Home Health “Durbummaan gaafa badu dhiigni yoo jiraachuu baate dubartiin sun durbummaa hin qabdu jechuudhaa?”

“Durbummaan gaafa badu dhiigni yoo jiraachuu baate dubartiin sun durbummaa hin qabdu jechuudhaa?”

by Kedir Abdulatif

“Durbummaan gaafa badu dhiigni yoo jiraachuu baate dubartiin sun durbummaa hin qabdu jechuudhaa?” gaaffii jedhuuf duraan duursa durbummaan maal akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Durbummaan hiikkaan isaa namootaa namootaatti garaagarummaa qabaatuus namoonni baay’een kan irratti waliigalan walqunnamtii saalaa jalqabaa irratti qaamni saalaa dhiiraa membireenii baay’ee haphii ta’e ‘hymen’ jedhamu kan ulaa qaama saalaa dubartootaa haguugee argamu yoo jiraate tarsaasuudhaan, yoo hin jiraanne immoo (dubartoota baay’ee muraasa ta’an) irratti akkasuman iddoo inni itti argamuu danda’a jedhamee tilmaamamu darbee gaafa olseeneedha. Membireeniin kun dubartootaa dubartootaatti garaagarummaa kan qabu yoo ta’u uumamaan jiraachuu baachuudhaa hanga baay’ee cimaafi guutuu ulaa qaama saalaa dubartootaa haguugee argamuu danda’a. Kana yoo jennu, membireeniin kun akkuma namni uumamaan qaamota akka gurraa, ijaa, funyaan ykn quba fa’a xiqqaa ykn guddaa qabaachuu danda’u, darbee darbees qabaachuu baachuu danda’u jechuudha. Namni tokko qaamni inni qabu yoo miidhamu akkuma dhiigu, membireenii kanas yoo qabaatee jalaa miidhame ni dhiiga jechuudha. Kanaaf, dubartoonni lakkoofsaan baay’ee muraasa ta’an uumamaan membireenii kana hin qabnes ni jiru. Yeroo kana, wanti tarsa’u waan jirreef dhiigni dhiigu hin jiru jechuudha. Akkasumas, membireeniin kun baay’ee haphii ta’uu isaa irraa kan ka’e walqunnamtii saalaa malee, Fknf sochii qaamaa baay’ee cimaa ta’e (jiimii), saayikilii ykn motora oofuu, quba ykn wantoota biroo qaama saalaa keessa seensisuudhaan, wantoota dhiibbaa garaa dabalan Fknf, waan ulfaataa olkaasuu fa’aan tarsa’uudhaan yeroo san dhiiguu danda’a. Yeroo kana, haala kanaan duursee tarsa’e taanaan yeroo walquunnamtii saalaa dhiiguu dhiisuu danda’a.
Haa ta’u malee, sababoota olitti jenneen membireeniin kun yoo tarsa’uu baateefi membireeniin kun jabinna jiddu galeessa qaba taanaan (dubartoota baay’ee) walqunnamtii saalaa jalqabaa yeroo raawwatan dhiigni xiqqoon jiraachuu danda’a.
Darbee darbee, dubartoota muraasa irratti membireeniin kun baay’ee cimaa ta’uudhaan walqunnamtii saalaatiin baduu didee yeroo mana yaalaatti yaalli barbaachisus ni jira. Yeroo kana gaafa badu baay’ee dhiiguu danda’a.
Walumaagalatti, dhiigni yeroo walquunnamtii saalaa mallattoo durbummaa ta’uu hin danda’u waan ta’eef durbummaan jiraachuufi jiraachuu baachuu dhibbaan dhibbatti (100%) kan beeku dubartuma san qofa waan ta’eef dhugaa jiru iftoominaan walitti himuun baay’ee barbaachisaadha.
Hirmaannaa keessaniif guddaa galatoomaa!!!

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: