Home Health Dhukkuba Sukkaaraafi Xaxaa Ijaa

Dhukkuba Sukkaaraafi Xaxaa Ijaa

by Urjii

DHUKKUBA SUKKAARAA fi XAXAA IJAA – (Diabetic Retinopathy)

Xaxaawwan Dhukkubni Sukkaaraa namatti fidu keessaa inni tokko miidhaa inni reetinaa Ijaa irratti  dhaqabsiisu (Diabetic Retinopathy) dha. Innis miidhamuu hiddoota dhiigaa xixxiqqoo duuba ijaa irratti argamaniin kan dhufudha. Reetinaan tishuu haphii duuba keessa ijaarratti argamu ta’ee ifa leensii ijaa keessa darbee dhufe gulaaluun haala erga narviif ta’uun narvii ijaatiin gara sammuutti dabarsa.

Yeroo jalqabu xaxaan ijaa (Diabetic Retinopathy) kun mallattoo homaatuu ykn mallattoo sasalphaa muraasa qofa muldhisa. Booda irratti garuu hanga ija nama jaamsuu ykn argaa ijaa balleessuu gahuu danda’a.

Yeroo dheeraaf dhukkuba sukkaaraa qabaachuuniifii haalli to’annaa hamma sukkaaraa dadhabaa ta’uun carraa xaxaa ijaa kana horachuu kan dabalaniidha. Xaxaan ijaa kunis gosa sukkaaraa lachuu (Type I fi Type II) irratti ni muldhata.

Ka’umsi isaa maalii?

Hammi sukkaaraa olka’aa ta’e, turtii woggootaa booda, hidda dhiigaa xixiqqoo gara Reetinaa ijaa deeman dhiphisaafi cufaa dhufa. Sababa kanaaf Reetinaan dhiiga gahaa ta’e argachuu dhabuu irraa miidhamaa dhufuun hanga keessa ijaa irraa fottoquu gaha. Fottoquun Reetina kun ammoo argaa ijaa hanga dhumaa jaamsuu danda’a.

Haalli miidhama Reetinaa ijaa kun sadarkaa lama kan
▪︎ ‘Nonproliferative Diabetic Retinopathy’ jedhamu kan hiddi dhiigaa haaroofni itti hin uumamnee fi gara jalqabaa irraatti muldhatuufi
▪︎ ‘Proliferative Diabetic Retinopathy’, isa hamaa ta’eefi kan hiddi dhiigaa haaroofni itti ijaaramufi booda irra muldhatu kana laman qaba.

Haala sukkaraa olka’aa ta’e irraa yeroo hiddi dhiigaa xixxiqqoon dhiphachuu jalqaban hiddoonni dhiigaa san irra woyyaba qaban kan reetinaa sooraan dhiita’uu, babaldhachuu, dhangala’aa yasuu jalqabu. Inni kun ammoo qaama jidduu retinaa jiru makulaa jedhamu iitesa (Maculara edema).

Hiddi dhigaa jenne dhiphachaa yoo dhufu kana, ijji keenya gara boodaa irratti hidda dhiigaa biroo uumuuf ykn ijaaruuf yaalti. Hiddi dhiigaa ijaaraman kun ammoo jabinnaa waan hin qabneef haala salphaa ta’een miidhamuun dhiiga dhangalaasuu ykn gara jidduu keessa ijaatti jigsu (Vitreous hemorrhage). Kana irraa ka’uun keessi ijaa dhangala’aa qulqulluu qabaataa ture sun dhiigaa itti jigeen boorayuu ykn dukkanaayuu jalqaba. Sababa kanaafis argaan ijaa jaamuu danda’a. Inni kun garuu turtii yeroo booda dhiigni itti jige keessaa qamatti fudhataamaa waan deemuuf argaan ijaa jaamee torbaanota ykn ji’oota boodha dhawaataan namaaf deebi’uu danda’a.

Mallattoolee xaxaa ijaa:
Yeroo jalqabu mallattoon homaatuu hin muldhatu, haa ta’u malee jijjiramoonni asi olitti eerre yoo jabaataa deeman Mallatooleen armaan gadii ni muldhatu:
☆ Wonti akka qaanqee ykn tuqaa argaa ija keenyaa dura deddeemuu
☆ Namatti didimmisuu
☆ Yeroo waa arginu jidduu irratti gurrachaye ykn dukkanaayee nutti muldhachuu
☆ Argaan namaa dhaamuu ykn jaamuu

Wontoota ykn barteewwan carraa xaxaa ijaa horachuu kana dabalan:

Namni dhukkuba sukkaaraa qabu kumuu carraan xaxaa ijaa kana horachuu ni jira. Haa ta’u malee isaan armaan gadii kun worra kaan caalaa carraa xaxaa ijaa kana horachuu qabu:
● Isaan yeroo dheeraaf (woggoota hedduuf) dhukkuba sukkaaraa qabaataa turan
● Isaan haalli to’annaa hamma sukkaaraa isaanii dadhabaa ta’e
● Dhiibbaa dhiigaa olka’aa ta’e isaan qaban
● Isaan hamma Koolestiroolii olka’aa ta’e qaban
● Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa ni hammaata
● Isaan Sigaaraa aarsan
Isaan kaan caalaa carraa xaxaa ijaa horachuu ol’aanaa ta’e qabu.

Maal haa goonu?
☆ Xaxaa ijaa kanas ta’ee xaxaawwan Dhukkuba Sukkaara irraa dhufan kan biroo ittisuuf ykn tursuuf: nyaataa sirreeffachuun, sochii qaamaa haala idilee ta’een hojjachuu, hamma sukkaaraa fi dhiibaan dhiigaa yoo jiraate yero yeroon safaramuun to’achuu, fi yaalaafi dawaa ogeessi namaaf ajaje qajeellotti fudhachuun barbaachisaadha.

☆ Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuun qajeela ija nama jaamsa jechuuf otoo hin ta’in, Dhukkuba Sukkaaraa (DM) qabachuun carraa argaa ijaa dhabuu (jaamuu) kan nama hin qabnee irraa dachaa digdamii shaniin dabala. Fkn Biyya USA keessatti sababa argaan ijaa nama umriin isaa woggaa 20-75 jidduu jiru baduuf ykn jaamuuf keessaa dhukkubni sukkaraa sadarkaa jalqabaa irra jira.

☆ Dhukkuba Sukkaaraa qabaannaan qorannoo ijaa yero yeroon ( Yoo xiqqaate woggatti al tokko) iddoo ispeeshaalistiin ijaa jiruttu godhachuu.

☆ Qorannoo haalaa to’annaa sukkaaraa ji’ootan lamaaniifi sadan darban ture agarsiisuu kan Hemoglobin A1C jedhamuu godhachuun haalli biraa yoo hin jiraannee Hemoglobin A1C sun %7 gadi akka ta’u hordoffii gochuun taasisuu.

☆ Haalli argaa ija keessanii yoo jijjirame ykn mallatoolee asii olitti eerreef kan biroo yoo of irratti agartan doktorra keessan otoo yeroo hin balleessin hatattamaan dubbisuun yaalaa barbaachisu argaadha.

Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: