Home Oduu ‘Google’ Afaan Oromoo dabalatee afaanota 24 tajaajila Afaan hiikuutti dabale

‘Google’ Afaan Oromoo dabalatee afaanota 24 tajaajila Afaan hiikuutti dabale

by Kedir Abdulatif

‘Google’ Afaan Oromoo dabalatee afaanota 24 tajaajila Afaan hiikuutti dabale

Dhaabbati ‘Google’ tajaajila afaan hiikuu (Google Translate) Afaan Oromoo dabalatee afaanota 24 tajaajila afaan hiikuutti dabaleera.

Afaanota tajaajilli hiikkaa ittiin jalqabame kana keessaa kudhan afaanota Afrikaa yoo ta’an, Afaan Oromoon ala Afaanotni Afrikaa keessatti dubbataman kan tajaajila kana kennuu eegalan Afaan Tigree, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepedii fi Tsoongaa jedhamaniidha.

Afaan Oromoo Itoophiyaaa fi Kaaba Keeniyaatti namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 37 qaba. Afaan Tigree ammoo Ertiraafi Naannoo Tigraayitti namoota miiliyoona 8’n dubbatama.

Dhaabbati ‘Google’ Afaanota amma tajaajila eegalan dabalatee waliigalaan afaanota 133 tajaajila hiikkaa afaanii kana irratti akka hammataman beeksiseera.

 

You may also like

1 comment

fufa guta May 14, 2022 - 3:02 am

Baay’ee nama gammachiisa

Reply

Leave a Reply to fufa guta Cancel Reply

%d bloggers like this: