Morkii/Dorgommii

CHALLENGE
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ ️Barsiisaa tokkotu waa’ee marsaa jireenya kanniisaa utuu barsiisuu barattoota isaa gochaan (practical) dhaan isaan hubachiisuu barbaade.

❍ Kanniisa fidee kutaa dhufee, fuuldura barattoota isaa kaa’ee, akkas jedheen barattoota isaatiin “hamma marsaan isaa kun jiisaa irra ga’eera gara ga’eessatti jijjiiramuuf turtii sa’aatii 2 itti fudhata waan ta’eef namni kamiyyuu akka itti hin buune”Jedhe.

Sana booda utuma barattoonni daree keessaa ilaalaa jiranii kanniisni sunis qodaa (qola) keessa jiru cabsuuf yaalii gochuu eegale.

❍ Utuma yaalus yeroo dheeraa itti fudhatee ture. Barattoonnis baay’ee gadduufii irraan kan ka’e gargaaruu yoo barbaadaniyyuu ajaja barsiisaa isaanii cabsuu hin barbaadne ture.

❍ Haa ta’u malee gara dhumaa irratti barattoota sana keessaa tokko dhiphinni kanniisa sanaa baay’ee waan garaa isa nyaatef gargaaruuf murteessee; ka’ees gargaaree qola (qodaa) inni keessa jiru sana keessaa baase.

Haa ta’u malee utuma baay’ee hin turin kanniisni sun ni du’e.

MAALIF DU’EE ?

❏ Yaaliin inni taasisaa ture sun yaalii jireenya isaaf baay’ee barbaachisu ture.

❏ ️Achi keessaa ofiin Cabsee (Wala’aansoo qabee) ba’uun isaa:

➀. Cimina qaaama isaaf faayidaa qaba ture.
➁. Cimina baallee isaaf faayidaa qaba ture.

❏ Amma garuu gargaarsa namaatiin achi keessaa waan ba’eef faayidaa kana hunda ni dhabe ofiifis ni du’e.

#DHAAMSA :

● Rakkinni (challenge) jireenya kee keessatti sitti dhufu kamiyyuu bu’aa fi faayidaa mataa isaatii qaba.

● Hubadhu: Gargaarsi namaa laga si hin ceesisu ittumaayyuu dandeettii dhokataa (potential) keessa kee jiru baaftee akka ati irratti hin hojjenne si godha.

❍ Rakkina sitti dhufe sana keessatti harki namaa waan si gargaareef cimina kee (eenyummaa) ofii keetii dhabda.

❍ Challenge (rakkoo) bor booda dhufuu maluuf irra deebidhaan harka namaa akka eegdu si taasisa.

Walumaa galatti harka namaa hin eeggatin!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *