Home Health Hir’ina Dhiigaa (Anemia)

Hir’ina Dhiigaa (Anemia)

by Kedir Abdulatif

Dhiigni keenya seelii dhiigaa gosa garagaraa sadii of keessaa qaba. Isaaniis seelii dhiigaa diimaa, seelii dhiigaa adii fi Pilaatileeti jedhamanii beekamu. Isaan kunniin dalagaa garagaraa qabu. 

Wolumaa galatti qaamni keenya seelii tiriliyoona 100 (dhibbaa) ol qaba, isaan kana keessaa %25 (tiriliyoona 25) kan ta’an seelii dhiigaa diimaadha. Seeliin diimaan kun oksijiinii somba irraa fuudhee qaamota keenya kan garagaraatiif geessa. Kana gochuuf ammoo waan oksijiinii san baatu kan halluun isaa diimaa ta’eefi seeliin dhiigaa diimaan halluu diimaa akka qabaatu kan godhu waan ‘Hemoglobin’ jedhamu ufirraa qaba. Hemoglobin kun ammoo albuuda Ayiranii (Iron) jedhamu fa’a irraa tolfama. Laakkofsaan xiqqaachuun seelii dhiigaa diimaa ykn ‘hemoglobin’ kun Hir’inna dhiigaa (Anemia) jedhama.

Akkuma wolii galaatti hir’inna dhiigaa mudatu tokkoof sababa ta’uu kan danda’an:

1- Qaamni keenyaa yoo seelii dhiigaa gahaa ta’e oomishaa hin jiraatin ta’e

2- Seeliin dhiigaa diimaa oomishamaa jiran sun sababa garagaraatiin hamma turuu/jiraachuu qaban yoo jiraataa hin jiraanne ta’eefi

3- Balaa ykn sababa garagaraatiin dhiigni hammi isaa guddaa ta’e yoo qaama keenya keessaa jige/bahe hir’inni dhiigaa nu mudachuu danda’a jechuudha.

1- Rakkinna Oomishaa irraa kan tahuu danda’an:

☆ Seeliin dhiigaa kan oomishamu dhuka lafee keessa yoo tahu, rakkinni ykn dhukkubni dhuka lafee miidhu jiraachuun,

☆ Hanqinni albuuda aayiranii kan hemoglobin tolchuuf gargaru jirachuun, 

☆ Hanqinni hoormooni ‘Erythropoietin’ jedhamu kan oomisha seelii dhiigaa diimaa ta’otu ykn ajaju jirachuun [Hoormoonii kana irra jireessaan kan maddisiisu kalee keenya yoo ta’u, yogguu kaleen keenya dadhabaa deemte hormooniin kun haalaan waan hin oomishamneef hir’inni dhiigaa ni mudata]

☆ Dhukkuboonni yeroo dheeraaf nama irra turan kan akka Kaansarii, TB fi kkf oomisha seelii dhiigaa dadhabsiisuu danda’u.

☆ Rakkooleen mardhumaanii akka albuudni barbaachisan kun gara qaamaati ol hin fudhatamne godhan jiraachuun.

☆ Hanqinna vaayitaminii B12 fi ‘folic acid’ kan ijaarsa qaama seeliif barbaachisoo ta’an kana irraayis ta’uu danda’a.

2- Hammi turtii ykn jireenyi seelii diimaa kanaa xiqqaachuu:

☆ Seeliin dhiigaa diimaa erga oomishamee booda umrii ji’a afurii qaba ykn guyyaa 120 sirna marsaa dhiigaa keessa tura. Sababa uumamaan nama wojjiin dhalatu tokko tokkofi sababa biroo kan guyyaa keessa nama mudatu (fkn infeekshinii garagara kan akka busaa fa’a, summii fi qorichonni tokko tokko seeliin kun akka caccabuu fii umrii silaa marsaa dhiigaa keessa jiraachuu qabu san xiqqeessuun hir’inna dhiigaatiif nama saaxiluu danda’u.

3- Sababa, miidhaa, balaa ykn rakkinna nama mudatu tokko tokko irraa dhiigni qaama keessatti fi qaama kenyaa gara alatti jiguu/bahu.

☆ Fkn namni rukatamee ykn balaan tokko irra gahee dhiigni lola’uun/jiguun, yeroo dahumsaa dhigni haalaa ol jiguun, xuriin laguu hedduminaan jiguun/bahuunis dhawaata dhawaatan hir’inna dhiigaa fiduu danda’a.

Mallatoolee Hir’inna Dhiigaa:

* Nama dadhabsiisuu/ dafanii dadhabuu

* Bowwoo ykn yeroo tokko tokko mataan nama dhukkubuu

* Lafti namaan maruu

* Ijji namatti dimimmisuu

* Gurri namatti woccuu ykn namitti iyyuu

* Fedhi nyaataa xiqqachuu

* Rukuttaan/dhahannaan onnee namatti beeksisuu

* Dabalataan mallatooleen dhukkuba/rakkina hir’inna dhigaa san fidee mul’achuu danda’u

* Hir’inni dhiigaa kun hamma dhiigni diimaan qaama keessa jiru irratti hunda’uun xiqqaa hanga hamaa ta’uu danda’a. Mallatooleenis sadarkaa inni irra jiruun ulfachaa/jabachaa kan deeman taha. 

Maal haa goonu:

■ Mallatoolee kanniin yoo of irratti agarre mana yaalaa demnee qorannoo dhiigaa fi kan biroo kan oggeessi fayyaa nuuf ajaje dalagsifachuu.

■ Hir’inni sun hamaa/guddaa yoo tahe onneen keenya akka dadhabdus gochuu waan dandahuuf yeroon yaala argachuun barbaachisaadha.

■ Irra jireessaan yaalli isaa yaala dhukkuba ykn rakkinna addan bahe kan hir’inna dhiigaa fidaa jiru sanii taha. 

■ Nyaata ayiranii fi vayitaaminii hedduu of keessaa qaban kan akka foon (tiruu), foon diimaa, baaqelaa, aanan, shalalaa/ayibii, qurxummii, fa’a nyaachuu. Akkasumas fuduraaf kuduraa aayiraniin akka qaamatti olfudhatamu haalaan si’eessan kana akka burtukaanii, lomii, timaatimii, shaanaa gurrachaa, goraa, hundee diimaa fa’a fayyadamuu.

—-

Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!

Horaa, bulaa, deebanaa!

—-

©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: