Home Health KAANSARII LIQIMSAA – (Esophageal Cancer)

KAANSARII LIQIMSAA – (Esophageal Cancer)

by Kedir Abdulatif

KAANSARII LIQIMSAA – Esophageal Cancer

Ujummoo-nyaataa kokkee keenya irraa hanga garaachaatti nyaata dabarsu – ‘Esophagus’ – kan jedhamu kana Afaan Oromootti Liqimsaa jecha jedhuun bakka buusee isiniif ibsa. Kaansariin Liqimsaa kun naannolee biraa caalaa naannoo Arsiifi Baalee kanatti heddumaata. Qorannooleen biyya keessatti isa irratti godhaman tokko tokko akka agarsiisanitti dhukkubsattoota Kaansarii kanaan qabaman keessaa harki lama sadaffaan qonnaan bultoota naannoo Arsiif Baaleeti. Isa kanaafis wonti akka sababa ijootti ka’u ni jira. Isas ni ilaalla. Sadarkaa adunyaatti ammoo kaansaroota keessaa lubbuu namaa galaafachuun sadarkaa jahaffaa irratti argama.

Carraa Kaansarii kanaan qabamuu wontoota dabalan:

* Biyyoota guddataa jiran keessatti wontoota carraa Kaansarii kana dabaluun isaanii kan adda bahe: Aarsuu/Xuuxuu (sigaaraas, kan biraas). Alkoolii baay’isanii dhuguu. Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e qabaachuu. Nyaata foon, coomaaf qibaatiin itti baay’ate akkasumas hapheeffamani gurguraman yeroo heddu nyaachuun. Fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuun ykn xiqqeessanii fayyadamuun wontoota carraa kaansarii kanaan qabamuu ol kaasaniidha.

* Dhukkuba Aasidiin garaachaa gara liqimsaa (Esophagus) ol deebi’u godhu (GERD). GERDn kuniif haalli kan biroo turtii yeroo dheeraa booda seelii keessa liqimsaa (Esophagus) jiru gara seelii kaansariitti nama saaxiluuf jijjiiru (Barrett’s Esophagus).

* Naannoo Arsiif Baaleetti ammoo heddumaachuu kaansarii kanaaf akka sababaatti kan dhihaatu: Naannoo kanatti marqa hoo’aatu nyaatama. Marqi hoo’aan yeroo dheeraaf nyaatamu kun ammoo turtii woggootaa booda seelii keessa liqimsaa (Esophagus) jiru kana jijjiiraa deema. Seeliin jijjirame kun ammoo haala sirrii hin taaneen baay’achuudhaan kaansarii liqimsaa (Esophagus) kana namatti fiduu danda’a.

* Akkasumallee qorannooleen kaansarii kana irratti biyyoota Eeshiyaa keessatti godhaman dhugaatiilee hoo’aa ta’an itti fuufiinsaan dhuguunis carraa kaansarii kanaa dabaluu addeesu.

* Hariiroon dhukkuba qamadii ‘Fusarium head blight’ jedhamu kan summii (mycotoxin) inni oomishuufi uumamuu Kaansarii Liqimsaa (Esophageal Cancer) jidduu jiru woggootaaf biyya baha-fagootti qoratamaa kan jiruufi carraa kaansarii kanaa dabaluu akka danda’u qorannooleen addeessan tokko tokkos ni jiru. Oomishni qamadii kunis naannoo Arsiif Baalee kanatti waan baay’atuuf hariiroon gama kanaan saaxilamummaa kaansarii kanaaf hoo naannoo sanitti ni jira moo hin jiru kan jedhu kan hin qoratamne ta’uufi tarii gara fulduraa qorannoon qindaaye godhamee hariiroon jiraachuuf jirachuu dhabuun adda bahuu mala.

Mallattooleen Kaansarii Liqimsaa (Esophageal Cancer) maal fa’adha?

• Yeroo jalqabuuf san boodas Kaansariin Liqimsaa kun mallattoo tokkollee hin muldhisu. Booda irra garuu mallatoolee armaan gadii kannin muldhisa:
• Yeroo nyaata liqimsan dhukkubbiin ykn miirri dhukkubbii namatti dhagahamu. Inni kun dura nyaata jajjaboo ta’aniif ta’ee booda irratti dhangala’aan illee yeroo gad taru mira dhukkubbii akka qabaatu gochaa deema. Inni kun yeroo gara yeerotti hammaataa deema.
• Qoma irratti dhukkubbiin jiraachuu ykn namatti ulfaatuu
• Nyaatni namaa daakkamuu dhabuu, oldeebisuu, haqqisuu.
• Gubaa laphee. Dhiiga haqqisuu.
• Ulfaatinni qaamaa hirdhachuu
• Dadhabbii. Fedha nyaataa dhabuu.
• Qufaa, sagaleen namaa yabbachuu.

Maal haa goonu:
* Mallatoolee asii olii keessattuu namoonni umriin isaanii woggaa 50 ol ta’e irratti yoo argine ykn ofi irratti argine otoo yeroo hin qisasani qorannoo gahaa godhanii akka adda baafatan gorsuu ykn adda baafachuu.
* Wontoota asi olitti eerre kan carraa kaansarii kanaa dabalan dhiisuu: (fkn aarsuu dhabuu, alkoolii dhuguu dhabuu, ulfatinna garmalee guddaa ta’e qabaannaan hirdhisuu, nyaata keenya sirreessuu: fuduraaf kuduraa nyaachuu).
* Dhimma qorannoo irra jiru ta’ullee naannoo Arsiif Baalee kanatti heddumaachuu kaansarii kanaatiif aadan marqa ho’aa nyaachuu kun akka sababa ijootti waan ka’uuf; marqa san haga tokko hoo’a san lash godhanii nyaatanii gaarii ta’a.
• Qorannollee dhukkubbi dura yero yeroon godhaman qabaachuun kaansarootafi dhulkuboota biroo otoo hin cimoomatin akka argaman waan godhuuf aadaa dursa ykn yeroo fayyaa jirru qorannoo gochuu kana otoo horatanii dansaadha.
• Yaalli isaa sadarkaa inni jiru irratti hundaa’a. Baqaqsanii yaaluu (surgery), Cararii (Radiotherapy), Qoricha Kaansarii (Chemotherapy)dhaan ta’a. Yoo kaansarichi jabaatee jiraate, dhukkubbii woyyeesuu, ujummoo nyaataa namaaf galchuu, fi deggarsi biras kan godhamu (Palliative care) ni jira.

Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!

Dr. Nuredin Luke

You may also like

1 comment

Samuel April 15, 2022 - 2:23 pm

Dr. Galatoomi, barnoota hedduu irraa bardhaeera, ani waggaa lama dura haadha kiyya dhibee kanaan dhabe. Mallattooleen ati eerte hunduu irratti mul’ataniiru,.naannoo keenya gara wallaggaa dhukkubni kun hagas mara waan hin turreef dura maanneen yaalaa hedduun dhukkuba garaachaati jechaa turan. Dhumarratti dhukkubichi yemmuu argamu sadarkaa yaalamuurra darbee waan tureef homaa gochuu hin dandeenye ,Haadha kiyya dhibe kanaan dhabe!

Reply

Leave a Comment

%d bloggers like this: