Home Fayyaa Kaansarii Fiixxee Gadaamessaa

Kaansarii Fiixxee Gadaamessaa

by
KAANSARII FIIXXEE/ULAA GADAAMESSAA (Cervical Cancer)
Kaansariin Fiixxee Gadaamessaa (KFG) kaansaroota dubartoota huban keessa isa tokko. Biyyoota guddataa jiran  keessatti kaansariin kun kaansaroota qaama wolhormaataa huban keessaa sadarkaa jalqabaa irratti argama. Akkasumas kaansaroota qaama wolhormaataa huban kessaa kan dhorkuun (prevent) gochuun danda’amu Kaanasarii Hulaa Gadaamessaa (Cervical Cancer) kana qofadha.
Uumamuu Kaansarii Fiixxee Gadaameessaatiif ga’ee guddaa kan taphatu vaayirasii maqaan isaa “Human Papilloma Virus (HPV)” jedhamuu dha. Vaayirasiin kunis akaakuu dhibbaa ol kan qabu yoo ta’u isaan keessaa muraasa isaanii qofatu kaansarii Fiixee Gadaameessaatiif nama saaxilu.
Wontoota Kaansarii kanaaf nama saaxiluu danda’an:
* Vaayirasiin jenne kun wol qunnamtii saalatiin kan daddarbu yoo ta’u, jireenya isaanii irratti al tokko yoo xiqaate namoota wol qunnamtii saalaa godhanii beekan hunda qabuu danda’a.  Yeroo hedduu qaamni keenyaa vaayirasiin kun akka dhukkuba hin fidneef to’annaa jala olchuu kan danda’u ta’uuyyuu dubartoota tokko tokko irratti yeroo dheeraan(woggaa 15-20) booda seelii Fiixee Gadaamessaa gara seelii kaansarii kanaaf nama saaxilutti jijjiruu danda’a.
* Inni biraa ammoo hiriyyaa wol-qunnamtii saalaa wojjiin raawwatan heddu qabaachuu. Hiriyyaa akkasii heddu qabaachuun carraa Vaayirasii kanaan (HPV) qabamuu dabala haaluma kanaan carraa Kaansarii kana horachuus ni dabala.
* Umirii xiqqeenyaa irratti wol qunnamtii saalaa qabaachu. Wontoota carraa kaansarii kanaan qabamuu guddisan keessa tokko umrii yeroo jalqabaaf itti wol qunnamtii saalaa goone dha. Yoo Umrii kun xiqqaa ta’e carraa kaansarii kanaan qabamuu guddaa ta’a jechuu dha.
* Dhukkuboota wol qunnamtii saalaatiin daddarban kan akka cophxoo, fanxoo fa’a qabaachuu. Dukkuboota kanniin qabaachuun carraa nuti vaayirasii Human papilloma jedhamu kanaan qabamuu guddisa.
* Dhukkuboota dandeetti qaamni keenya dhukkuba akka haalaan hin dandamannee ykn of irraa hin ittisne godhan. Fkn kan akka HIV-AIDS fa’a carraa kaansarii kanaan qabamuu ol kaasu. Kana jechuun namoonni kaansarii Fiixxee Gadaamessaa qaban hundinuu HIV qaban jechuu miti. Isaan HIV qaban hundinuu Kaansarii kana qabaatu jechuullee miti.
* Sigaaraa/Tamboo fi kkf aarsuu. Sigaaraa aarsuun akkuma  carraa kaansaroota tokko tokko qabaachuu guddisu San carraa kaansarii Fiixee gadamessatiin qabamuus ol kaasa.
Mallatoolee Kaansarii Fiixxee Gadaamessaa
Wolumaa galatti Kaansariin kun yomuu jalqabus ta’ee achi booda yeroo jiraniif mallatoo kan hin mul’isne yoo ta’u, erga turee booda mallatoolee armaan gadi kanneen mul’isa:
* Yeroo wol qunnamtii saalaa godhan dhiiguu/dhiigni bahuu ykn mul’achuu.
* Yeroo wol qunnamtii saalaa dhukkubbiin namatti dhagahamuu.
* Yeroo Xuriin dugdaa tokko dhufee kun hamma dhufu jiru jidduutti dhiigni gadaameessa keessaa jiguu. Kunis hanqina dhiigaa fiduu danda’a.
* Akkasumas worroota wolhormaata dhaaban kan xuriin laguu isaanii yeroo dheeraaf dhabbatee jiru irrattis dhiigni gadaamessaa as bahu jiraachuu.
* Dhangala’aan akka bishaanii  jiru ykn kan dhiiga makatee foolii qabu jiraachuu.
* Dhukkubiin garaa gara gaditti( nannoo gadamessatitti) namatti dhagahamuu.
* Mallatoolee armaan olitti eeraman wojjiin, qaama huqqachuu, fedha nyaataa dhabuu, fi dadhabiin mul’achuu fa’atu jiraata.
Kaansarii kana akkamiin of irraa ittisuu dandeenya?
¤ Wontoota isaaf nama saaxilan kan armaan olitti ibsaman irraa of qusachuun. Fkn Hiriyoota wol qunnamtii saalaa wojjiin raawwatan xiqqesuu, sigaaraa aarsuu dhiisuu/dhabun.
¤ Biyyoota guddatan keessatti talaalliin vaayirasii Human papilloma kan dhufaati Kaansarii kanaaf shora gudda taphatu, otoo wol-qunnamitii saalaa hin jalqabin dubartoota naannoo woggaa 9-13 jiraniif ni kennama. Bara darbe biyya keenya keessattis eegale ture. Taalalliin kun Kan kennaamuu qabu wol-qunnamtii saalaa otoo hin jalqaabin ta’uu qaba. Innis yeroo lama kan kennamu ta’ee. Ji’a jahaa hanga ji’a kudha lamaa walirraa fagaatee kennaama.
¤ Umrii woggaa digdamii tokko irraa kaasee qorannoo woggaa sadihi sadihiin godhamu kan ‘pap smear’ jedhamu Fiixxee gadamessaa irraa fudhamaa waan namaf godhumuuf qorannoo kana godhuun baay’ee baay’ee barbaachisaa dha. Qorannoon kun jijjirama seeliin Fiixxee Gadaamessaa gara kaansariitti jijjiramuuf godhaa/deemaa jiru waan agarsiisuuf otoo kaansarii hin ta’in ykn otoo kaansarichi hin jabaatin waan mul’atuuf yaala isaaf godhamu irratti faayidaa guddaa qaba. Kanaaf Qorannoo ‘pap smear’ kana yero yeroon (woggaa sadi sadiihiin) gochuun baay’ee barbaachisaa dha.
¤ Akkasumas biyya keenya keessatti bal’inaan sakata’iinsi ykn qorannoon Kaanseerii Ulaa/Balbala Gadaameessa kun karaa VIA (Visual Inspection after Acetic Acid application) ni godhama. VIA bufaata fayyaa fi Hospitaala ni argattuu. Qorannoon kunii dubartoota woggaa 21 ol ta’an hundaaf ta’uu kan qabu yoo ta’u, yeroo tokkaa ilaalamanii yoo fayyaa ta’an yoo xiqqaate waggaa shan shaniin hangaa waggaa 65ttii ilaalamu.
Akkaataan yaala Kaansarii kana sadarkaa inni irra jiruun ilaalamee takkahu Opereeshiinin, fi/ykn Qorichaan/keemooteerapii/ fi/ykn Carariin ta’uu mala. Yoo Kaansarichi jabaatee fi faca’ee jiraate ammoo degarsa mallatoole dhukkubichaa hirdhisuu ykn xiqqeessu (palliative care) kennamuu ni danda’a.
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
© 2022 |Dr. Nuredin Luke|

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: