Home Art & Culture Seenaa Injifannoo Saambee (1933)

Seenaa Injifannoo Saambee (1933)

by Kedir Abdulatif

Seenaa Injifannoo Saambee (1933)

Ummanni Oromoo utubaa biyya kanaa ta’uu isaaf injifannoo inni dirree adda addaa irratti humnoo walabummaa biyya keenyaa mulquuf hoojechaa turan irratti galmeessaa ture qoratanii ibsuu caalaa ragaa addaa barbaaduun hagana murteessaa miti. Biyya kana keessatti ummanni Oromoo eeboofi gaachanaan akkasumas, fardeen isaan dabaalamee galmesse hedduu ta’us innifannoon isaa kaan qaamota adda addaan saamamaa kaanis qoratamee barraa’uun beekamtii utuu hin argatin turus amma mootummaan jijjiiramaafi dhaloota qubeen seenaa Oromoo yeroodhaa gara yerootti qindaa’uun ifa ba’uu eegaleera.

Har’a seenaa injifannoo Saambee kutaa 1ffaa isiniif dhiheessina.

Akkuma seenaa keessatti beekamu Xaaliyaaniin bara 1928 A.L.I biyya keenya weeraruuf waraana bantus gootonni Itoophiyaa tole jedhanii diina aadaafi safuu biyyattii balleessuuf dhufe tole jedhanii simatan osoo hin taane riphanii loluun faashistoota Xaaliyaanii boqonnaa dhorkaa turuu seenaan abbootii irraa argamu dhugaa ba’a.

Loltoonni Black Lion (Leenca Gurraacha) jedhamuun waamaman kan ijaaraman Magaalaa Goreetti yoo ta’u, Raas Immiruun akka isaan hogganu ta’ee innis qondaaltota Itoophiyaa biroo wajjin ta’uun Goree giddu-gala bulchiinsa Itoophiyaa godhatanii diina haleeluu eegalan.

Loltootni Leenca Gurraachaa (Black Lion) jedhaman kun giddu gala leenjii waraana Holotaa irraa yeroo teessoon Mootummaa gara Magaalaa Goreetti socho’u kan dhufanidha. Humni kun Finfinnee bilisa baasuuf yaalee Gojeb irratti diinaan rukutamu iyyuu sochii isaa itti fufee ture. Akkuma beekamu gootonni Itoophiyaa aarsaa guddaa kaffalanii bara 1933tti loltoonni Xaaliyaanii giddu galeessa biyya irraa rukutamuuun gara kibba Lixa Itoophiyaatti wal ijaaranii socho’uu eegalan.

Diinni wal ijaaree socho’u kunis Magaalaa seenaa qabeettii Goree qabatee humna isaa cimsatee lammaffaa gara giddu-galeessa Itoophiyaatti deebi’uuf ture. Garuu ummatni Oromoo naannawaa Godina Iluu Abbaa Boor muuxannoo diinaan hin bitamnu jedhu akaakilee isaa irraa dhaale bu’uura godhachuun diina dura dhaabbachuuf murteeffate.

Akkuma seenaan ibsu ummatni Iluu Abbaa Boor Odaa Doggii giddu gala Sirna Gadaa salgan Iluu godhachuun biyya isaa gootummaan akka bulchaa ture seenaa bal’aatu jira.

Seenaa bal’aa sana amma kaasuu baannus Abbaa Boor Diimaa Caaliifi Fattansa Iluu akkamiin biyya isaanii daangeeffatanii eegachaa turan kan jedhuuf

~Abbaa Boor Caalii Shoonoo Godina I/A/Boor jennu kana Gaambeellaa, Jimma, Wallaggaa, Ummattoota Kibbaa wajjin daangaa isaanii beekamaa godhachuun bulchaa turan. Diinni Salgan Iluu akka hin qabanneef aarsaa guddaa kaffalaniiru.

~Diimaa Caalii erga Abbaa Boor boqotanii booda naannoo bara 1870 keessa diinota kallattii adda addaan ijaaramuun meeshaalee waraanaa gara garaa qabatee Iluu Abbaa Boor gadi qabuuf dhufe dura dhaabbachuun meeshaa isaan qabatanii dhufan harkaa booji’uun leeyyaasisanii deebisaniiru.

~Fattansa Iluu bara 1875 diina lammaffaa ijaaramee dhufe dura dhaabbachuun waraana Qarsaa Gogillaa irratti gootota I/A/Boor Magaalaa Goree irratti qindeessuun diina akka bara sanatti meeshaa sadarkaa olaanaan hidhatee dhufe dura dhaabbachuun gootummaa uummataa Saglan Iluu agarsiisaniiru. Dirree Waraanaa kana irratti diinni humna isaa keessaafi alaan ijaarrachuun carraa injifachuu yoo argatellee gootummaan Fattansa Iluu agarsiise iddoo guddaa qaba. Akkuma Bakar Waaree dirree Waraana calanqootti aarsaa kaffalaa turan Fattansa Iluunis naannawaa sanatti gootummaa isaa agarsiisee jira.

Egaa Gootummaa Caalii Shoonoo,Abbaa Boor, Diimaa Caaliifi Fattansa Iluu yeroo ka’u seenaa isaanii barreessuuf miti.

Garuu Yeroo Seenaa waraana Saambee kaasnu Goototni Iluu Abbaa Boor Faashistoota Xaaliyaanii dura dhaabbatanii kan akka Bantii Daanyaa, Margoo Bokaa, Ayyaansoo Bookaa, Zawudee Lamuu, Qilxuu Raaboofi gootota salgan Iluu kumaatamaan lakkaa’aman wajjin ta’uun seenaa diinaan hin bitamnu jedhu Caalii Shoonoo, Diimaa Caaliifi Fattansa Iluu irraa dhaalaniin akka diina dura dhaabbatan hubachuu qabna.

Lolli Saambee lola gootonni Oromoo Iluu Abbaa Booraa itti seenaa dalaganidha. Bara lola Saambee (1933) sana Xaaliyaanii, Jarmaniifi Jaappaan garee faashistootaafi Naazistoota Addunyaa ta’uun olaantummaa isaanii biyyoota birootti fe’uuf sochii taasisaa turan.

Faashistiin Xaaliyaanis gara biyya keenyatti kiyyoo isaa darbachuun olaantummaa isaa biyyatti fe’uuf carraaqaa ture. Ummatni Iluu Abbaa Boor garee Faashistoota Addunyaa kanaa yeroo Saambeetti rukutu al kallattiidhaan faashistoota Addunyaa dhabamsiisuuf hirmaannaa bal’aa gochuu isaaf ragaadha.

Seenaa dhaloota haa barsiifnu!

Kutaan 2ffaan qabannee dhihaanna.

Ragaan kan Waajjira Aadaafi Tuuriizimii Godina I/A/Booriifi Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaati.
Oromia communication Bureau

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: