GARTUU DHIIGAA FI NYAATA
Gartuu dhiiga A
✍️Nyaata fuduraa fi kuduraa kanneen akka Muuzii, Papaya, abukaadoo, maangoo, burtukaana, aananaasii, fi kkf
✍️Midhaan firii isaanii nyaattaman kan akka baaqelaa, atara, boloqqee, qamadii, garbuu, boqqolloo, mishingaa, talbaa, ajjaa fi kkf fi oomishaalee isaanii.
Namoonni gartuu dhiiga A osoo foonii fi oomishaalee foonii baay’isuu baatanii
Gartuu dhiiga B
✍️Nyaata kuduraa haalluu magariisa ta’an fknf raafuu fi fuduraalee garagaraa ,
✍️Foon diimaa, garbuu fi oomishaalee isaa
✍️Aannanii fi oomishaalee aannanii
✍️Hanqaaquu, tiruu fa’a
Namoonni kunneen osoo nyaata kanneen akka boqqolloo, qamadii fi oomishaalee isaanii, misira, timaatima, oocholonii, qamadii, foon lukkuu fa’a nyaachuu baatanii
Gartuu dhiiga AB
✍️Nyaata akka qurxummii, kuduraalee magariisa,
✍️Aannanii fi oomishaalee aannanii
✍️Foon hoolaa, garbuu fi oomishaalee isaa
✍️Fuduraa fi muduraa garagaraa
Namoonni kunneen osoo dhangala’as ta’ee nyaata of keessaa ‘caffeine’ qaban kan akka bunaa, lallaafaa fa’a, alkoolii, Sijaaraa goonkumaa fayyadamu baatanii. Kana yoo jennu kun yaa fayyadamu jechuu keenyaa mitii!!!
Gartuu dhiiga O
Isaan kun immoo nyaata;-
✍️Pirootiinidhaan badhaadhan, kan akka foon diimaa, qurxummii fa’a
✍️Kuduraa fi fuduraa garagaraa fknf Muuzii, abukaadoo, raafuu fi kkf
✍️Garuu midhaan firiin isaanii nyaattaman kan akka baaqelaa, atara, boloqqee, qamadii, garbuu, boqqolloo, mishingaa, talbaa, ajjaa fi kkf fi oomishaalee isaanii fi aannan osoo baay’isuu baatanii gaaridha jedha, garuu qorannoo kana waliin wantootni wal dhahan hedduun waan jiraniif, akka dhuunfaa kootti nyaata madaalawaa nyaachuun gaaridha yaada jedhun qaba.
Galatoomaa !!!!
Madda:- www.webMD.com, www.health.harvard.edu