Jedhe Baratichi!
–
Adeemsi jireennaa, marsaadhaan naanna’aa;
Yeroo tokko bal’ina, yoo tokko rakkina ta’aa;
Finna diqqaa ta’ee, yeroo umrii kiyya kichuu;
Waa baay’ee dhama’e, dhabee jiruu michuu!
Baadiyaa fagoorraa, mana barnootaa baradhaa;
Bona gubaa aduurra, ganna roobaan gubadhaa;
Warra jiddugaleessarraa, carraa ta’ee dhaladhee;
Agabuu buluu baadhus, miidhama muudadhee!
Kaleessa lamaaniin, lafee maatii natti cabdanii;
Akka ifa har’aa argu, hedduu natti dadhabdanii;
Imimmaan gaafa sanii, amma qananii roobsaa;
Galatoomaa aabbiyyoo, aabbaa galaa dhoysaa;
Galatoomaa aayyiyyoo, aayyoo galaa dhoysaa!
Jedhe baratichi!
Gurbaan kutatichi!
Ani homaa hin beekuu, wallaaltuudha turee;
Ilmaan tiyya guddisuuf, baay’ee itti xaaree;
Humna tokko hin qabu, homaa siif hin goone;
Dandeettii waaqaani, kan rakkoo sana moone!
Warri ijoollee teessan yunivarsitii ramaddanii;
Ifaajjanii guddisaa, barsiisaa warri eebbiftanii;
Haadholiin akka tiyyaa, baga naa gammaddanii!
Kadiir Sh/Abdullaxiif H/Hajjii
Adoolessa 17, 2022
https://www.kedirabdulatif.com/