Home Fayyaa Rakkoolee Xurii Laguu

Rakkoolee Xurii Laguu

by

AKKOOLEE XURII LAGUU

Xuriin laguu qophii jijjiramaa qaamni hormaata dubaraa hormoonota adda addaatiin wol hormaataaf ji’a ji’aan godhu dha.

■ Yeroo baay’ee kan inni itti dhufu guyyaa 28tiin yoo ta’u, guyyaa 21-35 yoo turaa kan dhufu ta’es rakkinna akka hin qabnetti fudhatama. Garuu kanaa olis ta’ee kanaa gadi yoo kan turaa dhufu ta’e rakkini jiraachuu mul’isuu mala. Kana qofaaf otoo hin ta’in dugdi/xuriin laguu yeroo inni itti dhufu (guyyaa jalqabaa) kan ji’a ji’aa galmeessuun faayidaa hedduu qaba.

■ Dubarri takka jijjiirama dargaggummaa (saal-lammeessoo) kan akka harmi guddachuu qabaattee dugdi ishee hanga woggaa 16 guuttutti yoo dhufuu baate ykn jijjiiramni dargaggummaa (saal-lammeessoo) otoo hin jiraatin dugdi/xuriin laguu/ ishee otoo hin dhufin waggaa 13 yoo geesse rakkinni akka jiru waan muldhisuuf mana yaalaa deemtee ilaalamuu qabdi.

■ Dhufee guyyaa lamaa hanga torbaa turuu danda’a. Sanaa ol yoo kan turu ta’e rakkinni jiraachuu mala. Kanaaf mana yaalaa deemanii laallamuun barbaachisaa dha.

■ Yeroo hedduu dhiigni/ dugdi bahu haphii ta’ee baha. Irra jireessaan dhiigni ititaa kan bahu yoo ta’e, guyyatti moodeesii sadihi ol kan nama fayyadamsiisu, ykn hamma ammaan dura dhufu/jigu irraa yoo daran heddumaate, wolumaa galatti dhufee hammi isaa 80 ml (sinii shayii) tokko ol kan ta’u yoo ta’e rakkinna qabachuu danda’a jechu dha. Kanaaf Doktora bira deemanii laallamuun bayeessa.

■ Yeroo dugdi ykn xuriin laguu dhufu dhukkubiin xiqqoo namatti dhagahamuu mala. Dhukkubbiin hamaan dalagaa ykn barnoota irraa nama olchu ykn dalagaa nama hin dalagsiisne yoo jiraate laallamuun barbaachisaadha.

■ Dhiigni yeroo marsaa xurii laguu lamaan jidduutti dhufu/jigu, akkasumas wol qunnamtii saalaa yeroo godhan dhiigni jigu/bahu yoo jiraate ykn yeroo wol qunnamtii saalaa dhukkubbiin yoo kan namatti dhagahamu ta’e mana yaalaa deemanii ilaallamuun barbaachisaa ta’a.

■ Dahumsa booda haadha harma hin hoosifne irratti yeroo hedduu xuriin laguu torbaan 6-8 keessatti deebi’e dhufa. Haa ta’u malee haadha harma hoosiftu irratti otoo xurii laguu hin argin hanga ji’a Kudha saddetiis (Woggaa tokkoof cinaa) turuu dandeessi. Otoo xurii laguu hin arginis/dhiigni hin mul’atin deebitee ulfaayu ni dandessi.

■ Yoo dugdi/xurii laguu guyyaa isaa eegataa (bulii digdamii saddeet saddeetiin) dhufu ta’e fi qoricha qusannoo maatii hin fudhanne ta’e killeen wolhormaataa guyyaa kudha arfaffaa irratti gadi lakkifamti. Kanaafii umrii/turtii isparmiin qaama wolhormaataa keessa turu yoo fudhanne shamarri takka guyyaa marsaan xurii laguu takka jedhee dhufee irraa laakkofnee guyyaa 12- 16 jidduutti ulfaayuu dandeessi. Haa ta’u malee isa kana akka mala qusannaa matitti fayyadamuun amansiisaa miti. Malli guyyaa ulfaayuu dandad’an dabarsuu kun dubartoota dugdi/xuriin laguu guyyaa isaa eeggataa hin dhufneefi dubartoota gonkumaa ulfayuu hin barbaanne/ulfayuu hin qabneef mala qusannoo gorfamaa ta’e miti.

■ Nannoo dubarri wol hormaata dhaabuuf deemtutti (naannoo woggaa ~45-50) dugdi xiqqachuu, turaa turaa dhufuun inuma jiraata. San booda gara dhabbatuutti deema. Erga xuriin laguu umriin sun gahe dhaabbate booda dhiigni jigu jiraannaan qorannaan baldhaan waan barbaachisuuf otoo hin turin ilaallamuun gaariidha. Akkasumas woggottan jalqabaa dugdi dubara takka irratti mul’achuu jalqabu sanittis xiqqaachuu, turaa turaa dhuufun inuma jiraata.

Fayyaa ta’aa!

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: