Home Health Funuuna (Epistaxis)

Funuuna (Epistaxis)

by Kedir Abdulatif

FUNUUNA – (Epistaxis)

Funuunni (dhiiguun keessa funyaanii) ijoollee olguddataa jirtuufi jaarsolii irratti darbee darbee sababa malee muldhachuu ykn funuunuu danda’a.
Yeroo hedduu funuunni yeroo gabaabaaf nama funuunee dhiisullee, namoota tokko tokko itti deddebi’uun akkasuumas yeroo dheeraaf/dhiigni baay’atee jiguun yaaddoo itti ta’uu mala.
Sababoota funuunaa:
Keessi funyaanii hidda dhiigaa xixxiqqoo hedduminaan kan qabuufi hiddi dhiigaa jenne kunniin ammoo haaluma salphaa ta’een miidhamuu danda’a. Miidhamuu kanaaf sababni ijoon ammoo qilleensaa gogaa irraa keessi funyanii goguufi funyaan keessa qotuu ykn horqoduudha.
Kana males:
* Kulkulfannaa keessa funyaanii fi dhukkuba Saayinasii qabaachuu.
* Rakkoo itituu dhiigaa (fkn kan Hemophilia jedhamuun beekamu qabachuu.
* Qorichoota dhiiga haphisuuf (itituu dhiigaa dhorkuuf) kennaman kan Warfarin, heparin jedhamuun beekamaniifi akkasumas Asprin fa’a yeroo dheeraaf fudhachuu.
* Keemikaloota garagaraa kan keessa funyaanii dallansiisaniif saaxilamuu
* Uttalloo ykn Hibibiin
* Qoodduun keessa funyaanii cinaa tokkotti dabuun
* Yeroo kan caalaa yeroo ulfaa
* Keessa funyaanii sababa miidhaa, rukuttaa ykn balaa biratiin miidhamuun
* Keessa funyaanii iitaan baye ykn biqile (polyp) jiraachuun.
* Darbee darbee ammoo sababa kaansarii dhiigaa irraa ykn dhukkuba tiruu nama wojji ture irraa ta’uu mala.
* Sigaaraa aarsuufii dhugaatii alkoolii baay’isanii fayyadamuu.
* Yeroo hedduu namni funuunaafii dhiibbaa dhiigaa wolitti akka hidhata qaban yaadus. Funuunni mallattoo ykn sababa dhiibbaa dhiigaa irraa miti.
Yeroo funuunaa maal haa goonu?
■ Yeroo funuunaa qajellee ta’uun, mormaan gara fuldura gad jechuu. Innii kun dhiiga liqimsinee garaacha keenya irratti dhibbaa akka hin goone nugargaara.
■ Funyaan keenya of-eeggannoon gad qulqulleessuun dhiigni itite yoo jiraate keessaa baasu.
■ Funyaan keenna cinaa lachuu quba mulliftuufi quba guddaan daqiiqaa kudhanii hanga kudha shanii qabuu. Yeroo san afaan keenyaan harganuu.
■ Cabbii gubbaa lafee funyaanii irratti qabuu.
■ Yeroo qilleensi gogaan jiru, keessi funyaanii akka hin gogneef waan akka Vaseline hapisanii dibuu.
■ Funyaan keenya qotuu ykn horqoduu dhiisuu
■ Deddeebiidhaan ykn yeroo tokkotti daqiiqaa soddomaa ol kan dhiigu yoo ta’e hatattamaan mana yaalaa deemuu.
■ Akkasumas qorichoota dhiiga haphisuuf tajaajilan kan armaan olitti waamne otoo fayyadamnu yoo fununni nu mudate, hatattamaan mana yaalaa deemuu qabna.
■ Dhiigni yeroo garagaratti deeddebiin jigu hirdhina dhiigaa namatti fiduu waan danda’uuf mallatoolee hirdhina dhiigaa (dadhabbii, bowwoo, gurri namatti iyyuu, lafti namaan maruu) yoo jiraatee mana yaalaa dhaqanii ilaallamuu.
■ Tamboo/sigaaraa arsuufi dhugaatii alkoolii baay’isanii fayyadamuu irraa of qusachuu.
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa daha!
© Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: