Home Health Sigaaraa Aarsuu!

Sigaaraa Aarsuu!

by Kedir Abdulatif

SIGAARAA AARSUU:

Sigaaraa aarsuun qaamoota(Orgaanota) keenya hunda miidhuu danda’a. Dhukkuboota garagaraatiifis nama saaxila. Wolumaa galatti sigaaraa aarsuun fayyaa keenya irratti miidhaa guddaa fida.

Sigaaraa aarsuun:
* Carraa dhukkuba hidda dhiiga onnee ykn dhukkuba onnee akka tasaa dachaa lamaa hanga afurii ol kaasa.
* Carraa Istirookii (dhigni sammuu keessatti jiguu/ hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru cufamu) dachaa lamaa hanga afurii dabala.
* Carraa Kaansarii Sombaatiin qabamuu dachaa digdamii shaniin dabala.
* Hiddi dhiigaa akka dhiphatu fi jabaatu gochuun dhahannaan onneefi dhiibaan dhiigaa akka ol ka’u gochuu danda’a. Carraa dhiigni hidda dhiigaa keessatti itituus ni dabala. Kun ammoo carraa dhiigni sammuu fi miila keenya keessatti itituu ol kaasa.
* Nama dhukkuba Asmii qabu irrattis dhukkubni kun akka itti ka’uufi yoo itti Ka’ee jiraatees dhukkubni kun akka itti cimu gochuu danda’a.
* Dhukkuba sombaa- Ujummoo qilleensaa fi qaamaa sombaa yeroo dheeraaf miidhu (Chronic Obstructive Pulmonary Disease -COPD) jedhamuun qabuumiifi sababa dhukkuba kana irraa du’uu dachaa Kudha lamaa hanga Kudha sadihii dabala.
* Carraa Dhukkuba Sukkaraa Gosa Lammata(Type-II DM)tiin qabamu worra hin aarsineen wol bira qabamee yoo ilaalamu isaan sigaaraa aarsan irratti carraan dhukkuba kanaan qabamuu parsantii 30-40% ni dabala.

Sigaaraa aarsuun:
▪︎Kaansarii Afuuffee Fincaanii
▪︎ Kaansarii Dhiigaa
▪︎Kaansarii Fiixxee/ulaa Gadaameessaa
▪︎Kaansarii mar’umaan guddaa
▪︎Kaansarii ujummoo nyaata afaani hanga garaachaa gadi dabarsu (Esophagus)
▪︎Kaansarii Kalee
▪︎Kaansarii Tiruu
▪︎Kaansarii qaamoota keessa afaan keenya fi kokkee irraa ka’an
▪︎ Kaansarii Rajiijii
▪︎Kaansariii Garaachaafi
▪︎Kaansarii Ujummoo qilleensatiin qabamuufi sababa kansarii kanninitin du’uu haalaan dabala.

Sigaaraa aarsuun:
• Dubartiin takka ulfaayuuf akka yeroo dheeraa itti fudhatuufi yoo ulfooftes:-
• Otoo yeroon hin gahin cinniinsuun akka jalqabuufi daa’imni otoo yeroon hin gahin akka dhalatu
• Daa’ima lubbuun hin jirre akka deessu
• Daa’ima ulfaatinna Xiqqaa qabu akka deessu
• Carraa daa’imni dhalate tasa du’uu
• Carraa ulfi dhanagala’uu/ jiguu/ nama irraa bahuu (Miscarriage) fi
• Carraa ulfa gadaamessa alatti ulfaayu (Ectopic Pregnancy) ni dabala.


* Sigaaraa aarsuun jabinna Lafee fi fayyumaa ilkaniifi Irga keenyaa irrattis miidhaa ni qabaata.
* Dandeettii qaamni keenyaa dhukkuba ittisuus ni dadhabsiisa.
* Moora ijaatiifis carraa saaxilamuu ni dabala. Akkamusamas qaama ija keenya “Retina” jedhamu irrattis miidha guddaa fiduu danda’a.

Sigaaraa aarsuu dhaabuu ykn addaan kutuun:
▪︎Woggaa jalqabaa addaan kunne keessatti carraa dhukkuba onnee akka tasaa fi dhukkuboota sirna marsaa dhiigaatiin (Cardiovascular Disease) qabamu haalaan xiqqeessa.
▪︎Aarsuu addaan kunnee/ dhaabnee woggaa 2-5 kessatti carraa “Stroke” (dhigni sammuu keessatti jiguu/ hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru cufamu) kan nama hin aarsiineen qixaatti deebi’a.
▪︎Sigaaraa dhaaabne/ addaan kunnee woggaa Shan keessatti carraa Kaansarii Afuuffee Fincaanii, Kansarii qaamota keessa Afaan keenya irraa ka’an fi Kaansarii ujummoo nyaata afaani hanga garaachaa gadi dabarsu (Esophagus) walakkaadhaan gadi bu’a .
▪︎Woggoota kudhaniif yoo aarsuu addaan kutne carraa kaansarii Sombaatiin qabamuu wolakkadhaan gadi buusa.

Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: