Home Health Ulfaafi Qorichoota

Ulfaafi Qorichoota

by Kedir Abdulatif
ULFAA fi QORICHOOTA 
Yeroo ulfaa qorichoota kennamaniifi kennamuu hin qabne irratti hubannoo sirrii hin ta’in heddutu jira. Fayyadamtoonni tokko tokkoo dimshaashumaan kiniiniin yeroo ulfaa gonkumaa hin ta’u ilaalcha jedhu yoo qabaatan, isaan tokko tokko ammoo qorichi bifa Limmoon/Lilime/Marfeetiin kennamu yeroo ulfaa gonkuma hin ta’u ilaalcha jedhus kan qaban jiraachuu isaanii argina.
Akkuma woliigalaatti qorichi limmees ta’ee bifa kiniiniin jiru kan yeroo ulfaa kennamuu danda’uufi hin kennamnetu jira.
Haati ykn dubartiin takka yeroo ulfooftu jijjiirama garagaraa (physiologic change) qabaatti. Jijjiiramoonni kun ammoo haala qorichi qaamatti fudhatamuufi hojjatu irratti jijjirama haga tokko qabaachuu mala.
Yeroo ulfaa PHn aasiidii garaachaa ni dabala, sosochiin garaachaa ni hirdhata, kun ammoo hammaafi turtii qorichi qaamatti fudhatamuu (absorption) irratti jijjirama muraasa wohii qabaachuu mala. Akkasumas hormooniin piroojestroonii fi estardayol yeroo ulfaa dabaluun isaanii ammoo haala qorichi tiruu biratti wolnyaatiinsa isa barbaachisu godhu hamma tokko jijjiiruu danda’u. Haalli/saffisni dhimbiibbaa kalee (Glomerular Filtration Rate) yeroo ulfaa sababa dhiigni gara kalee deemu dabaluuf dhimbiibbaan kalee kun ni dabala, qorichoonni karaa kaleen dhimbiibamanii qaamaa bahan hedduun jijjiramni haga tokko irratti ni muldhata. Haa ta’u malee jijjiiramoonni kaafne kun hamma qorichoonni fudhatamuu qaban (dose) isaanii jijjiruuf yeroo hedduu gahaa miti.
Kan biraa ammoo daa’imni garaa haadhaa jiru, karaa hobbaatiitiin (placenta) nyaataaf waan uumamuufi guddachuuf isa barbaachisu argata. Qorichoonni hobbatiidhan godhanii daa’ima uumamaafi guddinna irra jiru kana bira qaqqabuun haala uumama isaa irratti miidhaa fiduu danda’u. Akka ulfi addaan citu ykn dhangala’uus gochuu malu.
Wolumaagalatti qorichoonni haala miidhaa ykn kennama yeroo ulfaa irratti hundaa’uun Garee (Category) Shan: A, B, C, D, fi X jedhamuun qoqqodamanii ilaalamu.
GAREE A (Category A): Kan qorannoon gahaan godhamee daa’ima garaa keessa jiru irratti miidhaan hin muldhanne. Qorichoonni garee kanaa yeroo ulfaa yoo fudhataman rakkoo hin qabu. Qorichoonni garee kana jala jiraan hedduun Vaayitaminoota.
GAREE B (Category B): Qorannoo beeyladoota ykn bineensota irratti godhameen rakkoon kan hin muldhanne, garuu nama irratti qorannoon gahaan godhamee kan hin jirre. Ykn Garee kana keessatti kan ramadaman qorichoota qorannoo beeyladoota ykn bineensota irratti godhameen rakkoo fiduun isaanii muldhatee, qorannoo nama irratti (ulfa baatii sadii booda) ta’e irratti qorannoo godhameen miidhaan kan hin muldhanne. Qorichoonni garee kanaa yeroo ulfaa fudhatamuu ni danda’u. Qorichoonni garee kana keessa jiran keessaa Paracetamol fi Amoxicillin ni argamu.
GAREE C (Category C): Qorannoo beeyladootaa /bineensota irratti godhameen qorichoota miidhaa qabatamaa rimaya garaa jiru irratti fiduun isaanii mirkanaaye, garuu ammoo nama irratti qorannoon gahaan hin godhamne. Ykn Qorichoonni qorannoon waa’ee miidhaa isaan yeroo ulfaa fiduu danda’an irratti nama ykn beeyladoota irratti hin godhamnes garee kanatti ramadamu. Qorichoonni kun bu’aan isaan haadhaaf qabaniifi miidhaa isaan daa’ima garaa jiru irratti fiduu danda’an wolmadalchisuun, yoo bu’aan haadhaa kan caalu ta’e qofa kennamu.
GAREE D (Category D):  Qorichoota miidhaa daa’ima garaa keessa jiru irratti fiduu danda’an. Qorichonni kun yeroo ulfaa kennamuu hin qaban. Haa ta’u malee haalli haati itti jirtu yoo kan lubbuu ishiitiif sodaachisu ta’ee qorichicha fudhachuu irraa kan fayyadamtu ta’e qorichoonni kunniin kennamuu malu.
GAREE X (Category X): Qorannoo godhameen qorichoota miidhaa qabatamaa daa’ima garaa jiru irratti dhaqqabsiisaniin, faayidaa haati fudhachuun iraa argattu caalaa miidhaan isaan daa’ima garaa jiru irratti geessan hammataa ta’uun mirkanyee. Qorichoonni kun yeroo ulfaa kennamuu hin qaban. Qorichoota garee kanaa kennuun dhorkaadha (contraindicated)dha.
Qoricha kamtu garee (category) kam keessatti ramadama kan jedhu san ogeessota fayyaatiif dhiifnee.
* Akkuma woligalaatti yeroo ulfaa yoo dhukkubbiin jiraate malee otoo qoricha fudhachuu baatanii filatamaadha. Yoo dhukkubbiin jiraate ammoo qorannoo gahaa bood ajaja ogeessa fayyaatiin qofa qorichoonni fudhatamuu qabu.
* Yeroo mana yaalaa deemtanii tajaajila argattan, yoo ulfa qabaachuu keessan beektan ogeessa isin waldhaanu saniif dursitanii himuu hin dagatinaa.
* Qorichi yoo isiniif ajajame kan ulfa tuqu ykn miidhuuf kan hin miine ta’uu isaa ogeessa isiniif ajaje san irraa, akkasumallee ogeessa qorichicha isiniif kenne/gurgure sanillee irra deebi’aa gaafadhaa.
* Akkasumas haadha harma hoosiftu yoo taates qorichi ajajameef sun kan aanan harmaatiin bahuun daa’ima harma hodhuuf miidhaa hin qabne ta’uu gaafachuun adda baafachuu qabdi.
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa dahaa, fayyaa ta’aa!
©Dr. Nuredin Luke

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: