Home Oduu Lammiileen Naayijeeriyaa ‘biyya kana jiraachuu mannaa Yuukireeniif loluu wayya,’ jedhan.

Lammiileen Naayijeeriyaa ‘biyya kana jiraachuu mannaa Yuukireeniif loluu wayya,’ jedhan.

by

Lammiileen Naayijeeriyaa ‘biyya kana jiraachuu mannaa Yuukireeniif loluu wayya,’ jedhan.

Baatii darbee wayita Raashiyaan weerara Yuukireen irratti bante, lammiin Naayijeeriyaa kan waggaa 27 Otaah Abirahaam battaluma deebii kenne.

Bilbilasaa kaasuunis karaa toora tiwiitaraatiin ”garee kanatti makamuun barbaada” jechuun barreesse.

Abirahaam bakka waraanichaatirraa fageenya km 8,700 irratti magaalaa Leegoos keessa jiraata.

Barnoota Falaasaamaan kan eebbifame dargaggoon kun, darggaggoota Afriikaa dhibboota keessaa tokko yoo ta’u, kaan achuma Naayijeeriyaa, Keenyaa, Seeneegaal, Afriikaa Kibbaa fi Aljeeriyaa irraa Yukireeniif hiriiranii Raashiyaa waraanuuf hayyamamoo ta’u ibsan.

Irra caalaan isaaniis hiyyummaa biyya saanii keessatti isaan mudatu jalaa bahuufidha.

”Akka waraana ta’e ni beekna, tapha ijoollees miti,” jedha wayita BBCtti himetti. ”Garuu ammoo Yuukireen keessatti loltuu ta’uu wayya asi jiraachu mannaa.

”Tarii yoo waraanni xumurame akkan achi jiraadhu naaf hayyamamus danda’a. Kana malees goota ta’ee diina waraana.”

Erga pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskiin loltoonni biyyoota biraa akka isaanitti makamaniif waamicha taasiseen booda, namoonni kuma 20 ta’an addunyaa guutuu irraa Yuukireeniif loluuf hayyamamoo ta’uun gabaafameera.

Mootummaanis kanneen paasportii sirriifi leenjii waraanaa qabaniif yeroodhaaf ulaagaalee Viizaa kaasuun meeshaa dhiyeessuufi mindaa kanfaluuf jira.

Haata’u malee waraanaan booda loltoonni biyya biraa biyyattii keessa akka turaniif hayyamamuu ilaalchisee ammatti wanti barame hin jiru.

Keretii Usorooh lammii Naayijeeriyaa magaala guddoo biyyatti Abujaa keessa jiraatudha. Innis Yuukireeniif loluuf barbaachunsaa gonkumaa kan badhaadhina barbaachuu ykn waa’ee lammummaa argachuutiin wal hin qabatu jedha.

”Ani jireenya gariin jiraataa jira. Osoon gara Awurooppaa imalu barbaadees karaa barnootaa gochuu nan danda’a, karaa waraanaatiin miti,” jedha dargaggoon oggeessa seeraaa kan waggaa 29 kun.

“Dhimmichi isaaf waa’ee kan nama miidhu mo’achuuti- haqni tokkoof dabu haqa hundaaf dabuudha.”

Kaka’umsi namoonni baay’een guyyaa pireezidanti Zeleniiskiin waamicha taasiiseen booda gara Yuukireen deemuun waraana keessatti hirmaachuuf imbaasii Abujaatti dhiyaachuun agarsiisan kunis dippilomaatota Yuukireen kan gammachiseedha.

Haata’u malee mootummoonni Afriikaa hedduun Naayijeeriyaa dabalate lammiileen isaanii Yuukireen keessatti waraana irratti akka hirmaatan hin barbaadan.

Naayijeeriyaatti qondaalli imbaasii Yuukireen tokko akka jedhaniitti, Afriikaanoonni akka isaaniif lolaniif balaliinsa isaaniitiif kanfaltii hin raawwataniif. Kanaafuu namoonni ofii saaniitiif kanfalachuun Awurooppaa gahuu qabu jedhan.

”Lammiilee biyya alaa fedhiin hirmaataniifi bu’aaf hojjatan jidduu sararri jiras,” jedhan.

Boodarra ammoo gara kanneen fedhiidhaan gara imbaasichaa dhaqaniif ibsa kennaniiru.

Seenaagaal gama siheetiin lammiileen ishee akka waraanicha keessa hin galleef akeekkachiisuun, Ambaasaddarri Yuukireen kan Seneegaal jiru barreeffama namoota feedhiin duuluu barbaadaniif waamicha taasisuu akka fuula facebook isaanii irraa buusaniif gaafatana.

Waamicha taasifamees ”seeraan alaafi gochaa seeraan adabamu qabuudha” jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Aljeeriyaa gamasaatiin imbaasii Yuukireeniif ajaja walfakkaataa dabarsan.

”Biyyi kiyya ‘deemuu hin ayyamu’ jettee jirti. Ministira Dhimma alaatiif barressuu yaaleera. Deebii naaf hin kennine garuu irra deebi’een yaalaa,” jedhe lammiin Aljeeriyaa dargagoon waggaa 28, Belhaadj Haani Amiir BBCtti yoo himeetti.

”Yuukireen deemuun barbaada, garuu waraanni kun dafee akka xumuramuun abdadhas.”

Ambaasaaddarri Yuukireen Afriikaa Kibbaa, Mozaambiik fi Botsiwaanaa, Liyuboov Abraavitov BBCtti akka himaniitti, Afriikaa Kibbaa irraa namoonni dhibbaan lakkaa’aman lolatti makamuuf ykn dandeettii hojii namoomaarra hojjachuuf tolee jedhaniiru.

Garuu mootummaa ishee iraa ajaja eeggataa waan jirtuuf gaaffii isaanii kanaaf deebii kennuu hin dandeenye jette.

Afrikaan Kibbaa waraana keessatti hirmaachuun bu’aa argachuu irratti seera cimaa qabdi.

Garuu ammoo beeksiifni namoota ‘idil-addunya’ irraa Yukireeniif loluuf fedhii qaban waamuuf imbaasiwwan biyyoota afriikaa keessaa hin dabalatu.

Bakka bu’oonni marsariitii akka mirkaneessaniitti biyyoonni Afriikaa tokko tokkoo sababii ”dhorkaawwan seeraatiif” haqamaniiru.

‘Obboolaa Raashiiyaa’

Aljeeriyaa, Seeneegaal fi Afrikaan Kibbaa biyyoota Afriikaa 17 kanneen 54 keessaa weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte walgahii UN irratti osoo hin balaaleefatiin hafaniidha. Kunis Raashiyaa waliin jibba uumuu waan hin barbaadneefiidha.

Raashiyaan dhiibbaa ishee Afriikaa keessatti waan babal’ifatteef deeggarsa hin dhabdu.

Keessattuu gama damee waaraanaatiin biyyoota akka Kaameeruun, Libiyaa, Maalii fi Sudaan keessatti hidhattootaa ykn milishoota riphee loltootaa waraanuun gargaaraa jirti.

Waraabbiin viidiyoo loltuu Kaameeruun ”obooloota Raashiiyaatti’ dabalamuuf dhaadatu intarneetii irratti qoodamaa ture. Haata’u malee BBC madda walabaa irraa kan hin qulqulleeffannee yoo ta’u qaamooleen mootummaas deebii hin kennine.

Jimaata darbe Ministirri Ittisa Raashiyaa Sargee Shoiguu ”loltoonni 16,000” biyyoota jiddugala bahaa keessaa waraanaa Raashiyaa waliin hiriiranii loluuf waliigalaniiru jedhan. Kun ammoo kan kanneen Afriikaa Bahaa irraa haa dabalatuu haa dhiisuu hin baramne.

Garuu ammoo motummoonni Afriikaa qaccarrii lammiilee isaan dhorkaa jiru.

Abdii kutannaa

Kanneen akka lammii Naayijeeriyaa Daaviid Osaagii Adeeleekee jiraniif kun baayyee kan nama gaddisiisuudha.

Dargaggoon Dhaabbata Fannoo Diimaa keessatti akka hojjataa balaa yeroo hatattamaa ta’uun hirmaataa ture kunis nama umuriin waggaa 21ti. Innis duuluun Yuukireeniif loluu waan barbaadeef xalayaa deeggarsaa dabalatee sanadawwan barbaachisan hunda waliitti qabate jira.

”Anis sanadawwan kiyya walitti qabachuuf kallattiin gara buufata poolisiitti qajeele” jedha ragaan yakka irraa bilisa ta’u barbaachisaa ta’u wayita ibsu.

”Amma garuu imbaasiin nu warra Afriikaa akka hin fudhanne dhagahuu kiyyatti baay’een aaree.”

Innis iimeelii imbaasii Yuukireeniif barreesseen deebii’ee isaaf dhufe. Kanaafuu karaa ittiin daangaa biyyattii itti gahu kan biraa barbaada jira.

“Imbaasii Poolaand kan Naayijeeriyaa keessatti argamuutti gaaffiifi deebii taasiseera,” jedha.

Piriinsi kan warra kaan waliin imbaasii Yuukireen kan Naayijeeriitti argamees, waa’ee haala Yuukireen keessaa irratti caalaa hubannoo qaba.

Yeroosaa dargagguummaa muraasa Raashiyaa keessatti dabarseera. Lammummaa biyya lamaa kan qabu yoo ta’u, akaadaamii loltummaa Raashiyaa keessatti leenjii’eera. Garuu ammoo erga imbaasii Ameeriikaa keessatti argameen booda basaasuun himatamuun yeroo gabaabaaf hidhamee ture.

Kanaafuu waggaa torbaan dura karaa Yukireeniin biyyattii sanaa baqachuu dubbata. Kanaafuu Raashiyaa waraanuuf gammachuun akka hirmaatu dubbata.

“Ani ofiidhuma kiyyaanan deemuu barbaade garuu mootummaan Naayijeeriyaa deemuu hin dendeessan jedhe… isaanis nan kabaja,” jechuun BBCtti hime.

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: