Home Fayyaa FAAYIDAA BISHAAN QABBANAA’AAN QAAMA DHIQACHUU

FAAYIDAA BISHAAN QABBANAA’AAN QAAMA DHIQACHUU

by

FAAYIDAA BISHAAN QABBANAA’AAN QAAMA DHIQACHUU

✍Baayyeen naamootaa gaafa bishaan diilallaan dhiqachuu yaadan kan isaanitti mullatu diilalla bishaaanichaan gaafa hafuuraa citan yknharganuu dadhabuun yeroo dhiphatan fi mijuu ofiiyoo dhaban natti fakkata.
✍Kana hambisuuf kan danda’u elektrikiin,kaanibiddaan kaan hoo’a aduutiin bishaan ho’isuunqaama ofii dhiqachuun amala baratamaa dha.
✍Yeroo ammaa kana qorannooon gara garaa
bishaan qabbanaan qaama dhiqachuu
amaleeffachuun fayyaa ofiitiif faayidaa hedduu akka qabu ni ibsu.
👉faayidaa bishaan diilallaan qaama
ofii deddeebisanii dhiqachuun fayyaa sammuuf keennu muraasan ibsa.

1). Dhugaa addunyaa kanaa amananii akka
fudhatan nama taasisa (acceptance). Ganama
hirribaa ka’anii ykn galgala erga aduun galtee
bishaan diilalla qaama ofiitti naquun yeroo
sanaaf mijuu ofii namarraa mulqa.Garuu yeroo
bishaanni diilalli kun qaama keessan irra
dhangala’u yeroof mijuu dhabuu sana keessa
taatanii yoo tasgabbiin hubattan, addunyaa kana irratti waantota isin jaallattan qofa utuu hin ta’in kan isin hin feene illee isin irratti ta’uu akka danda’an isin agarsiisa.
👉 Kun immoo isinis akkumanamoota kaanii nama qofa akka taatanii fi waan hunda furuu akkaa isin hin dandeenyee fi hundi furmaata akka hin barbaanne isin yaadachiisa.
Gaafa irra deddeebiin kana gootan waan hiikuu hin dandeenye fudhachuu Sammuu keessan shaakalchiisaa jirtu jechuudha. Sammuun akkasiin shaakale waantoota humna keessanii olii (fedhii keessan malee) addunyaa keessan keessatti isin mudataniif hin suukannaa’u darbeeyyuu tasgabbiin fudhachuun wajjin jiraachuun rakkoo sammuu irraa isin oolcha.

2). Aarii hir’isuuf baayyee gargaara. Namni waa danda’uu fi akka dhufaatii isaatti tasgabbiin hiikuu shaakale aariis ta’e miiroota ofii biroo salphaatti to’ochuu danda’a. Kun immoo gochoota badii miiraan godhaman hedduu irraa nama baraaruun, Sammuu fayyaa-qabeessa godha.

3. Dammaqina namaaf kenna. Gaafa bishsaan
qabanna’aa qaama ofirra dhangalaasan qilleensa baay’inaa fi ariitiin gara somba ofitti galchuuf nama dirqisiisa;kun immoo oksijiinii (oxygen) baayyeen gara qaama ofii akka seenuu fi qaamota barbaachisoo akka sammuutiif akkaga’u godha.
Oksijiinii baayyeen gara Sammuu
ga’e Sammuun anniissaa baayyee akka argatuu fi dammaqaa akka ta’u taasisa.

4). Dhibee yaaddoo ni ittisa; namoota yaaddoo
kessa jiraniifis furmaata. (anxiety)

5). Dhibee mukaa’uu hamaa (depression) ni ittisa, namoota dhibee kanaan qabamanis dhibee kana irraa isaan furuuf ni gargaara. Gogaa namaa irra narvii ho’a to’atan caalaa kan diilalla to’atantu baay’naan faca’ee argama; kanneen gaafa bishaan qabbana’aan qaama namaa tuqu,ergaa kana dafanii gara sammuutti geessu.
Kun Sammuun akka dammaquu fi kaka’u godha,yoona kana mukuunis ni bada jechuu dha. Kanarraa  ka’uun biyyoota guddatan biratti dhibee kanaaf akka yaala tokkootti haaydirooteeraapii (hydrotherapy) jedhamee ganama ganama bishaan qabbana’aan dhiqachuun ni kennama.
Bu’aan yaala kanaa qoricha dhibee kanaaf
kennamu wajjin illee kan wal madaalu ta’uu
qorannaan agarsiiseera.

6. Dhiphuu furuuf furmaata gaariidha. Bishaanni qabbbana’aan kemikaala yuurikasiidii (uric acid) jedhamu kan dhiphuu fiduun beekamu dhiiga keessaa hir’isuu fi kemikaala gilutaatiyoon (gluthathione) jedhamu kan dhiphuu hir’isuun beekamu akka dhiiga keessatti baay’inaan argamu gochuun dhiphuu irraa nama furuu
danda’a.

7. Dhiirootaaf fedhii saal-quunnamtii fi dandeettii hormaataa ni dabala. Sanyiin dhiiraa ho’ina qaama namaa dandamachuu waan hin dandeenyeef cidhaan namaa gaafa ho’aa qaama namaa irraa gadi rarra’ee gaafa qorraa ol deebi’uun kunuunsa godhaaf. Egaa bishaan qabbanaan dhiqachuun mijuu sanyiin dhiiraa barbaadu kana kennuufiin dalagaa isaa sirriitti akka raawwatu ni gargaara.
Darbees keemikalaa teestestiroonii (testosterone) jedhamu kan fedhii saal- quunnamtii fi wal hormaataaf gargaaru akkaburqu gochuun namootni saalquunnamtii fayyaa- qabeessa akka akka qabaatan taasisa.

8. Abdii fi ‘nan danda’aa ’ nama keessatti uuma.
Waanta hin barbaanne dandeessanii rakkoo isaa dandamattanii guyyaa guyyaan gochuun ofitti amanummaa keessan guddisuun ‘nan danda’a’ hafuura jedhuun isin guuta.

9. Ulfaatina qaamaa hir’suuf baayyee faayida
qabeessa. Akkuma hunduu beeku yeroo kana
namootni baayyeen keessattuu dubartoonni
waa’ee ulfaatinaa fi bifa isaaniitiif baayyee
dhiphatu. Namootni kun ofitti amanuu dhabuu fi ilaalchi ofiif qaban hir’achuun dhibee Sammuu gara garaatiif (depression, body dysmorphic disorder) akka saaxilaman beekamaa dha. Egaa ganama ganama bishaan qabbana’aan qaama ofii dhiqachuun ulfaatina ofii hir’isuun mala rakasa fi
salphaan fayyaa sammuu ofii eguu dha.

10. Kan nama dhibu yoo gara galgalaa bishaan diilallaan qaama ofii dhiqatan hirriba qulqulluu fi boqonnaa qabu rafuuf akka fayyadu qorattoonni baayyeen ragaa ba’u.’

Fayyaan Faaya!

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: