Home Health Dhukkuboota quunnamtii saalaatiin daddarbuun yaachisoo ta’an haaraa

Dhukkuboota quunnamtii saalaatiin daddarbuun yaachisoo ta’an haaraa

by Kedir Abdulatif

Dhukkuboota quunnamtii saalaatiin daddarbuun yaachisoo ta’an haaraa kana quba qabduu?

Dhukkuboota quunnamtii saalaatiin dadarbuun yaachisoo ta’an haaraa

Dhukkuboota karaa quunnamtii saalaatiin darban dabaltee yeroo garaa garaatti dhibeewwan haaraan ni mudatu.

Dhukkuboota fayyaa hawaasaatti baayyee yaachisoo ni ta’u jedhaman keessaa dhukkubboonni karaa quunnamtii saalaatiin dadarban ni eeramu.

Isaan keessaayis waa’ee dhukkuboota karaa quunnamtii saalaatiin darban haaraa afur kanneen armaan gadiiti.

Dubbisaa hiriyyootaaf maatii keessaniif share godhaa.

1. Neyiseriiyaa Meniinjaayitiidiis
Dhukkubni Neeyiseeriiyaa Meenjaayitiidiis gara caalaa jecha warra ogeessa fayyaan Meeniingokookis jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, dhukkuba haala salphaan tatamsa’uun saggoo/qolee kan googsee qabuudha.

Dhukkubichi baayyee cimaa yoo ta’u, keessattuu sammuufii dugugguuruu miidhuun hanga du’aatti kan qaqabsiisuu danda’uudha.

Irra caalaa infeekshinii ujummoo fincaaniifi qaama walhormaataa jedhamuun beekama. Baakteeriyaan dhukkubichaa xuxuqaan darbuu akka danda’au himama.

Afaaniifi funyaan gaheessoota parsantaa shanii hanga saddeetii ta’an keessatti baakteeriyaan Neeyiiseeriiyaa waan argamuuf, tibba quunnamtii saalaa, wal dhungachuufi karaa dhangala’aawwan dhukkubicha dadabarsuu danda’aniifi qaama namootaa keessaa bahaniitiin dadarbu.

Dhukkubni waggaa afuriin dura magaaloota Ameerikaa hedduu keessatti mudatee ture kunis, sanyii baakteeriyaa cabxoo waliin walitti makamuun kan umamee ta’usaa saayintistoonni ni ibsu.

Ce’umsi kunis dhukkuba karaa quunnamtii saalaatiin daddarbu kana caalaa balaafamaa taasiseera.

Dhukkubni kunis gosawwan shan kan qabu yoo ta’u, isaan keessaaf gosa lama ittisuuf kan dandessisu talaalliin argameera.

2. Maayiikopilaazimaa Jeeniitaaliiyamaa

Baakteeriyaawwan baayyee xiqqoo ta’an keessatti kan ramadamu Maayikopilaaziimaa Jeeniitaaliizimaa haala isaatiin caalaa haalli tamsa’ina isaa yaachisaa ta’aa dhufeera.

Dhukkuni bara 1980 keessa jiraachunsaa barame kunis wayita ammaa kanattis dargaggoota fi gaheessoota persantaa tokko ykn lama ta’an irratti ni mulata.

Mallattoowwan dhukkuba kanaa irra caalaa kan hin mullannee yoo ta’an, yeroo tokko tokko garuu ujjummoo fincaanii irratti miira dhukkubbii kan dhukkuba quunnamtii saalatiin darban kan biraan walfakkaatu qaba.

Sababii dhiibbaa dhukkubni kun qaama wal hormaataa irratti geessisuun, dhala dhabuu, ulfi irraa bahuufi dhalachuu daa’imaa osoo yeroo hin gahiiniif rakkoolee kkf saaxilamuu danda’u.

Kondomiitti fayyadamuun dhkkubichaan qabamuurraa kan ittisu yoo ta’u, qorattoonni dhukkubni kun amala qorichoota antibiotic waan wal bareefuu yachiisaadha jechuun akeekachiisa kennaa jiru.

”Kan na yaachisu dhukkubni kun qorichaan wal baraa adeemusaafii babalachusaati” kan jedhan Daarektara Dhaabbata Fayyaa Ameeriikaatti argamu tokko kan ta’an Maatiiw Gooldanidha.

Uumamuu baakteriyaa dhukkuba balaa olaanaa qaqabsiisuu danda’u kana ittisuuf qorannoon dabalataa baayyee barbaachiisaa akka ta’ees ni dubbatu. Dr Nardos Muse

3. Shiigeelaa Fileekiseeneerii
Dhukkubni shiigeelosiis (garaa kaasaa Shiigeelaa) jedhamuun kan beekamu xuxuqqaa bobbaa namootaa waliin kallattiin hidhata qabaata.

Dhukkubichi cinniinnaa garaa cimaafi garaa kaasaa dhiiga makate qabaata. Sababii kanaafuu dhukkubicha carraa itti namootarraa namootatti ittiin darbu argata.

Dhukkubni kun namoota biyyooyta galii jiddugalaafi gadaanaa qaban keessatti irra deedeebiin imalaniifi guddattoota kan mudatu ta’ulleen, bara 1970 keessaa namoota quunnamtii saalaa raawwatan irratti kan mullatu ta’u qorrattoonni galmeessaniiru.

Aangaa’aa dhimmoota fayyaa magaalaa Niiyoork kan ta’an keessaa tokko Diimetiiriin waa’ee Shiigyylosoos balaafamaa ta’aa dhufuu yoo dubatana, ” dhukkubni karaa quunnamtii saalaatiin darbu kun qoricha cabxoo wallaanuuf itti fayyadamnuun wal baraa dhufeera,” jedhaniiru. @DrNardosMuse

4. Liimifogiraanulomaa Veenerum (Aljiivii)
Dhukkubni karaa quunnamtii saalaatiin kun kan darbu karaa sanyii Kilaayimeediyaa Turaakomaasiis jedhamuutiin yoo ta’u, ”dhukkubbii baayyee cimaa ta’ee geesiisu danda’a” jechuun ture doktor Saan Firaansii kan ta’an Kiriistofar Siikiiziil kan dubbatan.

Dhukkubichi jalqabarratti naannoo gadaameessattii dhiitoo, bishaan godhachuu ykn dhiiguu mudachuu danda’a. Booda keessaa ammoo qaamaa keessa deemuu dada’a.

Dhukkubichi qaamaa bobbaafi fincaanii irratti dhiitoofi dhukkubbii geessisuun rakkinoota feestulaa fakkaatan kan biraa qaqabsiisuu danda’a.

Waggoota darban 10 keessaa ammoo dhukkubni kun Awuroppaafi Ameerikaa kaabaa keessatti bal’inaan kan mulatee yoo ta’u, keessattuu weerara dhukubaa namoota saala walfakkaatu waliin quunnamtii saalaa raawwatan mudataa jiran adda addaa waliin waliitti hidhamaa tureera.

Kana males dhukkubichi carraa HIV’/AIDSn qabamu namootaa kan dabalu ta’u himama. Dr Nardos Muse

Kanaafuu yeroo kamiyyuu haala sirrii ta’een kondomiitti fayyadamuun soda dhukkubichaan qabamuu kan hirrisuu yoo ta’u, namoonni Liimifogiraanulomaan qabaman yaalamuun erga fayyuus qoricha farra dhukkubichaa torban sadiif kennamu fudhachuutu irraa eegama.

Fayyaan faaya.
Dr Nardos Muse

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: