Siitolii (Asoosama)
Ujummoolee funyaaniifi qoma isiirratti maxxanfamanii jiran ofirratti ilaalaa, “kuni maali?” jette sagalee hafuurri keessa hin jirreen. “Kun akka ati daftee fayyituuf waan sigargaaruudha. Ammaa naaf fayyita. Anaafi Tokkeen si eegaa jirra,” jedhee harka isii dhungate. Imimmaan bitaafi mirgaan irra lola’ee, boqoo isii coollessee morma jalatti wal-gahe. “Meeshaalee kanneeniin hidhamee ani siree kanarratti du’uu hin barbaadu. Na baasi wanti fedhellee yoo dhufe waadaa keenya hin dagatin. Ilma keenya immoo atumti guddisi!” jettee osoo dubbataa jirtu afaan qabee, “hanga hafuurri sikeessa jiru ati jiraatuuf abdii qabda. Kanaaf hanga dhumaatti jiraachuuf qabsaayi, situ na barsiisee mitii jabina qormaata jiruu biyya lafaa kana?” jedheen.
[Kitaaba keessaa fudhatame]
Bar. Kadiir Sh/Abdullaxiif