Home Fayyaa Hepatitis B Viruses

Hepatitis B Viruses

by Kedir Abdulatif

“Hepatitis B virus” daa’imman keessatti

Gosti vaayireesii “hepatitis B“ jedhamu akkuma namoota gurguddoo qabu daa’immanis qabuu ni danda’a. Vaayireesii kuni dhibee Tiruu fiduu kan danda’an keessaa isa tokko yoo tahu innis kulkulfannaa fi madaahuu Tiruu geessisuun Tiruun keenya gahee isaa akka hin baanee godha.

Daa’imman keessatti akkamiin qabamuu?

1. Haati daa’imaa tokkoo yoo gosa vaayireesii kana qabaatte karaa hidda handhuuraa ni darba
2. Dhiiga vaayireesii kanarraa hin qulqulloofne (contaminated blood) yoo fudhatan.
3. Namoota Vaayireesii dhiiga isaanii keessaa qabaniin yoo gudeedamanii talaallii hin fudhatiin hafan
4. Meeshaalee qara qaban kan vaayireesii kun itti maxxaneeruun yoo muraman…kun karaa isa muraasa tahus carraan ni jira.

Mallattooleen isaahoo maali?

Dhiiga keessa tahee Tiruu osoo hin hubiin dura mallattoo agarsiisu hin jiru; garuu, dhiiga keessa ni jira.
Erga Tiruu hubee booda mallattoolee argaan gadii qaba:-
 Iji gara bifa keellootti jijjiiramuu
 Dadhabbii
 Hir’ina fedhii nyaataa
 Dhukkubbii garaa keessattuu gara mirga gama olii
 Hir’ina ulfaatina qaamaa
 Dhiitahuu garaa
 Rafiitii jeeqamuu
 Hanguma tiruun miidhamaa deemeen immoo kan akka carraan of wallaaluu, dhiiguu qabaata

Daa’imman vaayireesii kanaan qabaman carraan fayyaa Tiruu isaanii gara fuulduraa maali?

 Haati vaayireesii kana yoo qabaattee daa’imni yoo hin talaalamne carraan gara dhibee Tiruu yeroo dheeraan hubamuu parsantii guddaadha (chronic Hepatitis).
 Dhibee Tiruu yeroo gabaabaaf saaxilamu (Acute Hepatitis)
 Yaalii malee erga dhibee Tiruu yeroo dheeraan huban carraan kaanserii Tiruun hubamuus ni jira (Hepatocellular carcinoma).
 Erga umuriin ol deemeen yoo qabaman garuu hanga tahe qaamni isaanii vaayireesii kana of keessaa loluu ni danda’us hanga namoota gurguddoo hin gahu.

Akkamiin dhorkuun danda’amaa?

1. Carraa yeroo ulfaa haati qabamtee daa’imni akka hin qabamne hambisuuf haati ulfaa kamiyyuu qorannoo vaayireesii kana gochuu qabdi.
2. Yoo haati daa’ima Vaayireesii kana hin qabaannee daa’imni talaallii seeraan akka fudhatu gochuu.
3. Haati daa’imaa dhiiga ishee keessaa yoo qabaatte:-
 Dhalatanii sa’aatii 12 gidduutti yoo hin danda’amne immoo sa’aatii 72 gidduutti Immunoglobin fudhachuu qabu.
 Daa’imman yeroon gahee dhalatan, dabalataan Talaallii vaayireesii kanaaf kennamu akka dhalataniin, ji’a tokkoo fi ji’a jaha irratti fudhachuu qabu. Kunis yeroo sadiidha garuu
 Daa’imman yeroon hin gahiin dhalatan talaallii kana yeroo afur fudhachuu qabu.
 Daa’imman namoota vaayireesiin kun irratti beekameen ykn osoo hin beekamiin gudeedaman talaallii vaayireesii kanaaf kennamu argachuu qabu..kuni yoo duraan talaalamuun isaa/ishee hin beekamu tahe yookiin ragaa qabatamaa hin qaban tahedha.
Osoo hin talaalamiin hafanii erga vaayireesii kanaan qabamuu baranii gargaarsi godhamu maali?
1. Mana yaalaa geessuun qorannoo Tiruuf godhamu taasisuu
2. Mallattoolee dhibeen Tiruu yoo irratti mul’ates qorannoo gochuun cimina dhibee sana baruu
3. Nyaata madaalamaa kan dabalataa akka nyaatan gochuu
4. Vitaaminoota gosa garaagaraa of keessaa qaban yeroo yerootti akka argatan gochuu
5. Bakka itti yaaliin vaayireesii kanaaf godhamu geessuun ogeessa waliin dubbachuu…yeroo ammaa qorichootni vaayireesii kanaaf kennaman sadarkaa miidhama Tiruu irratti hundaa’ee ni godhama.
6. Dabalataan wantoota tiruu miidhan kan akka alkoolii, qorichoota garaagaraa ajaja Hakiimaan ala kennaman fi Qorichoota aadaa irraa eeguudha.

Dr. Sabona Lemessa (Pediatrician)
Jimmaa, Oromiyaa!

You may also like

2 comments

Aman Tuna March 16, 2022 - 4:02 pm

Galatoomi! Barnoota gaarii nuu dabarsite!

Reply
Kedir Abdulatif March 20, 2022 - 8:46 pm

Galatoomi

Reply

Leave a Reply to Aman Tuna Cancel Reply

%d bloggers like this: