Home Health Kaansarii Harmaa (Breast Cancer)

Kaansarii Harmaa (Breast Cancer)

by Kedir Abdulatif
KAANSARII HARMAA – Breast Cancer

***************************************
Kaansariin Harmaa kaansarii seelii harmaa irraa ka’u ykn ba’u dha. Kaansariin kun gara caalu ykn hedduminaan dubartii irratti (%99) muldhata. Haa ta’u malee dhiira irrattis darbee darbee (%1) muldhachuu danda’a. Kaansariin Harmaa kun seelii irraa ka’uufi iddo harma keessatti itti biqilu irraa ka’uun gosa gara-garaa (ykn maqaa garagaras) ni qaba.
Kaansariin kun maal irraa dhufuu danda’a laata?
Kaansariin Harmaa seeliin harma keessa jiru tokko haala sirrii hin taaneen guddachaa ykn baay’achaa dhufuudha. Seeliin kunniin ammoo seelii isa fayyaa irra saffisaan baay’achuun, dabalaafu kuufamaa, iitaa (kurusuu) jabaatu uumu. Seeliin kaansarii kunniin gara Xannacha Liimfii (lymph nodes) naannoo harmaatti argamaniifii gara qaama biraattis faca’uu ykn tatamsa’uu danda’u. Kaansariin Harmaa yeroo hedduu seelii aanan-harmaa oomishan irraa ka’a. Seelota biroo harma keessa jiran irraas ka’uu mala.
Caarraa namni tokko Kaansarii Harmaatiin hubamuu haala hoormoonii, jiruuf-jireenya isaa, uumaa (genetics) fi naannoo isaatirra ta’uu mala. Haa ta’u malee namoonni tokko tokko wontoota carraa kansarii kana horachuu dabalan otoo hin qabaatiin Kaansarichaan hubamuu ni danda’u.
Akkasumas namoonni %5-10 ta’an sababa geggederamu/jijjiramuu qaccee sanyii (gene mutation) maatiin darbuun carraa Kaansarii Harmaan qabamuu ni qabaatu.
Wontoota carraa Kaansarii Harmaatiin Qabamuu dabalan:
■ Akkuma jenne san dhiira caalaa dachaa hedduun (harka 99n) dubara irratti muldhata. Kanaaf dubarri dhiira caalaa carraa kansaarii kanaan hubamuu qabu.
■ Umriin dabalaa deemu. Adaduma umriin dabalaa deemuun carraan Kaansarii Harmaa horachuus ni dabala.
■ Ammaan dura harma cinaa tokko irratti Kaansarii qabaachuun carraa harma cinaa kaanii irrattis qabaachuu ni dabala.
■ Sababa qaccee sanyii maatii irraa darbuun yoo maatiin (obboleettiin ykn haati) kaansarii kanaan qabaamtee turte ykn jiraatte carraan kaansarii kanaan qabamuu kan nama biroo irra dachaa hedduun olka’aadha. Qacceen sanyii (jiiniin) kanaaf nama saaxilan (BRCA-1 and BRCA-2) jedhamuun beekaman kun jiraachuun carraa kaansarii kanaan qabamuu olkaasu.
■ Yeroo umrii xiqqeenyaa ykn daa’imummaa qomni (chastiin) carariif (radiation) saaxilamuun.
■ Furdinna ykn ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuun.
■ Xurii laguu ykn dugda umrii woggaa kudha lamaa gaditti arguu jalqabuun namoota kaan caalaa carraa kaansarii harmaatiin hubamu ni dabala.
■ Umriin xurii laguu ykn dugda arguu itti dhaaban dheerachuun ykn guddaa ta’uun.
■ Umrii woggaa soddomaa booda daa’ima jalqabaa argachuun namoota san dura argatan caalaa carraa kaansarii harmaatiin qabamuu ni qabu.
■ Isaan ulfayanii hin beekne kan ulfayanii beekan caalaa carraa kansarii Harmaan qabamuu qabu.
■ Alkoolii baay’isanii dhuguun carraa kaansarii harmaatin qabamuu ni dabala.
Mallattooleen Kaansarii Harmaa maal fa’adha?
● iitaa (kurusuu) harma keessatti yoo qaqqabanii laalan jabaatu ykn jajjabaatu.
● Qaama harmaa keessaa iddoo kaan caalaa qaaqqabiif jabaatu
● Hammi, bocni ykn argaan harma sanaa jijjiramuu
● Halluun ykn haalli gogaa harma irra jiruu jijjiramuu (fkn dhooqachuu)
● Dhangala’aan harma irra bahu jirachuu.
● Dhukkubbii harma irratti namatti dhagahamuu.
● Qacceen harmaa gara kessatti seenuu/gara keessaa garagaluu
● Gogaan nannoo qaccee harmaa ykn harma irra iddoo bira jiru diddimachuu, quunca’uu, mada’uufi babbaqaquu, akka burtukaanaa san bolla xixiqoo mul’isuu/qabaachuun mallatolee kaansarii harmaa ta’uu danda’u.
■ Mallattooleen as gubbatti kaafne kun dhukkuboota harmaa kan birootiifis ta’uu ni danda’u. Kanaaf mallattooleen kun qofti jiraachuun Kaansarii Harmaati hin jechisiisu. Dabalataan fedhii nyaataa dhabuu, ulfaatinni qaamaa hirdhachuu, dadhabbiin, mallatoolee armaan olitti eeraman wojji ni jiraatu. Akkasumas kaansarichi kan qaama keessa faca’e yoo ta’e mallatooleen iddoo inni itti faca’e san irraa muldhatan ni jiru.
Maal haa goonu?
Ofeeggannoo akkamiitu barbaachisa?
* Dubartoonni torbaan torbaanin otoo sakata’iinsa harma isaanii ofii isaaniiti qaqqabuun godhatanii gaariidha. Harma qaqqabuun ilaaluun iddoon iita’ee jabaate, jajjabaate, ykn jijjirama kutaa harmaa kan biroo irraa qabu jiraachuu isaa adda baafachu. Yoo jijjiramni addaa jiraate gara mana yaalaa deemanii ogeessa fayyaa ykn doktora isaan yaalu ykn woldhaanu wojjiin mari’achuu.
* Mallattoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarte otoo yeroo hin gubin mana yaalaa deemtee adda baafachuu. Mallattooleen as gubbatti kaafne kun dhukkuboota harmaa kan birootifis ta’uu ni danda’u.
* Mallatoolee kana yoo of irratti agarre hospitaala deemnee qorannoo doktoroonni keenya nuuf ajajan fkn ultrasound, mammogram fi sumuuda kutaa harmaa iitan sun irra jiru irraa fuudhamuufi kan biroo kan ogeessi nu ajaje hojjachiifachuu
* Alkoolii baay’isanii dhuguu dhabuu/dhaabuu.
* Sochii qaamaa gochu. Torbaanitti yoo xiqqaate guyyoota shaniif daqiiqaa soddoma soddoma sochii qamaa (ispoortii akka fiigichaa, daakkaa, deemsa arifannaa fi kkf) hojjachuu.
* Nyaata keenya madaalawaa gochuu. Yeroo hedduu fuduraaf kuduraa nyaachuu. Foon, cooma, kallee, dhadhaa, nyaata hapheeffamanii gurguraman baay’isuu dhabuu.
■ Sadarkaa kaansarichi irra jiru irratti hundaa’uun yaalli isaa kutaa harmaa kaansarichi itti biqile muranii/kutanii baasuu, ykn harma cinaa tokkoo guutuun gututti kaasuu/muranii kaasuu, ykn harmaafii xannachoota liimfii naannoo san jiran wolitti qabanii muranii kaasuu, ykn harma cinaa lachuu muranii kaasuus ta’uu danda’a. Dabalataan yaalli cararii (radiation) fi qorichootaa (Chemotherapy) fi ykn yaala hormooniin godhamus barbaachisaadha. Kana irra taree kaansarichi sadarkaa kanaan yaalamuu hin dandeenye irra yoo jiraate deeggarsi dhukkubbi woyyeessuufi dhukkubsataa kunuunsu (Palliative care) kennamuu ni danda’a.
Fayyaa ta’aa, fayyaa daha!
Horaa, bulaa, deebanaa!
©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: