Home Afoola Mammaaksa Afaan Oromoo

Mammaaksa Afaan Oromoo

by
Mammaaksa Afaan Oromoo, Tartiiba Qubee “Aa” irraa eegalaman.
         Aa
Aadaan yoo dhiisan adawwii namatti taati.
Aadaa fi aduun ni dhokatan malee hin badan.
Aanaa lafti hin hanqattu.
Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette Adurreen.
Aare jedhanii yoo keessaa fuudhaan ni dhaama.
“Aartu qotadhu,” jedhe namichi saree buddeena dhoorgatee.
Abbaa dhooksetuu akaakayyuu himata.
Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaa’u.
Abbaan cabsaa ufitti hin xiqqeessu.
Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu.
Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu.
Abbaan mana jiraa gurri ala jira.
Abbaan nyaataa buleef, gabataan jala hin bulu.
Abbaa rakkate farda bukkoon dhahata.
Abbaan uf hin argu, dhagaan uf hin darbu.
Abbatu uf mara jedhe bofni.
Abjuun baraa beelaa buddeen buddeen jetti.
Abjuu sodaataniif hirriba hin dhiisan.
Ablee qara lamaa beekaatuu itti fayyadama.
Abshaalli ufii nyaatee gowwaa afaan diba.
Adaamiin ollaa Hagamsaa imimmaan hin qoorfattu.
Addaateef ilkaan alanfachuu hin dhiisu.
Adda baane jedhe namtichi furri fudhatee.
Addageen hamma lafa ejjetti.
Adala gowwoomsuun suuta suutani.
Adda nyaatan dhotee tahanii adda deeman loxee tahan.
Adda nyaataniif hin gabbatan.
“Adeemsa abbatu uf tolchaa, fuula rabbitu nama tolcha” jedhe Jaldeessi.
Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko.
Adurreen garaa muratte, Leencaan faana nama sodaachifti.
Adurreen keessi bineensa.
Adurreen kan bakka loon oolan hin beeyne, galgala aannan dhuugdi.
Adurreen riphxee hantuuta argachuu hin ooltu.
Afaan ajaa waliin yaa’uu dadhabnee jedhe jedhan waraabessi.
Afaan gaariin afaa gaarii caala.
Afaan lafa taa’u lafee alansha.
Afaan hamii baree utubatti hasaasa.
Afaan qabachuun hunda too’achuu.
Afaaniin Sheek Huseen lukaan gara mukaa.
Afuuffiin madaa hin fayyisu.
Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa.
“Ajjeechaa irra sukkuummaa sodaadha,” jette tayfiin.
Akka beekan bulan.
Akka cabanitti okkolan.
Akka kufanitti hin caban.
Akka dheebotaniif laga hin maddisan.
Akka durii fi harka xuriitti hin bafan.
Akka duriin jira jette jaartiin qullaa dhaabattee.
Akka ebaluun sirbaan morma nama jallisa.
“Akka ganamaa seetee narra hin ejjetin” jette sokorruun.
Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen.
Akka jedhan dhageettee shaniin gufufaan deette.
Akka haroon hin guunne, akka raachi hin duune jedha.
Akka ormaatti sirbaan morma nama jallisa.
Akkuma durii seetee jaartiin qullaa lafaa kaatee.
Akka qotiyyootti gooba jettee, raachi dhootee duute.
Alagaan gaafa kolfaa, firri gaafa golfaa.
Alagaa ilkaan malee garaa hin argan.
Ameessi okolee dide, okkotee hin didu.
Anatu caalaan Ciincinaa haaduu afaan buute.
Anbi ankoo buukoo nuun jedha nu alii boonaa ufiin jenna jedhe jaldeessi.
Ani badeen waan bade hin galchitu.
“Ani hin hambifanne, ati hin qalbifanne” jedhe namtichi.
Ani hoo duruu gubattuu jette buddeenni mana keessa gubattee.
Ani jiraan se’a gogaan koo gabaa jira jette kurupheen.
Anis garaa qaba jette qamaleen.
Anuma xuuxxa malee, xuuxxee waa na hin xuruursitu.
Ariifataan horii gata.
Arraba koo yaa laxxisaa situ faallee na hanqisa
Arbi lamaa yoo wal-lole, kan miidhamu sanbaleexa.
Argaa toleef goromsi hin ottoomu.
Arge jettee hin foysin, dhagahe jettee hin odeessin.
Ari’ii biyyaa baasi, qabii itti hasaasi.
Arjaa kennu dony’a garaan dadhaba.
Arjoomaniif fira hin argatan.
Arrabni hamii baree bulluqa alanfata.
Arrumaan samii bahaan waa hin taatu.
Awwaaltuun awwaala hin argattu.
Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa.

You may also like

4 comments

Abdallaa Jamaal February 20, 2022 - 8:00 pm

Masha Allah anaa dhufu baga nagaan dhufte. Hojii gaarii eegaltee jabaadhu, itti fufi!

Reply
kedirabdulatif February 20, 2022 - 10:13 pm

Galatoomi ulfaadhu wayyoomi ?

Reply
Abdi Ahmed March 18, 2022 - 6:48 pm

Waan hedduu nama barsiisaati

Reply
Kedir Abdulatif March 19, 2022 - 2:43 am

Gaalatoomi, ishoo!

Reply

Leave a Comment

%d bloggers like this: