Oftaanaafi Wal-taanaa Jidduutti!
–
Obbolaa lamaan, wal-atakaroo bahanii,
Anatu simooyaan, dubbii gad-toohanii,
Tokko ‘oftaanaa,’ jedha afaan qabatee,
Tokko ‘wal-taanaa,’ dallanee dubbatee!
–
“Akkamitti osoo of hin tahin, animmoo sita’a?
Maalummaa kiyya gatee, ani sitti deebi’aa?
Diqqoma hin saalfattuu, yommuu wal-taana jettu?
Cubbuun aayyoofi aabboo, hadaraa sihaa nyaattu.”
–
“Lakki obboleessa kiyya, kan narra hangafaa!
Yaada kiyya na hin hubanne, ilaalcha sihafaa!
Oftaanaafi wal-taanaan, nulamaan qofaafi;
Oftaanee wal-taanaa, sirritti hubadhu naafi!”
–
“Ani kana gonkumaa, tasa sirrii hin dhagahu;
Eenyummaa kiyya kanaan, yoomillee adda hin bahu;
Namni natti siqee, natuqu haadhufu maal-abbaasaa;
Qottoon mataa dhahee, dhagaraan adda baasaa!”
–
“Lakki obboleessa kiyya, kabajamaafi ulfaataa;
Ana yaadni gadhuumaan, lakki garaa nanyaataa;
Ati yeroo gaarii tolfuufi yeroo badaa hamtuu;
Qilleensa Gadaa ilaaltee, tasuma hin jijjiiramtuu?”
–
“Ahaa! edaa akkanaayyuu dubbiin sirumaa?
Ani raammoo tahee, bara baraan jijjiiramaa?
‘Fardi farda hamaa waliin oolu, dhuufuu hin jallisu,’
Bakkuma barattetti!
Deeffadhu, ani du’ee badus kaayyoo kiyyan dhiisu.”
–
Akkanaan salphannee, tokkummaan harca’e;
Namni durii hindhooyu, ka ammaa hintarsa’e;
Obboloonni, Oftaanaafi Wal-taanaa Jidduutti;
Osoo wal-morman, guyyuu aduun baate dhiiti!
____⭐⭐⭐⭐⭐____
Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Ebla 19, 2022