Home Health Kaansarii Mar’umaan Guddaa (Colorectal Cancer)

Kaansarii Mar’umaan Guddaa (Colorectal Cancer)

by Kedir Abdulatif

KAANSARII MAR’UMAAN GUDDAA – Colorectal Cancer

Kaansariin mardhumaan guddaa (colon /rectal /colorectal) yeroo hedduu namoota umriin isaanii woggoota 50 ol ta’e irratti kan muldhatu ta’uyyuu namoota umrii kamii irrattuu muldhachuu ni danda’a.

Kaansarii Mardhumaan Guddaa waan kana ykn sana qofa irraa dhufa jedhanii murteessuun ni ulfaata. Haa ta’u malee wontoonni uumama kaansarii kanaaf nama saaxilan ni jiru.

Wontoota carraa Kaansarii Mardhumaan Guddaan qabamuu dabalan:

■ Umriin dabaluu: Kaansariin Mar’ummaan guddaa namoota umriin isaanii woggaa 50 ol ta’e irratti kan caalaa baay’inaan muldhatu. Haa ta’u malee Umrii sanii gadiittis muldhachuu danda’a.
■ Saanyi biroo caalaa sanyii ummata gurrachaa irratti bay’innaan muldhata.
■ Mardhumaan keessaa iitaa kaan biiroo (Polyp) jiraachuun carraa Kaansarii Mardhumaan Guddaa qabaachuu ni dabala.
■ Amma duraa kutaa mardhumaa guddaa tokko irraa kaansarii qabaachuun kan biraa irratti carraa qabaachuu ni dabala.
■ Kulkulfannaafi quunca’a mar’umaani yeroo dheeraaf nama irra turuun beekaman kan ( Ulcerative colitis fi Crohn’s disease) jedhaman qabaachuun carraa kaansarii mardhumaan guddaan qabamuu dabalu.
■ Jijjirraa qaccee sanyii irratti mudatu (gene mutation) maatiin daddarbu tokko tokko carraa kaansarii kanan qabamuu ol kaasuu danda’u.
■ Maatii dhiigaa keessaa tokko yoo kaansarii kanaan qabame carraan miseensii maatii kaansarii kanaan qabamuu kan nama kaanii caalaa ol ka’aadha. Yoo maatiin tokko ol kaansarii kanaan qabamee jiraate ammoo carraa miseensa maatii dhiigaa hedduu ol ka’aadha.
■ Nyaata fuduraaf kuduraa xiqqeessanii, nyaata coomniifi qibaatiin itti baay’ate nyaachuun carraa kaansarii kanaa ni dabala.
■ Namoota sochii qamaa hin goone. Kan haalli jireenya isaanii deemsa ykn sochii milaan godhamu hin qabnee fi isaan iddoo tokkotti yeroo dheeraf dabarsan.
■ Namoota kaan caalaa isaan dhukkuba sukkaaraa qaban irratti carraan muldhachuu isaa ni dabala.
■ Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu.
■ Isaan arsan (Sigaaraa ykn kan biroo aarsuu).
■ Alkoolii baay’isanii fayyadamuu.
■ Xiqqeenyarratti carallaaf (radiation) saaxilamuun wontoota carraa kaansarii mar’umaan guddaa qabaachuu keenya ol kaasuu danda’aniidha.

Mallattoolee Kaansarii Mardhumaan Guddaa:

Kaansariin mardhumaan guddaa yeroo jalqabu namoota hedduu irratti mallattoo homaatuu/tokkollee hin muldhisu. Erga Kaansarichi guddateef jabaate booda mallattoo muldhisuu eegala. Mallattoon muldhisu kunis hammafi iddoo kaansarichi itti biqile irratti hundaa’uun garaagarummaa hamma tokko ni qaba.

Yeroo hedduu mallattooleen muldhatan:
● Haalli bobbaa/sagaraa keenyaa dhaabbidhaan jijjiramuu. Yeroo tokko baasaa yeroo kan garaa gogsuu ta’uu.
● Sagaraa ykn bobbaa keenya irratti dhiiga arguu. Qaama ta’umsaatiin dhiigni bahuu/jiguu.
● Dhukkubbii garaa ykn mirri akkasii deddebi’ee namatti dhagahamuu.
● Erga bobbaaf ta’anii xumuran booda miirii bobbaan keessatti hafuu namatti dhagahamuu ykn guutuun guutuutti bahuu dhabuu namitti fakkaachuu.
● Sagaraan qaldhatee qaldhatee (hamma irsaasi) gahuun bahuu
● Dadhabbii ykn humna dhabuu.
● Ulfaatinni ykn qaamni hirdhachuu.

Keessattuu namoonni umriin isaanii woggaa shantaamaa ol ta’anii mallattoolee armaan olii of irratti argan otoo mana yaalaa deemanii ilaallamanii adda baafatanii gorfamaadha.

Maal haa goonu?
* Mallatoolee armaan olitti eeraman ykn tuqaman yoo ofi irratti agarre keessattuu umriin keenya woggaa 50 ol yoo ta’e mana yaalaa deemuun haakima keenya mari’achisuun qorannoolee barbaachisu gochuun dhukkuba keenya adda baafachuu.
* Kintaarootiin keessa qaama ta’umsatti bahu mallatoolee asii olitti erre kanas waan muldhisuuf qorannoo gahaafi ogeessa fayyaa (doctor) malee kun kintaarotiidha jedhanii dhiisuun kaansaricha yoo ta’eef akka jabaatu godha. Kanaaf humni yoo nuuf eeyyame qorannoo gahaa godhachutu furmaata.
Carraa kaansarii kanaan qabamuu keenya hirdhisuuf:
* Nyaata keenya keessatti fuduraaf kuduraa baay’ifnee fayyadamuu.
* Sochii qaamaa (ispoortii) yoo xiqqaate guyya guyyaan daqiiqaa soddomaaf torbaanitti guyyaa shaniif hojjachuu.
* Sigaaraa ykn kan biros aarsuu dhabuu ykn dhaabuu.
* Hamma alkoolii dhugnu daran xiqqeessuu ykn guutuun guututti dhuguu dhabuu.
* Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e yoo qabaanne hirdhisuu. Keessattuu ulfaatinna hojjaa keenya wol hin madaalle yoo qabaanne akka madalawaa ta’u gochuu.
● Yaalli isaa takkahuu baqaqsanii yaaluu, yaala cararii (radiotherapy), fi qoricha kaansarii (Chemotherapy) ta’uu danda’a. Yoo kaansarichi jabaatee jiraate ammoo yaala dhukkubbii woyyeessuuf gargaarsa mallattoolee dhukkubaa woyyeessuu (Palliative care) ni kennama.

Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa argadhaa!

©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: