Lammiilee Mana Hidhaa Saudi Arabia Biyyatti Deebisuufi!
Laammiilee Itiyoophiiyaa Sa’uudii Arabiyaa jiran deebisuuf hojii hojjetamaa jiruun Lammiileen kumni 35 galmeen isaani xumuramuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Hojii dippiloomaasii lammiileen walqabateen lammiilee Itiyoophiiyaa Sawud Arabiyaa jiran baasuuf sochii taasifameen hanga ammaatti galmeefi ragaan lammiilee kuma 35 qulqullaa’uu eeruun yeroo gabaabaa keessatti gara biyyatti akka deebi’an ibsaniiru.
Dhimmoota dippiloomaasii Siyaasaa, Dinagdeefi lammiilee irratti ibsa kan kennan Dubbii himaan Ministeericha Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Afrikaa Bahaatti ergamaan addaa Chayinaa Ministeera Muummee Itti aanaafi Ministeerri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin waliin marii taasisuu himan.
Deeggarsa gama hundaa Chaayinaan Itoophiyaaf taasisaa jirtuuf galateeffachuu eeruun Chaayinaan gama isheen deeggarsaafi walitti dhufeenyaa gama hundaan Itiyoophiiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsuu beeksisaniiru.
Odeeffannoo Waytaawoo kan biroo argachuuf:-
Telegram: https://t.me/KedirAbdulatifH
YouTube: https://www.youtube.com/c/KedirAbdulatifH
Twitter: https://twitter.com/KedirAbdulatifH
‘Follow’, ‘Subscribe’ Gochuun hordofaa.
3 comments
Rabbi dhugaa haa godhumee!
Kitaaba Dhaloota Sodaa Cabse jedhutti baay’ee waan nu onnachiiseef kan kana caalu qabattee akka nuuf dhiyaattu abdiiguddaan qaba.
Galatoomi ulfaadhu ?