Home Fayyaa Rakkoo Dafanii Dhangalaasuu Yeroo Saal-qunnamtii Dhiirotaafi Furmaatasaa

Rakkoo Dafanii Dhangalaasuu Yeroo Saal-qunnamtii Dhiirotaafi Furmaatasaa

by
RAKKOO WAL-QUNNAMTII SAALAA DAFANII XUMMURUU (PREMATURE EJACULATION)
Walqunnamtiin saalaa jireenya ilma namaa keessaatti baay’ee kabajamaa fi iddoo guddaa  qaba. Rakkoolee walqunnamtii saalaan walqabatan namoonni baay’een ifatti dubbachuu baatanis, rakkoo nama hedduu  dhiphisuudha. Rakkooleen yeroo kana nama muudatanis baay’eedha. Isaan keessaa har’aaf rakkoo walqunnamtii saalaa dafanii xumuruu yaa ilaallu :-
Rakkoon kun jira kan jedhamu, namni tokko walqunnamtii saalaa eegalee dubartiin inni waliin walqunnamtii saalaa raawwate osoo sadarkaa gammachuu irra hin gahin duursee yoo dhangalaaseedha. Kana jechuun, daangaan daqiiqaa baay’ee murteessaa miti jechuudha. Haa ta’u malee, jiddu galeessaan dhiirri tokko daqiiqaa 1 ykn isaa gaditti fedhii isaa kan guuttatu yoo ta’e/ dhangala’aan qaama saala isaa keessaa yoo bahe dafee dhangalaase jechuu dandeenya. As irratti garuu wanti beekkamuu qabu daqiiqaa 10f illee turee ishiin osoo fedhii hin guuttatin dhangalaase taanaan kunis rakkoo dafanii dhangalaasuu jalatti ramadama. Kana irraa ka’uun, yaaddoo fi sodaa hin taaneef nama saaxiluu danda’a. Akkasumas, ofitti amanamummaa akka hin qabaanne taasisuu danda’a. Haa ta’uu malee, namoonni rakkoo kana osoo hin qabaatin dhiphatanis ni jiru.
SABABOOTA RAKKOO KANAAF NAMA SAAXILAN?
1,Dhiphina fi Yaaddoo hamaa; namoonni yeroo baayyee dhiphatanii fi yaadda’an yeroo hedduu rakkoo kanaa fi kan biroos qabaachuu danda’u.
2,Rakkoo hariiroo isaan jidduu jiru, jechuun kan abbaa manaa fi haadha manaa/jaalalleewwanii
3,Hiriiyaa ykn haadha manaaf walqunnamtii saalaatin fedhii ishee hin guunne jedhanii dhiphachuu
4,Walqunnamtii saalaa kanaan dura goonee kan hin beekne yoo ta’e. Namoonni baayyeen yeroo walqunnamtii isaanii jalqabaa fi yeroo dheeraaf walqunnamtii saalaa osoo hin godhiin kan turan yoo ta’e, fedhii isaanii dafanii akka guuttatan gochuu danda’a.
5,Ilaalchii ofiif qaban gadi bu’aa ta’uu. Kunis, ani hin danda’u jedhanii kan yaadanii fi dhiphatan yoo ta’e.
6,Yeroo walqunnamtii saalaa miirri cubbuu namatti dhagahamuu.
7. Nama walqunnamtii saalaa raawwatan waliin iftoomina dhabuu
AKKAMITTII OF GARGAARUU DANDEENYA?
Yeroo baayyee wanta ogeessa fayyaan gorfaman hojii irra oolchuun, akka nu hin muudannee ykn yoo nu muudatee jira ta’ee immoo balleessun/hambisuun ni danda’ama.
Namoonni baayyeen kanneen armaan gadii gochuun/shaakaluun turtii yeroon boodatiin rakkoo kana fooyyessuu ni danda’u.
  1. Yeroo walqunnamtii saalaaf qophoofnu, jarjaranii kallattumaan gara walqunnamtii saalaa seenuun dura, waliin taphachuu, waliin haasa’uu, wal xuxxuquu, waldhungachuu fi kkf gochuu. Namoonni muraasni yeroo baayyee dubartii akka walqunnamtii saalaa qofaaf isaan barbaachistuut ilaalu, garuu kun sirrii miti. Kanaafuu, walqunnamtii saalaa dura wantoonni raawwataman (presex/warm up ) baayyee murteessadha. Yeroon kun jara lachuu, keessattuu isa miirri ani fedhii ishee guutuu hin danda’u jedhu irraa badaa deema.
  2. Osoo walqunnamtii saalaa hojjechaa jiraan yoo miirri dhangala’an sanyii kormaa (sperm) bahuuf jedhu namatti dhagahamu, Sadarkaa ishiin irra jirtu gaafachuudhaan, “lakki turi” yoo namaan jette, yeroof sochii walqunnamtii saalaa dhiisuu fi waan biraa yaaduu (thought distractions); san booda erga miirri sun namarraa badee, kun immoo hanga sekondii 30 fudhachuu mala, itti deebi’u (stop and start technique).
  3. Yeroo miirri sanyii kormaa dhangala’uuf ykn bahuuf namatti dhagahamuu, walqunnamtii saalaa jidduutti dhiisuun/addaan kutuun qaama saalaa dhiiraa naannoo fiixee isaa jabeessanii qabun akka hin baane/hin dhangala’ane gochuu. Yeroo kanaas turtii  sekondii 30 booda itti deebi’u.
  • #Hub: Mala lamaan armaan olii kana haadha manaa/jaalallee waliin ykn kophaatti qaama saalaa xuxxuquun (masturbation) shaakaluun of gargaaruun ni danda’ama. Asirratti garuu, jalqaba jaalallee waliin xiqqoo rakkisuu waan maluuf, dursa kophaatti osoo yaalanii erga inni milkaa’ee booda jaalallee waliin yaalanii ni filatama. Gochi kun, akka araada namatti hin taane of eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaadha.
  • 4. Namoonni walqunnamtii saalaa raawwatanii hin beekne ykn turtii yeroo dheeraa booda  walqunnamtii saalaa raawwatan, turtii fi irra deddeebii booda fooyyaa’aa waan deemuuf dhiphachuun hin barbaachisu.
  • 5. Koondomii fayyadamuu; nama tokko tokko irratti koondomii fayyadamuun qaamni saalaa dhiiraa akka miirri isaanii sirriitti hin si’oofne  taasisuudhaan dafanii akka hin dhangalaafneef gargaaruu danda’a (less sensitive).
  • 6. Dhiphinaa fi yaaddoo hamaa jiru hanga dandeenyun hir’isu.
  • 7. Sochii qaamaa gochuu; kun kana qofaaf osoo hin taane fayyummaa qaama keenyaa guutuuf barbaachisaadha.
  • 8. Nyaata madaalawaa nyaachuu, kunis akkuma sochii qaamaa baayyee  barbaachisaadha.
  • 9. Alkoolii baayi’sanii dhuguu, tamboo aarsuu fi Araadawwan garagaraa fi kkf irraa of qusachuu.
#Yoom_Mana_yaalaa_yaa_deemnu?
Yoo kanneen armaan olii hundaa gootanii kan hin sirroofne ta’e mana yaalaa deemun ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.
Galatoomaa!!!

You may also like

3 comments

Abdi Ahmed March 18, 2022 - 6:27 pm

Fayyaan faaya,

Reply
Abdi Abdulahi April 3, 2022 - 3:00 am

thank u

Reply
Twicsy June 15, 2022 - 9:14 pm

Hmm it seems like your website ate my first comment
(it was extremely long) so I guess I’ll just sum
it up what I wrote and say, I’m thoroughly enjoying your blog.

I as well am an aspiring blog writer but I’m still new to the whole thing.
Do you have any suggestions for first-time blog writers?
I’d genuinely appreciate it.

Reply

Leave a Comment

%d bloggers like this: