Home Fayyaa Dhukkubbii Dugdaa – (Back Pain)

Dhukkubbii Dugdaa – (Back Pain)

by

Dhukkubbii Dugdaa – (Back Pain)

Dhukkubbiin Dugdaa sababa ijoo namoonni gara dhaabbilee fayyaa woldhaansaaf dhufan keessaa isa tokko. Innis umrii kam irrattuu muldhachuu kan danda’uufii sababa namoonnii guyyaa hojiifi barnoota isaanii irraa hafan keessaa tokko. Dhukkubbiin dugdaa yeroo hedduu sababa sasalphaaf ta’uu malullee, darbee darbee dhukkuboota hammatoo kan biroo irraas ta’uu mala.

Sababoota Dhukkubbii Dugdaa:

1. Haala dhaabbii, taa’umsaa, ka’umsaa, ciisichaafi ba’aa ulfaatu haala dugda irratti dhiibbaa fiduun ol-fuudhuu irraa miidhaa maashaafi moorgaya dugdaa irratti gahu.
2. Rakkoo Diiskii dugdaa. Diiskiin waan happii jidduu lafeelee dugdaatti argamuudha. Mucucaachuun ykn jidduu lafeelee kana as sigigaachuu diskii (disk prolapse) akka narviileen hucuuccaman gochuun dhukkubbii salphaa hanga hamaa dugdaafi mudhii gara gadiitti akka namatti dhagahamu godha.
3. Umrii wojjiin haphachuu lafee dugdaa irraa bo’oon dugugguruu dugdaa kan Ispaayinaal Koordiin keessa deemu dhiphachuun dhiibbaa narvilee Ispaayinal Koordii irraa bahanatti dhufuun dhukkubbiin dhugdaafi hanga miila gadiitti namatti dhagahama.
4. Cabnanni ykn baqaqni Lafee dugdaa irratti balaa ykn miidhaa ykn rukuttaa ykn kufaatii hamaa irraa nama muudate jiraachuun
5. Kulkulfannaa garagaraa kan Lafee dugdaafi buusewwan lafee dugdaa jiddutti argamanii
6. Haala hojii jiruu tokkoo tokko: Yeroo dheeraf deeskii irra taa’an irratti dugdaan gad jedhanii dabarsuu, deddebiidhaan waan ulfaatu ol-kaasu, furdinna garmalee guddaa ta’e qabaachuu, sochii qaamaa gochuu dhabuu, sigaaraa aarsuu, kophee hiilii dheeraa qabu dirachuu.
7. Garmalee cinqamuu, dhiphachuufi dhukkuba mukuu ykn dhiphinnaa qabachuun.
8. Sababa dhukkuba Kansaroota tokko tokkoon dhukkubbiin dugdaa hamaa ta’e namatti dhagahama.
9. Dhukkuba TB lafee dugdaa (Pott’s Disease). Inni kun dabalataan mallattoolee akka huqqachuu/ulfaatinni qaamaa hir’achuu, fedha nyaataa dhabuu, hoo’aa fi garmalee galgala nama dafqisiisuu qabaata.
10. Infeekishinootni qaamaa tokko tokko yeroo gabaabaaf dhukkubbii dugdaa qabaachuu malu.
11. Yeroo tokko tokko sababa addaan hin baaneef dhukkubbii dugdaa qabachuu malu

Maal haa goonu?

1. Dhukkubbii dugdaa yeroo gara yerootti cimaa dhufe yoo ta’e yeroon hospitaala deemanii qorannoo barbaachisu godhachuun sababa isaa addaan baafachuu (Doktorri keessan haala barbaachisumaa isaa irratti hundaa’uun qorannoo dhiigaa, Raajii fi ykn MRI isinii ajajuu mala).
2. Akkasumas dhukkubbii dugdaa fincaaniif bobbaa too’achuu dadhaabuu woliin dhufu, sarbaaf luka keessa gara gadii dhukkubbiilee garagaraa qabu, qama gara gadii humna dhoowwachuun dadhabsiisu (laamshessu ykn paralyze) godhuu fi hoo’aaf mallattolee biraa muldhisuuf yeroo osoo hin kenniin dhaabbilee fayyaa deemanii ilaalamuu.
4. Dhukkubbii dugdaa asii olitti ibsamaniifi yoo garmalee hamaa ta’uu yoo baate: sochii qaamaa gochuu, iddoo dhukkubbii sanitti waan hoo’aa wayaan tuqanii ykn cabbii itti qabuufi qorichoota dhukkubbii wayyeessan fayyadamuun nama irraa wayyachuu danda’a. Garuu sababa dhukkubbii dugdaatiif sochii dhiisanii ciisaa ooluu irra hanga dhukkubbii san obsuu danda’anitti sosochii gochuun irra filatamaadha. Garuu sochii san wajjiin dhukkubbiin yoo kan hammaatu ta’e dhaabuun barbaachisaadha.
5. Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e (kan hojjaa keenyaan wol hin madaalle hir’isuu), nyaata keenya sirreessuu (fuduraaf kuduraa nyaachuu), sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu.
6. Gosni ispoortii Yoga jedhamuu dhukkubbii dugdaa tokko tokko wayyessuuf ni gargaara.
7. Akkuma waliigalaatti dhukkubbii dugdaa torbaanotaaf itti fufiinsaan yoo qabaanne mana yaalaa deemuun ogeessa mariisisanii qorannoof yaala barbaachisu argachuu qabna.

Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebana!
Fayyaa tahaa, fayyaa dahaa!

Dr. Nuredin Luke

 

You may also like

5 comments

Adisu Geneti March 28, 2022 - 1:47 pm

xuriin sababa contraceptive method keessaayyuu kan akka lilmoo fayyadamuurraa kan marsaan isaa jeeqamuu ni danda’aa?

Reply
Maltu beka April 21, 2022 - 10:32 pm

Itii nuu fufii baba

Reply
Abdi Adem April 23, 2022 - 7:52 am

Ani kaleen koo na dhukkubee ture ammaas dabree dabree na dhukkubaa jira Dhukkubbiin dugdaa gama lamaniitiis ji’ootaaf erga kaleen na dhukkubee eegalee na dhukkubaa jira kuni kalee waliin walqabachuu ni danda’amne?

Reply
TAJDIN ABDURAHMEN May 16, 2022 - 9:38 am

Nama dhukkubaa dugdaa qabuuf, me dawwaan malii.

Reply
Dhaqqaboo Kadiir July 22, 2022 - 7:47 pm

Gadaan Waamara!
Sirna guddaa ganama,
Oromoon kalaqee dhiheesse!
Ittiinis wol-bulchee,
Ittiin wol-gaggeesse!
Uumaa fi uumama,
Safuu fi duudhaa eegee!
Madaalee tilmaamee,
Waan dhufuu herreegee!
Miidhaa fi miidhamaan,
Akkamiin akka adabamu!
Dabaa fi sharriin malee,
Jaalalli akka lallabamu!
Sirna kanatu lallaba,
Duudhaa Oromoo ganamaa!
Kan kana hin beeknetu,
Hadheefatta Oromummaa!
Gadaan gaaddisa,
Ka itti hara galfatan!
Gadaan mana jireenyaati,
Ka itti boqatan!
Gadaan burqituudha,
Dirree qaroominaati!
Gadaan tokkummaadha,
Dirree wolabaati!
Gadaan nageenya,
Dirree araaraati!
Gadaan jaalala,
Dirree waa hundaati!
Gadaan gammachuudha,
Bakka itti taphatan!
Gadaan kennaadha,
Bakka itti argatan!
Gadaan injifanno,
Bakka itti moo’atan!
Gadaan tiksituudha,
Bakka itti wol too’atan!
Gadaan woyyuudha,
Lafa woyyoomaati!
Gadaan waamara,
Sirna misoomaati!
Obsaa Kadiir Bariisoo tiin!

Reply

Leave a Reply to Maltu beka Cancel Reply

%d bloggers like this: