ITIYOOPHIYAA fi BALBALA GALAANAA:
Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden
*******************************************
(Kutaa Lammaffaa)
Itiyoophiyaan biyyoota adunyaa balbala galaanaa hin qabne 44 keessaa tokko yoo taatu; laakkofsa ummata miiliyoona 120 ol qabaattee biyyi balbala galaanaa hin qabne Itiyoophiyaa qofa dha. Itophiyaatti aanee Uganda fi Nepal yoo ta’an isaan ummata miliyoona 45 fi 30 qofa qabu.
Daldalli alaa Itophiyaa % 90 ol balbala galaanaatiin kan godhamu yoo ta’u; irra jireessaan balbala galaanaa Djibouti fayyadamati. Balbala galaanaa kanas fayyadamuuf Djiboutiif guyya guyyaan Dolara Ameerikaa miiliyoona sadihii hanga saddeetii gahu kaffalti. Kaffaltiin kun guddaa yoo ta’u, Indastirilee heddu ykn bu’uuraalee misoomaa Itoophiyaaf ijaruu fi guddinna diinagdee daran fooyya’aa ta’e kan fiduu danda’u ture.
Biyya tokkoof balbala galaanaa qabaachuun waan baay’ee barbaachisaa ta’eedha. Balbala galaanaa dhabuun ammoo guddinna diinagdee biyya tokkoo irratti dhiibbaa cimaa kan fiduudha.
Meeshaleen bahargamaa gara biyyaa dhufan hedduun (% 90) kan ta’an bishaan irraan (dooniin, markabaan) dhufu. Kan hafe (% 10) kan ta’u qofatu qilleensaan (xiyyaaraan) biyya seena. Meshaaleen akka boba’aa, uffataa, qorichaa, midhaan (fkn qamadii), xaa’oon, konkolaataan, meeshaaleen woraanaa (fkn taankii), meshaaleen ijaarsaa fi kan biroo kan alaa galan hedduun isaanii balbala galaanaatiin dhufu.
Meeshalee kana gara biyyaa seensisuuf irra-jireessaan Itoophiyaan Balbala Galaanaa Djiboutiitiif kaffaluudhaan fayyadamti. Kaffaltiin kaffalamu kunis mi’a dhufe san irratti waan dabalamuuf hanga tokko gatii mi’a sanii olkaasa. Lammata ammoo, biyya ambaa keessaa gara biyya keennatti geejjibsiisuuf baasii fi yeroo dabalataa fudhata. Kana irraa, haaluma salphaan hubachuun danda’amutti, balbala galaanaa dhabuun gatii meeshaalee biyya seenanii irratti daballii qabaata. Kun ammoo qalayiinsa jireenyaa mudatu hammeessuu irratti ga’ee qaba.
Akkasumas, al-ergiin biyyi keenna gootu hedduun karaa Djiboutitiin godhama. Djibouti fiddee ammoo bilisaan hin ergitu, waa kaffalta. Kaffaltiin kun ammoo meeshaa al-ergii kee irratti gatii dabala. Gatiin meeshaa keetii ol ka’uun ammoo gabaa addunyaa irratti dorgomaa akka hin taane si godha. Kana hanbisuuf jecha ammoo bu’aa argattu xiqqeessitee gatii madaalessita. Kanaaf, balbala galaanaa dhabuun al-ergii fi as-fudhannaa (export and import) biyya tokkoo irratti dhiibbaa guddaa qaba.
Balbala galaanaa dhabuun investimantii alaa harkisuu irrattis miidhaa qaba. Inveestaroonni alaa, mi’a isaanii oomishanii gabaa addunyaatti baasuuf hojjatu. Yoo biyyi itti hojjatan sun balbala galaanaa hin qabdu ta’e ammoo mi’a san qajeela gabaa addunyaatti baafachuuf xaarii dabalataa waan qabuuf, biyya balbala galaanaa qabdutti invast godhuu irra filatu jechuudha.
Wabii nageenya biyyaaf balbala galaanaa qabaachuun murteessaadha. Meeshaa woraanaa irra hedduu isaa balbala galanaatiin fidatta, gaafa biyyi ollaa ka ati keessa deemtee fidattu sun hamma kanaa ol meeshaa woraanaa hin galfattu (of ittisuuf tun si geetti), meeshaa baay’e qabaachuun kee yoo kan sodaachisuun ta’ee si dhoorkite, keessattu yeroo rakkoo biyya ollaa wojji qabaatte, dubbiin hagasuma sitti cimti.
Biyyi balbala galaanaa hin qabne, akka nama kaloo namaa keessaa, ganama-galgala, bahaa hajaa fixataa deebi’uuti. Ollaa keessa baatee, keessa deebitu saniifis maallaqa kafalta. Gaafa waan kafaltu dabali siin jedhanis, ni dabalta. Dhimmicha nama harka namaa irratti kufeen bikkuudha. Dubbiin balbala galaanaa ofii malee yeroo dheeraaf jiraachuu hagasuma takka ulfaatti.
Balbala galaanaa qabaachuun ammoo faayidaa guddaa qaba. Qajeela balbala gabaa-alaatti (gabaa addunyaatti) itti baatuudha. Kun ammoo dhageettii fi fudhatama dirreelee idla-addunyaa irratti qabdu siif cimsa. Bareedinni qarqara galaanaa ammoo madda turizimii gaarii ta’uun daawwattoota siif harkisa. Gosti qurxummii adda addaa qarqara galaanatti argamu ummata kee nyaachisee, kan irraa hafe al-ergiif fayyadamtee galii irraa argachuu dandeessa.
Naannowwan qarqara galaanaa fi jalli isaanii hedduun kan albuudota adda addaa fi boba’aan badhaadhaniidha. Teeknolojii fi beekumsa ittiin baafattu gabbifannaan kana irraas madda galii uumatta. Ijaarsa bidiruu fi hojjattoota galaana irraa qabachuun kee ammoo carraa hojii lammiilee keetiif uuma. Qilleensa naannoo galanatti humnaan bubbisu fayyadamuun tarbaayinaroota qilleensaa (kan akka seensa magaalaa Adaamaa jiran) san tolchuun isaan irraa madda annisaa (elektiriikii) dabalataa maddisiisuu dandeessa.
Itoophiyaaf balbala galaanaa argachuun, baasii guyya guyyaan Djiboutiif miiliyoonotaan kaffaltu irraa hanbisa. Baasii amma Itoophiyaan guyyaa tokkoof balbala galaanaaf kaffaltu, mana barnoota bareedaa tokko ykn buufata fayyaa sadarkaa isaa eeggate ijaaruu danda’a. Kan ji’aan Djiboutiif kaffaltu worshaale gurgudda lamaa sadi ijaaruufii danda’a ture. Baasiin kaffaltii balabala galaanaatiiif bahu hafee, bu’uuralee misoomaaf oolee jijjiirama biyyaa keessatti gahee ni qabaata ture.
***
Woggoota soddoma dura Itiyoophiyaan biyyoota balbala galaanaa qaban keessaa tokko turte. Bara 1991 (1983 ALI), kufaatii Mootummaa Dargii hordofee, Eeritiraan biyya of-dandeette taatee fottoquu isheetiin balabala galaanaa hunda Itoophiyaa irraa fudhatte, Itoophiya biyya lafaan qofa marfamte (landlocked) gootee kutte.
Itiyoophiyaan balbala galaanaa barootaaf misoomsitee fayyadama turte, Asabii fi Mitsiwwaa, lachuu Eeritiraaf dhiiftee, biyya otoo lakkoofsa ummataa hagas gahu qabdu, balbala galaanaa malee hafte taate. Kun akkamitti ta’e? Jalaqaba irraa kaafnee kutaa itti aanuun wolitti deebina. Dubbistanii yoo xumuratan comment jalatti naaf ibsaa.