Home Afoola Eebba Arsiifi Hiika Isaa – Kedir Abdulatif

Eebba Arsiifi Hiika Isaa – Kedir Abdulatif

by Kedir Abdulatif

EEBBA ARSII FI HIIKA ISAA

#EEBBA_ARSII

Dhiltee Dhinnaa…………… Ofkolaa
Dhiltee Dhinnaa…………… Ofkolaa
Dhiltee Dhinnaa…………… Ofkolaa

Faatee waaqni dhagahi…………. Dhagahi
Lafti sii dhagahi…………………….. Dhagahi
Gadaan dhagayi…………………….. Dhagahi
Gadaamoojjiin dhagayi…………… Dhagayi
Dhibbi dhagayi……………………….. Dhagayi
Dhibaayyuun dhagayi…………….. Dhagayi

Gadabitti nu galchi……………….. Galchi
Gadaa nu hulluuqsisi……………. Hulluuqsisi
Waraana qaqeessi……………….. qaqeessi
Oromoo qaqatti nuu bulchi……… bulchi
Doloolloo yaasi……………………….. Yaasi
Yaa’aa gabbis………………………….. Yaasi

Jinfuu tuuli……………………………… Tuuli
Tuulaa diinaa diigi…………………… Diigi
Oromoo biifaa si godhi…………….. Si Godhi
Biiftuu ganamaa si godhi………….. Si Godhi
Ejersa gaaraa si godhi……………… Si Roobi
Korma nyaaraa si godhi…………… Si Roobi

Bokkaa sii roobi………………… Sii Roobi
Bokkuu sii moosisi……………. Sii Moosisi
Laftana ititi…………………………. Ititi
Itittuu nu obaasi…………………… Obaasi

Eebbisanii yeroo xumuran harka lafaan qabatanii, dhuungatanii haxaahatanii xumuru.

#HIIKA_ISAA

Eebba yeroo Eebbisan qabxii garagaraa qaba. Akka aadaa Eebba Oromootti kan Eebbisan Abbaa Gadaati. Kunillee kan taasifamu, bakka walgahii adda addaatti taasifama. Gosa Oromoo keessatti Kutaan abbaa Gadaa dhabe hin jiru.
Qabxiilee Eebba Oromoo;
– Seensa
– Gaaffiii nagaa
– Hawwii jiru uumamaa siidaa godhatanii ibsuu fi
– Xumura Eebbaati.

Eebbi Arsii (Sikkoo fi Mandoo) akka waliigalaatti maqaa faatee jedhamuun waamama. Faateen Eebba Oromoo Arsii waa afur irratti bu’uurfata. Isaanis;
– Faateen takka ta cidhaati,
– Takka ta boohaati,
– Takka ta dhibaayyuu fi
– Jiloota Uumaa fi Uumee Arsii gurraachaatiin wal qabataniiti. Wanti gaafa gammachuu jedhamu kadhaa gadda jalaa woyyoomuu keessatti hin jedhamu.

Haa ta’uu malee seensi faateewwan hundaafuu tokkoma. Arsiin yoo Eebbifatu dhiltee dhinnaa ykn iltee dhinnaa jedhee jalqaba. Kunis yoo hiikamu na hoffolchaa akka jechuuti. Erga hoffoltii gaafate booda ammo ijarraa hafaa nu hambisaa jedhee eebba isaa itti fufa. Seensa irrattis;
Faatee waaqaa lafti sii dhagahi………… dhagahi
Dhibbi sii dhagahi…………………………….. dhagahi
Dhibaayyuun sii dhagahi…………………. dhagahi
Gadabitti si galchi
Gadaa si hulluuqsisi……. jedhee itti fufa.

Dhibbi dhagahi, Dhibaayyuun siif dhagahi, jechuun akka Waabee gamaa fi gamanatti manguddoonni Sikkoo fi Mandoo jedhanitti, akka falaasama Arsiittis ta’ee, Oromoo hundaatti waaqni maqaa dhibba qaba. Kanaafuu, dhibbi dhagahi jechuun waaqa tokkicha maqaa dhibbaatiin wal qabata jechuudha. Dhibaayyuu jechuun ammoo, jila guutuu rooba kadhachuuf, nagaa kadhachuuf, hormaataaf, bultuma kadhachuuf, Arsiin Aannan guutuu xululaa irra yaa’aa irraa lafatti naquun
– Nu itichi akka aannanii,
– Nu mi’eessi akka bunaa jechuun waaqa (Rabbiin) itti kadhatuudha.

Akkuma beekamu Sirna Gadaa keessatti namnii fi waaqni ka wal qunnaman karaa qaalluutiini. Qaalluun ammo waaqaan ka wal qunnamuun karaa Ayyaanaatiin. Kanaafuu dhibbi dhagahi dhibaayyuun dhagahi jechuun yaa waaqa tokkicha ka maqaa dhibbaa nuu dhagahi, yaa Ayyaana Oromoo fi qaalluu qaalluu fi waaqa walitti fiddu siif dhibaafannee kadhaa nurraa qeebali ykn fuudhi akka jechuuti.

Gadabitti si galchi, Gadaa si hulluuqsisis ni jedhama. Seenaa Oromoo Arsii keessatti Aanaan Godina Arsii lixaa keessatti argamtu Gadabii fi Godina Arsiitti tan argamtu Aanaan Sirkaa bakka hormaataa fi bultumaati. Oromoon Arsii yoo eebbifatu gadabitti gali gadaa hulluuqi sababni jedhuuf sababbii mataa isaa danda’e kan armaan gadii kana qaba;

Akka manguddoonni Utaa-waayyuu jedhanitti dur dur Booranatti hoongeen dhalatee jennaan hayyuu fi manguddichi Booranaa ka maqaan isaa Gadabichoo jedhamu Boorana irraa baqatee gara Arsii naannawa har’a burqaa laga hasaasaa jedhamutti qubate. Jaarsi kun gaafa Boorana irraa gara Hasaasaa dhufu loon tokkos hin qabu ture. Hasaasa dhufee waggaa muraasatti horee loon bakka oolchuuf bulchu dhabe. Arsiinis nama kana Abbaa karraa fi qe’ee godhee muudate. Akka manguddoonni Utaawaayyuu odeessanitti jaarsi kun waggaa 100 ol Gadabiin ture. Gaafa Boorana dhufuyyuu jaarsa 100tti kalaahu ture. Guutumatti jaarsi kun waggaa 200 ol jiraate jedhama.

Kanaafuu gadabitti gali jechuun horii buli akka jechuuti. Sababiin isaa namni gadabitti gale ni hora jedhamee waan yaadamuuf. Gadaa hulluuqi jechuun umrii harraagessaa argadhu akka jechuuti. Sababni isaas; namni gadabitti gale akkuma Gadabichoo jaarraa lamaa ol bula jedhamee waan yaadamuuf. Walumaagalatti Aanaan Gadab Hasaasaa maqaa Gadab jedhu kan argatte manguddicha Booranaa kan Gadabichoo jedhamu kanarraati.

Dololoo jechuun gololee ykn sulula Bishaan dirsaa hamaa roobee gaarreen irraa gadi gara maansa gogaa bonni dhukkeessee roobee lolaan biyyee, muka fi citaa guuree deemu jechuudha. Lolaa jechuun galoodha. Lolaa kana keessa balaan dhaqqabu mala. Dololoo yaasi, yaa’aa gabbisi jechuun malkaa (maansa) gogeessa yaasi, waan yaa’u ykn margu gabbisi jechuudha. Balaa rooba keessa dhufu nurraa oolchi jechuudha. Waan yaa’uu jechuun waan lafaa marguu fi waan lubbuu qabu lafa irra deemu jechuudha.

Eebba kutaalee hafanii itti fufa…

Kadiir Abdullaxiif Hajjii Hagayya 09/2017

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: