka’aa ta’e, ijaaramuu coomaan hiddi dhiigaa dhiphachuu, sigaaraa aarsuu, ulfaatina/furdinna garmalee guddaa ta’e, sochii qaamaa gochuu dhabuun kunniin ofii isaaniitiyyuu sababoota rakkoo salqunnamtii fiduun isaanii adda bahanii beekkamaniidha. Yeroo hedduu Dhukkuba Sukkaara wojji waan dhufaniif isanis rakkkoo salqunnamtii kaafne ni hammeessu.
* Qorichootni yeroo hedduu namootni dhukkuba sukaaraafi kan biroo dabalataan qaban fudhatan tokko tokko kan akka dhiibbaa dhiigaatiif, hamma kolestiroolii qaamaa sirreessuuf, muukuuf dhiphinna woldhaanuuf fudhataman kunninis rakkoo saalqunnamtii saalaa asii olitti eerre ni fidu, ni hammeessus.
* Dhukkubni Sukkaaraa carraa infeekshinoota garagaraatin qabamuu olkaasa. Kanaaf carraa Infeekshinii Ujummoo Fincaanii, dhukkuba faangasii qaama saala dubartii (Vaginal or vulvar candidiasis) hubamuu ol ka’aa waan ta’eef fedha dhabuufi yeroo qunnamtii saalaa dhukkubbiin sababa kanaaf jiraachuu danda’a.
* Hammi Hormoonii Testosterone (Teestestiroonii) gadi bu’aa ta’uun.
* Haalli to’annaa sukkaaraa dadhabaa ta’uu irraa hammi sukkaaraa olka’aan gogiinsa (ykn jiidhiinsa dhabuu) qaama saalaa dubartiif waan sababa ta’uuf inni kunis dhukkubbii fi fedha dhabuu qunnamtii saalatiif sababa ta’a.


Maal gochuu woyyaa?
* Akkuma asii olitti kaasuuf yaaletti rakkoon saalqunnamtii umrii wojji kan dabaalaa deemuufi haala to’annaa sukkaaraa dadhabaa wojji hammachaa kan deemudha. Kanaaf haala to’annaa sukkara keenya sirreessuun xaxaawwan Dhukkuba Sukkaaraan dhufan hedduuf fala ijoodha.
* Sochii qaamaa hojjachuun, sigaaraa aarsuu dhabuun, ulfaatinna qaamaa keenya hojjaan wolmadaalchisuun, nyaata keenya sirreessun (nyaata Dhukkuba Sukkaaraaf ta’an fayyadamuu).
* Rakkooleen saalqunnamtii kaafne kun gosa Dhukkuba Sukkaaraa (Type-I fi Type-II) lachuu irrattuu ni muldhatu. Keessattu umrii woggaa afurtamaa ol irraatti rakkoleen kun baldhinnaan muldhatu. Yaalli qorichaan godhamu kan jiru ta’ullee hamma nama dhukkuba sukkaraa hin qabnee san hin gahu.
* Sababoonni rakkoolee saalqunnamtii fidan kun garagara waan ta’aniif, kan nama dhunfaa tokkoo sababa kam fa’a irraa akka ta’e Doktora ofii miri’achiisuun qorannoof yaala barbaachisu argachuu feesisa.
* Dabalataan gargaarsa gorsa xiinsammuus waan barbaachisuuf ogeessota fayyaa waan kana irratti hojjatan dubbisuun barbaachisaadha.

Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: