Home Fayyaa Quunca’uu/Madaa’uu Qaama Saalaa

Quunca’uu/Madaa’uu Qaama Saalaa

by

QUUNCA’UU/MADAA’UU QAAMA SAALAA – (Genital Ulcer Syndrome)

Qaamni saalaa dhiiraa ykn kan dubaraa sababa baakteeriyoota (akka Treponema pallidum, Heamophilus ducreyia, Chlamydia trachomatis, Klebsiella granulomatis ) ykn Vaayirasii [Herpes simplex virus(HSV-1 fi HSV-2)] jedhaman kan wolqunnamtii saalaatiin daddarbaniin quunca’uu ykn madaa’uu danda’a. Quunca’uun qaama saalaa kun ammoo sababa garagaraatiin carraa Vaayirasiin HIV nama isa qabuu irraa gara nama isa hin qabnetti daddarbuu dachaa shanii hanga saddeetii dabaluu akka danda’u qorannooleen hedduu ni addeessu. Sababoota carraa daddarbuu kana dabalan keessaa:
– Quunca’uun qaama saalaa carraa vaayirasiin HIV madaa saniin seenuu dabala
– Baakteeriyaa ykn vaayirasii madaa ykn quunca’uu san fide ittisuuf sirni ittisa qaamaa waan seelii dhiiga adii achitti bobbasuuf HIV-in seelii dhiiga adii haala salphaa ta’een achitti argachuun gara qaamaa seenuu danda’u
– Akkasumas nama Vayirasicha wojjiin jiratu irratti naannoo madaa sanitti vaayirasichi laakkofsaan waan heddummaatee argamuuf carraa nama kaanatti daddarbuu olkaasa.

—-
Maal haa goonu?
* Iftoominnaan rakkinna jiru ogeessa yaalaatti himachuun yaala argachuu.
* Dhukkubni kun saal-qunnamtiin waan daddarbuuf hiriyyaa dhiiraa ykn dubaraa keenyas qorachiisuufi yaalachisuu. Yeroo tokko tokko isaan keessaa tokko baakteriyicha ykn vaayirasicha madaa qaama saalaa fidu qabaatee mallattoo dhukkubichaa mul’isuu dhabuun isa kaanitti daddabarsaa jiraachaa waan jiruuf isaan lachuu yaalamuu qabu jechuudha.
* Wolqunnamtii saalaa of eggannoon xiqqaate gochuu dhabuu.
* Hanga madaan fayyuuf wolqunnamtii saalaa dhaabuu/dhiisuu.
* Koondomii fayyadamuu.
* Ogeessa yaalaa wojjiin mari’achuun qorannoo HIV gochuu.
* Jijjirraa amalaa barbaachisoo ta’an kan carraa dhukkuba saalqunnamtiin daddarban guddisan irraa fagaachuu (fkn hiriyyaa saalqunnamtii heddu yoo qabaanne kana dhiisuu).

—-
* Xaxaa yaalamuu dhabuu irraa dhufan keessaa tokko madaan kun namatti deddebi’uu, yeroo tokko tokko ammoo madaan sun haalaan guddachaa deemuun hanga qaamni saalaa sun nama irraa cituu fi akkasumas turtii yeroo dheeraan booda qaamota akka sammuu, manjalloo fi narvii ijaa irrattis rakkoo fiduu danda’a.

Fayyaa ta’aa, Fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin Luke
👇👇👇
👉 Join our Telegram Channel👈

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: