Home Fayyaa FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA – (Bromhidrosis)

FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA – (Bromhidrosis)

by

FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA – (Bromhidrosis)

Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, keessattuu kan bobaa jalaa, ni baay’ata. Dafqi baay’atu kun ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta’uu mala. Kun ammoo ofitti amantummaa keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti dhihaannee goonu irratti akka of shakkinufi ofitti amantummaa keenya gad bu’u godhuu mala.

Mee hardha, wontoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan Ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko ilaalla:

Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan (sweat glands) miliyoona sadihii hanga afurii ta’an gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu. Inni tokko(Eccrine glands) gogaa qaama keenya uffisee argamu hunda irratti kan argamuufi hoo’a qaama keenyaa to’achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisu dha. Inni lamataa(Apocrine glands) ammoo gogaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa fi naannoo gurraatti kan argamu dha. Xannachi kun harmaa irratti aanan maddisiisa, gurra keessaatti ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta’u, gogaa akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta’e kan pirootiiniif keemikaalota biraa qabu maddisiisa.

Dafqi yabbuun inni xannacha akaakuu lammataatiin maddisiifamu kun pirootiinii inni qabu baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara Aasidii ykn keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama. Sababa kanaaf qamnii naanno bobaa foolii badaa qabaatu danda’a.

Namoota foolii badaa qaamaatiif saaxilaman:
– Namoota furdinna garmalee guddaa ta’e qaban.
– Namoota yeroo baay’ee nyaata zayitiin, qullubbiin, shunkurtiin, itti baay’ate fayyadaman
– Alkoolii, buna, sigaaraa baay’isanii fayyadamuu
– Namoota hedduminnaan foon diimaa, killee/buuphaa nyaachuu guddisan
– Namoota dhukkuba Sukkaaraa qaban fa’a.

Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu:
Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:
* Qaama keenya bishaan hoo’aa dhaan dhiqachuu. Bishaan hoo’aan dhiqachuun baakiteeriyoota gogaa keenya irratti argaman kan dafqi keenya akka foolii badaa qabaatuuf sababa ta’an xiqqeessa.
* Yeroo yeroodhaan rifeensa bobaa keenya haaddachuu. Kana gochuu dhabuun dafqi keenya akka dafee hin hurkine gochuun baakiteeriyootaaf saaxila.
* Saamunaa mana qorichaatti gurguraman Kan baakteeriya hirdhiisuuf fayyadan kan Akka MEDICAM fa’a fayyadamuu.
* Nyaata zayitiin itti baay’ate yeroo hedduu fayyadamuu dhabuu. Foon diimaas, buphaas baay’isuu dhabuu. Kuduraaleef fuduraalee fayyadamuu.
* Erga bobaa keenya qulqulleesine booda shittoo ykn “deodorant” adda adda fayyadamuu. Otoo hin qulqulleessin dibachuun foolii bada biraaf nama saxiluu mala.
* Yoo tooftaalee armaan olitti eerameen baduu ykn hirdhachuu dide mana yaalaa dhiheenyatti argamu deemuun Doktora ykn ogeessa yaalaa mari’achiisuun “anti perspirant” fayyadamuun barbaachisaa ta’a.

Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
—–
© Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: