Home Award Wal-dorgommii Marsaa 2ffaa

Wal-dorgommii Marsaa 2ffaa

by

Wal-dorgommii Marsaa 2ffaa, Sirna Gadaa

Wal-dorgommii badhaasa qabu marsaa 2ffaa walaloo cimaa Sirna Gadaa irratti barreessisuun mooyattoota badhaasuudha. Akka namoonni haaraan carraa argataniif ulaagaa kan duriirra jijjiiramee jira.

Ulaagaa dorgommii

1. Walaloo Sirna Gadaa jedhu barreessite maxxansa kana jalatti comment goota. Parsantii 10% siif qabama.
Hubadhu: Dorgomaan kamiiyyuu walaloo isaa jalatti maqaa ofii barreessuu qaba.

2. Walaloo barreessite sana link Marsariitii fayyafamuun Marsariitii jalatti comment goota. Parsantii 10% siif qabama. Facebook gubbaatti baay’ina namoota like siif godhanii fi marsariitii gubbaatti vote lakkaayatta. Namoonni ati mention goote maxxansa marsariitii seenanii, maqaa kee waamun comment ebaluuf jedhu barreessuu qabu. Fkn Ani yoo comment godhu “ana Kadiir Abdullaxiif na waamate” jedhee barreessa jechuudha!

3. Maxxansa kana “Facebook page, Kedir Abdulatif Award” irraa hanga yeroon dorgommii dhumutti share goota. Guyyaatti yoo xiqqaate 1 ykn 2 tahuu danda’a, profile dorgomaa keessa seennee ilaalla. Parsantii 10% qabama.

4. Walaloo ati barreessitetu sirritti ilaallama! Walaloo cimaa barreessuun parsantii 50% siif qabama. Walaloo akka haalan ilaallutti barreessitee?

5. Dorgommii kana keessatti dorgomaa cimaa/tuu tahuu kee baruuf maxxansa keenna keessa seenuun dubbiftee maxxansa shan jalatti comment goota. Salphaatti akka si beeknuf walaloo Sirna Gadaa irratti barreessite jalatti maqaa kee barreeffadhu. Kanaan parsantii 20% aragatta.

Guyyaa meeqa tura?

Kana dura marsaa 1ffaa irratti namni dorgomaa ta’e like fi vote qofa lakkaayatee badhaafama taha ture. Amma immoo akka suni jijjiiramu ulaagaa adda addaan baafne. Facebook irratti sa’aatii 72hr tura. Vote irratti 72hr tura. Haa tahu malee dorgomaafi deeggaraan guyyoota jedhame keessatti www.kedirabdulatif.com seenuu isaa kan beeknun comment maxxansa jalatti godhuunii. Kana yoo hin taane qabxiin dhabuu malu!

Badhaasni Meeqa?

Akkuma kanaan duraa dorgommii kanaaf qarshii 10,000 kan qophaaye yommuu tahu,
1ffaa 5,000 fi waraqaa ragaa
2ffaa 3,000 fi waraqaa ragaa
3ffaa 2,000 fi waraqaa ragaa
4ffaa waraqaa ragaa
5ffaa waraqaa ragaa
6ffaa waraqaa ragaa
7ffaa waraqaa ragaa
8ffaa waraqaa ragaa
9ffaa waraqaa ragaa
10ffaa waraqaa ragaa kennina!

You may also like

116 comments

Iisaa Huseen July 22, 2022 - 3:59 pm

Situ furmaata!

Sirnakoo jabaa – sirna guddaa
Kalaqa sabaa – heera hundaa.
Jibbaa dabaa – kuula falasamaa
Kuusaa sirnaaf eegaa mirga namoomaa

Sirnakoo jabdicha
Falaa-mala ilmaan boruu,
Manaaf caayaa Oromootaa
Abbas seer-bultii jiruu.

Jabaa kuusaa beekumsaa
Guutuu tumaa seera dilbii,
Dirqiitu walirraa nu fageesse
Yoom adda nu fooye jibbi?

Hayyichaan bocamte
Kalaqamaa boca sirrii,
Masoon hingaadi’amtu
Siif dhukkubsata firri!

Orom-qulqullichi jabaan
Micciiramakee hinfedhu,
Sabnikee inni sibeeku
Akkasaanii tasuma hinjedhu!

Sirratti shirameera
Akka maddikee goguuf,
Kalaqaankees hirameera
Akka sonnikee baduuf!

Afaaniin sifaarsu – sihafarsu
Gochaan siyarsu – sitayyarsu,
Bara yeroo dirqii san…
Sidagannee – silaganne,
Sibaqannee – diganne.

Ta’us, haga humnaa
Siif hubamneerra,
Akka Qorsoo waddamnee
Siif jecha gubanneerra.

Siifi lubbuun jiraachuuf
Calanqootti calii taanee,
Si’oolfachuuf Aanoleetti Harkaaf Harmaan adda baane.

Wabii sii ta’uuf Booranaaf
Baarentuun dhiitamee,
Si ijaaruuf jecha
Maccaaf Tuulamni diigame.

Akkasiin lapheetti si
baannee si’oolfanneerra,
Dukkanichi dheeratus
Ofii dhabamnee sijiraachifneerra.

Sirnakoo sirna addaa
isa Caffee Walaabuu,
Isa gammoojjiif baddaa
Dirree qaallichi irraa lallabu.

Gadaa gaddaa si taasifnee
Nuti qulqullinakee faale,
Sirraa of lagannee
Sirnummaakee nutu sihaale.

Dungoo bara dukkanaa
Gada hundee qaroominaa.
Simati osoo deebinee
Gadaa sirna waliin bulmaataa,
Isa malaaf fala qabu
Saba akka dhabeef situ furmaata!

Isa Husen

https://l.facebook.com/l.php?u=https%3A%2F%2Fwww.kedirabdulatif.com%2Fwal-dorgommii-marsaa-2ffaa%2F&h=AT38JFcQIOQgB25y2OOesm4cewpRN4U-4TuNfmIXMwl8kX1wHOfWXxz8iUTjO8VWYILa6zI0nU37fsvB9CvPJP1c_Q-InsV_mPUrPh2ZBiA2eoL91wSPjl9R0xmWB2MgVqfXVrF5qmw

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 4:23 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Dhaqqaboo Kadiir July 22, 2022 - 4:04 pm

Gadaan Waamara!

Sirna guddaa ganama,
Oromoon kalaqee dhiheesse!
Ittiinis wol-bulchee,
Ittiin wol-gaggeesse!

Uumaa fi uumama,
Safuu fi duudhaa eegee!
Madaalee tilmaamee,
Waan dhufuu herreegee!

Miidhaa fi miidhamaan,
Akkamiin akka adabamu!
Dabaa fi sharriin malee,
Jaalalli akka lallabamu!

Sirna kanatu lallaba,
Duudhaa Oromoo ganamaa!
Kan kana hin beeknetu,
Hadheefatta Oromummaa!

Gadaan gaaddisa,
Ka itti hara galfatan!
Gadaan mana jireenyaati,
Ka itti boqatan!

Gadaan burqituudha,
Dirree qaroominaati!
Gadaan tokkummaadha,
Dirree wolabaati!

Gadaan nageenya,
Dirree araaraati!
Gadaan jaalala,
Dirree waa hundaati!

Gadaan gammachuudha,
Bakka itti taphatan!
Gadaan kennaadha,
Bakka itti argatan!

Gadaan injifanno,
Bakka itti moo’atan!
Gadaan tiksituudha,
Bakka itti wol too’atan!

Gadaan woyyuudha,
Lafa woyyoomaati!
Gadaan waamara,
Sirna misoomaati!

Obsaa Kadiir Bariisoo tiin!

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 4:21 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Kaliil kadiir July 23, 2022 - 9:13 pm

Aniis Obsaa kadiir Bariisootu na wame. Wolaloo aja’iba kan dhuka qabu fi haala qubee eegate. Qaamni waan kana qophesitan galatoma

Reply
Kaanenus Kaasaa Baayisaa July 22, 2022 - 4:27 pm

GADAA

Kuusaa gurraachootaa, gurraachota angafaa
Safeeffataa uumamaa, kan samii fi lafaa
Guca seeraa fi heeraa; angafa sirnootaa
Dugugguruu nagaa; argannoo Kuushotaa!

“Inni kun horiidha; inni kun bineensa
Inni kun tujjaara; inni kun hiyyeessa
Kuni jallataadha; kunimmoo qajeelaa
Kun sorooroodha; kunimmoo kabeelaa

“jedhee adda hin baasu; seerri gurrachootaa
Gadaadha heerri haqaa; kalaqa Oromootaa!
Gadaa jigsaa shiraa; Gadaa toora dhugaa!
Gadaa ibsaa firaa; Gadaa soora sugaa!

I)Ibsa walaloo
Walaloon kun sirna bulchiinsa Oromoo “Gadaa” jedhamu faarsa. Gadaan sirna ittiin bulmaata Oromooti. Oromoon sirna kanatti waggoota dheeraaf fayyadamaa (itti tajaajilamaa) tureera.

1.Keeyyata 1ffaan waa’ee Gadaa maal ibsa?

Kuusaa gurraachootaa, gurraachota angafaa
Safeeffataa uumamaa, kan samii fi lafaa
Guca seeraa fi heeraa; angafa sirnootaa
Dugugguruu nagaa; argannoo Kuushotaa!

1.1 Keeyyata 1ffaa bo’oo 1ffaan “Kuusaa gurraachotaa, gurraachota anfaa” inni jedhu sirni Gadaa qabeenya Oromoo akka ta’ee fi Oromoon immoo angafa gurraachotaa akka ta’e hima. Jechi “kuusaa” jedhu waan walitti qabame ibsa. Namni uumamaan waan isa fayyadu walitti qaba/kuufata. Gadaa Oromootu kurfeesse jechuudha.

1.2 Keeyyata 1ffaa bo’oo 2ffaan “Safeeffataa uumamaa kan samii fi lafaa” inni jedhu immoo, gurraachonni uumaa fi uumama, kan dacheerra jiruu fi kan samiirra jiru akka safeeffatanii fi kabajan hima. Asitti hiikaa dhanquu argina. Gama biraan sirna Gadaa keessa safeeffanaan akka jiru calaqqisiisa.

1.3 Keeyyata 1ffaa bo’oo 3ffaan “Guca seeraa fi heeraa, angafa sirnootaa” inni jedhu immoo seeraa fi heera biyyoonni garaa garaa ittin bulan caala sirni Gadaa angafaa fi fakkeenya akka ta’e calaqqisiisa.

1.4 Keeyyata 1ffaa bo’oo 4ffaan “Dugugguruu nagaa, argannoo Kuushotaa” inni jedhu immoo, Gadaan burqaa fi madda nagaa akka ta’e hima. Kunis sirna Gadaa keessa, sirni Gumaa, Siiqqee fi maloonni ittiin rakkoo furanii nagaa fidan akka jiran hima.

2.Keeyyata 2ffaan waa’ee Gadaa maal ibsa?

Inni kun horiidha; inni kun bineensa
Inni kun tujjaara; inni kun hiyyeessa
Kuni jallataadha; kunimmoo qajeelaa
Kun sorooroodha; kunimmoo kabeelaa

2.1 Keeyyata 2ffaa bo’oo 1ffaa – 4ffaatti kan barreeffaman ergaa wal fakkaatu qabu. Kunis, Gadaan qaama kamuu akka wal hin caalchifne lallabu. Horii manaa, bineensa alaa, tujjaara/sooressa/dureessaa, hiyyeessa, jallataa, qajeelaa, sorooroo/sirrii, kabeelaa fi kkf osoo hin jenne sirna Gadaa keessatti uumama maraaf kabaja isaaf malu akka laatu dubbata. Kunis walaloo keeyyata 1ffaa isa, “safeeffataa uumamaa, kan samii fi lafaa” jedhu san dhugoomsa.

3.Keeyyata 3ffaan waa’ee Gadaa maal ibsa?

Jedhee adda hin baasu, seerri gurrachootaa
Gadaadha heerri haqaa; kalaqa Oromootaa!
Gadaa jigsaa shiraa; Gadaa toora dhugaa!
Gadaa ibsaa firaa; Gadaa soora sugaa!
3.1 Keeyyanni 3ffaan kun bo’oo 1ffaa fi 2ffaan walaloo keeyyata 2ffaa irratti barraa’e xumuruun dhaamsa guutuu dabarsu. Kana jechuun, Gadaan seera hundaaf dhaabatee fi mudaa hin qabne ta’uu jala sararuun sarara oliif xumura laatu.

3.2 Keeyyata 3ffaa bo’oo 3ffaan “Gadaa jigsaa shiraa, Gadaa toora dhugaa” inni jedhu immoo, Gadaan shira, sobaa fi xaxaa kiyyoo garaa garaa akka balaaleffatu hima. Kana malees, Gadaan dhugaa waliin firooma akka qabu qofa osoo hin taane, Gadaan toora dhugaa fi haqarra qofa akka hiriiru calaqqisiisa.

3.3 Keeyya 3ffaa bo’oo 4ffaan “Gadaa ibsaa firaa, Gadaa soora sugaa” inni jedhu immoo hiika dhokataa fi ifaa qaba. Jechi “ibsaa firaa” jedhu sabni Oromoo Gadaadhaan akka ifuu fi Gadaan Oromoo akka ibsu calaqqisiisa. Ibsaa firaa jechuun hiika akka dungoos ni qabaata.
Dabalataan immoo jechi “Gadaa soora sugaa” jedhu hiika dhokataa fi guddaa ta’e qaba. Nyaanni sooratamu marti namaaf hin sifaa’u. Namoonni nyaata ammuma nyaatanii ammuma dafanii beela’an ni jiru. Namoonni ammuma nyaatanii ammuma balaqqamanis ni jiru. Namoonni gonkuma fedhii nyaataa dhabanis jiru. Namoonni dhandhama nyaataa wallaalis ni jiru.

Gadaan garuu nyaata/soorata nama maraaf sugaa’u ykn sifaa’uudha. Uumamni martuu sirna Gadaa yoo sooratee fayyaalessa ta’a. Sirnoonni ittiin bulmaataa hedduudha. Sirni Gadaa garuu soora sugaati.

II)Hiika jechootaa
(tarii namoota godinaalee garaa garaatti dhalataniif yoo gaaffii ta’e)
1.Kuusaa – walitti qabama wantotaa
2.Tujjaara – dureessa/sooressa
3.Soora – nyaata
4.Suga – quufa milkii
5.Kabeelaa – miila jallaa
6.Kuush – Hortee/sanyii (maqaa)
7.Dugugguruu – Lafee dugdaa (utubaa cinaachaa)

Dogoggorakoo na sirreessaa; dogoggora ‘keyboard’ immoo na oofkalchaa!
Galatoomaa!

Adoolessa 6416 ADHO (Akka Dhaha Oromoo)
Kaanenus Kaasaa Baayisaa

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 4:42 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Jaal FAD July 23, 2022 - 4:25 am

Kaanenus❤🙏

Reply
Teferi Regasa July 24, 2022 - 3:24 pm

Ani Tafariin jedhama! Kaanenus Kaasaa Baay’isaatu na waammate! Walaloon inni Gadaa irratti barreesse baay’ee namatti tola!
Qopheessan dorgomichaa galatoomi,Kaanenusiin ammoo jabaadhu jechuun barbaada!

Reply
Bekele Tufa July 23, 2022 - 11:40 am

Gadaa

Reply
Sabanboon Gola Ciroo July 22, 2022 - 5:19 pm

Sirna gadaa

Sirna hundaaf furmaataa
qulqulluu hin qabne xurii
Sirna ittiin bulmaataa
Oromoo bara durii

Beekkumsaan Kan dhaabbatee
Labata bara dheeraa
Hunduma Kan hammate
Qabata heeraaf seeraa

Daangaa hundumaa eegee
hubbannoon saraaramee
Sirna sirna keessatti
Sirnummaan ijaaramee

Sirna hundumaaf qixaa
Mirgaa ta’ee bitanii
Sirna hundumaaf laatu
Ga’ee qoodee gitanii

Sirna maraa fii mariin
wanti hunduu murteeffamu
Sirna waggoota shaniin
Aangoonsaa gaggeeffamu

Sirna gam -tokkeen gogee
Gam -tokkeen isaa hin jiine
Sirna nam -tokkeef tolee
isa tokko immoo hin miine

Sirna hunduma ga’eef
hojiisaatiin madaalu
Sirna uumama waaqaa
ija tokkoon ilaalu

Sirna hundee kuushitik
Afrikaa mandheeffatee
Addunyaaf fakkii ta’ee
Faranjiin liqeeffate

Sirna hundumaan tolaa
Keessa hin jirre fokkuunii
Sirna oromoon safuun
Wal bulfatu bokkuunii

Sirna garayyuun gaarii
Keessa hin jirre badaanii
Bulchiinsa demokrasii
Gita hin qabne gadaanii

Abboota irraa as darbee
Nu harka laafuun salphinaa
qaawwa isaa dudduuchinee
Baqaqaasaa suphinaa

Jirmasaa kunuunfannee
Baala isaa magarsinaa
Seera isaa guduunfannee
Dhalootaaf dabarsinaa

Sabanboon Gola Ciroo tiin.

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 5:45 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Teferi Regasa July 22, 2022 - 6:15 pm

Ani Tafarii Raggaasaati.Kaanenus Kaasaa Baay’isaatu na waammate. Walaloon fi ibsi inni walalicha irratti kenne haalan bareeda fi hawwataadha! Kaanenusin jabaadhu,cimii mul’adhu jechaa qopheessan dorgomichaa galatoomi!

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 6:16 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Yousuf Tofik July 22, 2022 - 9:07 pm

Na waammate

Reply
Yousuf Tofik July 22, 2022 - 9:27 pm

Sabanboon gola ciroo na waammate

Reply
Sabanboon Gola Ciroo July 22, 2022 - 5:25 pm

Sirna gadaa

Sirna hundaaf furmaataa
qulqulluu hin qabne xurii
Sirna ittiin bulmaataa
Oromoo bara durii

Beekkumsaan Kan dhaabbatee
Labata bara dheeraa
Hunduma Kan hammate
Qabata heeraaf seeraa

Daangaa hundumaa eegee
hubbannoon saraaramee
Sirna sirna keessatti
Sirnummaan ijaaramee

Sirna hundumaaf qixaa
Mirgaa ta’ee bitanii
Sirna hundumaaf laatu
Ga’ee qoodee gitanii

Sirna maraa fii mariin
wanti hunduu murteeffamu
Sirna waggoota shaniin
Aangoonsaa gaggeeffamu

Sirna gam -tokkeen gogee
Gam -tokkeen isaa hin jiine
Sirna nam -tokkeef tolee
isa tokko immoo hin miine

Sirna hunduma ga’eef
hojiisaatiin madaalu
Sirna uumama waaqaa
ija tokkoon ilaalu

Sirna hundee kuushitik
Afrikaa mandheeffatee
Addunyaaf fakkii ta’ee
Faranjiin liqeeffate

Sirna hundumaan tolaa
Keessa hin jirre fokkuunii
Sirna oromoon safuun
Wal bulfatu bokkuunii

Sirna garayyuun gaarii
Keessa hin jirre badaanii
Bulchiinsa demokrasii
Gita hin qabne gadaanii

Abboota irraa as darbee
Nu harka laafuun salphinaa
qaawwa isaa dudduuchinee
Baqaqaasaa suphinaa

Jirmasaa kunuunfannee
Baala isaa magarsinaa
Seera isaa guduunfannee
Dhalootaaf dabarsinaa

Sabanboon Gola Ciroo tiin.

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 5:36 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Yousuf Tofik July 22, 2022 - 9:16 pm

Sabaanbon gola cirootu na waammaate walaalon isaa hedduu na hawwaate.

Reply
Gudisa Tesfaye July 25, 2022 - 2:44 am

Kaanenus Kaasaa Baayisaa Jaabadhuu Carraa gaarii siif hawwinaa

Reply
Sabanboon Gola Ciroo July 22, 2022 - 5:39 pm

Sirna gadaa

Sirna hundaaf furmaataa
qulqulluu hin qabne xurii
Sirna ittiin bulmaataa
Oromoo bara durii

Beekkumsaan Kan dhaabbatee
Labata bara dheeraa
Hunduma Kan hammate
Qabata heeraaf seeraa

Daangaa hundumaa eegee
hubbannoon saraaramee
Sirna sirna keessatti
Sirnummaan ijaaramee

Sirna hundumaaf qixaa
Mirgaa ta’ee bitanii
Sirna hundumaaf laatu
Ga’ee qoodee gitanii

Sirna maraa fii mariin
wanti hunduu murteeffamu
Sirna waggoota shaniin
Aangoonsaa gaggeeffamu

Sirna gam -tokkeen gogee
Gam -tokkeen isaa hin jiine
Sirna nam -tokkeef tolee
isa tokko immoo hin miine

Sirna hunduma ga’eef
hojiisaatiin madaalu
Sirna uumama waaqaa
ija tokkoon ilaalu

Sirna hundee kuushitik
Afrikaa mandheeffatee
Addunyaaf fakkii ta’ee
Faranjiin liqeeffate

Sirna heeraa fii seera
Deemsa isaa raajeeffatee
Galmee seenarra kaa’e
UNISCON galmeeffatee

Sirna hundumaan tolaa
Keessa hin jirre fokkuunii
Sirna oromoon safuun
Wal bulfatu bokkuunii

Sirna garayyuun gaarii
Keessa hin jirre badaanii
Bulchiinsa demokrasii
Gita hin qabne gadaanii

Abboota irraa as darbee
Nu harka laafuun salphinaa
qaawwa isaa dudduuchinee
Baqaqaasaa suphinaa

Jirmasaa kunuunfannee
Baala isaa magarsinaa
Seera isaa guduunfannee
Dhalootaaf dabarsinaa

Sabanboon Gola Ciroo tiin.

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 6:17 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Giiftii Jaalala dhugaa July 22, 2022 - 11:28 pm

Sabanboon gola cirootu na yaammate.

Reply
Keebeek Oro carcar July 23, 2022 - 12:46 am

An keebeekii Oroo carcari
Sabanboon gola cirootu na yaammate

Reply
Hintala Abbaa Gadaa July 22, 2022 - 6:17 pm

!!!!!! Sirna Gadaa!!!!!!
Gogeessa gadaa jennee
Gadaa shanitti qoodna
Utu sirna gadaatiin bullu
Akkamiin waliin oodna??
====================
Gadaan waggaa 8tiin
Aangoonsaa wal qaqqaba
Ilmi oromoo kamu
Gadaa keessatti gahe qaba
===================
Warri aadaa oromoo hin beekne
Nuuf bara Gaadaaf Duudhaa
Raaba dooriin ga’umsan darbe
Akkasitti aangoo wal harka fuudha
==================
Sirni gadaa mirga ilma namatiif
Iddoo guddaa ni laata
Warri……… awuroppaa
Qaroomina san nurraa dhaalte fakkaata
==================
Oromoon koo garraamtichi
Ofittummaan qophaa hin fiigu
Aangoof barbaachaf jecha
Takkumaa walii hin dhiibuu
==================
Bakka filannoon jirutti
Waliif kenne sagalee
Aangoodhas waliif laata
Wal wal eegee dabaree
====================
Gadaan mirga nama hin dhiibu
Ija tokkoon….. ilaala
ilmas ta’e… abbaasi
Na amana yaa jamaa
Kuush male giriik miti
Abbaan dimookraasii

By ✍️ Hintala Abbaa Gadaa

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 6:19 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Kadijjaa Hayiluu July 23, 2022 - 10:16 am

HINTALA ABBAA GADAA jabadhuu carra gaarii

Reply
Hintala Abbaa Gadaa July 22, 2022 - 6:20 pm Reply
Dagim Tesfaye Lumte July 22, 2022 - 6:24 pm

SIRNA GADAA
Baroota hamminaan darban
Bara dacheen kun lolaa
Kan Oromootaa garuu
Wal geenyi Odaa jala
Tokkummaadhaan jiraata
Wal eega jaalalaani
Diimokiraasi dhugaa
Wal bulcha Gadaadhaani

Kaabaaf kibbaa dacha’ee
Bahaaf dhiyaa wal ga’ee
Seera bulmaataa tumuuf
Odaa jala gad taa’ee
Wal qixxummaadhaan hunduu
Yeroo yaadasaa Ibsu
Fudhatama argachuuf
Dhugaa toorarraa hin dabsu

Oromoon
Sirna jaallatamaa kana
Hin dhaalchisee bar dachee
Diimokiraasii Ammaa
Addunyaadhaaf gumaache
Ofiisaati sarbamus
Mirgisaa yeroo dheeraa
Oromoon waakkii hin beeku
Addunyaaf Arjoomeera!

Odaa galama Oromoo
Jalatti hundi wal ga’ee
Diimokiraasi Addunyaa
Ammaa kan lafa kaa’e
Oromoodham bar beeki
Seenaatu dhugaa ba’a
Jireenya Ilma namaaf
Kallattii sirrii kaa’a

Qaroominni Oromoo
Hin dhumuum dubbatamee
Kan beekumsi shee Addaa
Bagan OROMOO ta’e!!!

✍️ Daagim Tasfaayee tiin

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 6:34 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Iisaa Huseen July 22, 2022 - 6:40 pm

Situ furmaata!

Sirnakoo jabaa – sirna guddaa
Kalaqa sabaa – heera hundaa.
Jibbaa dabaa – kuula falasamaa
Kuusaa sirnaaf eegaa mirga namoomaa

Sirnakoo jabdicha
Falaa-mala ilmaan boruu,
Manaaf caayaa Oromootaa
Abbas seer-bultii jiruu.

Jabaa kuusaa beekumsaa
Guutuu tumaa seera dilbii,
Dirqiitu walirraa nu fageesse
Yoom adda nu fooye jibbi?

Hayyichaan bocamte
Kalaqamaa boca sirrii,
Masoon hingaadi’amtu
Siif dhukkubsata firri!

Orom-qulqullichi jabaan
Micciiramakee hinfedhu,
Sabnikee inni sibeeku
Akkasaanii tasuma hinjedhu!

Sirratti shirameera
Akka maddikee goguuf,
Kalaqaankees hirameera
Akka sonnikee baduuf!

Afaaniin sifaarsu – sihafarsu
Gochaan siyarsu – sitayyarsu,
Bara yeroo dirqii san…
Sidagannee – silaganne,
Sibaqannee – diganne.

Ta’us, haga humnaa
Siif hubamneerra,
Akka Qorsoo waddamnee
Siif jecha gubanneerra.

Siifi lubbuun jiraachuuf
Calanqootti calii taanee,
Si’oolfachuuf Aanoleetti Harkaaf Harmaan adda baane.

Wabii sii ta’uuf Booranaaf
Baarentuun dhiitamee,
Si ijaaruuf jecha
Maccaaf Tuulamni diigame.

Akkasiin lapheetti si
baannee si’oolfanneerra,
Dukkanichi dheeratus
Ofii dhabamnee sijiraachifneerra.

Sirnakoo sirna addaa
isa Caffee Walaabuu,
Isa gammoojjiif baddaa
Dirree qaallichi irraa lallabu.

Gadaa gaddaa si taasifnee
Nuti qulqullinakee faale,
Sirraa of lagannee
Sirnummaakee nutu sihaale.

Dungoo bara dukkanaa
Gada hundee qaroominaa.
Simati osoo deebinee
Gadaa sirna waliin bulmaataa,
Isa malaaf fala qabu
Saba akka dhabeef situ furmaata!

Iisaa Huseen Quufaa

https://l.facebook.com/l.php?u=https%3A%2F%2Fwww.kedirabdulatif.com%2Fwal-dorgommii-marsaa-2ffaa%2F&h=AT0PZlwAgIIDmH5on7DOkHDXxetNgr5vrIcjUBgP3TVTMmJ378GuWYNOkkEL5qY35RRBewswL0ehGXRODwz8uxw4vpiwbKRl1J6kKbEOGQnxk0DHsRwwk-B_QOQ4QYw_8i2hacoe_ME

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 4:23 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Ashenafi July 22, 2022 - 7:08 pm

Obsaa Kediriitu nawaame

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 4:22 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Dima Adem July 22, 2022 - 7:17 pm

Ani Obsaa Kadiir Bariisootu na waammate

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 4:22 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Eebbaa Caalaa July 22, 2022 - 7:26 pm

https://www.kedirabdulatif.com/wal-dorgommii-marsaa-2ffaa/
👇
SIRNA GADAA
*
Yoo gosni wal lolee
Wal dhabee daaddisu
Akka araaraaf nagaan bu’u
Sirna Gadaati kan taasisu

Caasaan Sirna Gadaa
Yommuu ijaaramu
Odaa irraa ka’uun
Hayyuun tarreeffamu

Kan namni dabaluufi
Hir’isuun dandeenye homaa
Sirna Gadaa keessatti
Jedhama Heera uumaa

Sirna Gadaa keessatti
Seerri maatii fi gosaa
Diidattin lallabamu
Jira seerri asaasaa

Seera killee keessaatti
Icciitii Abbaa Gadaa
Seera jabbii keessatti
Bifa jechuun ramada

Bakkaan gargar ta’us
Kan gosaatii miti
Odaaleen shananuu
Odaalee Oromooti

Jalatti araaramu
Eessattuu yoo wal oodan
Caffee bulchiinsa gadaa
Muka mitiim Odaan

Odaa Roobaa yoo feetan
Sikkoo mandootti argama
Seerri Sirna Gadaa
Dursee achitti lallabama

Odaa Roobaa jalatti
Murtiin yoo muramtu
Odaa Bultumittimmoo
Kan isheen lallabamtu

Madda walaabuutti
Seerri yoo tumame
Achitti lallabama
Tuulama odaan Nabee

Seera caffee yoo ta’e
Sirna Gadaan tumama
Odaa Bulluq yoo jettan
Maccaa biratti argama

Akkuma kaanii lallaba
Seera Kansaa godhee-dil
Maccaa Tuulama bira
Argamni Odaa Bisil

Aadaa fi Amantaa
Of keessatti kan qabate
Mirga uummata bal’aa
Eeguufi kan dhaabbate

Sirna Gadaa keessatti
Namuu kabaja qaba
Sirni federeeshiniidha
Yookiinimmoo yayyaba

Eeyyee! Sirna Gadaan
Yeroo wal bulchani
Aanga’oonni olaanoon
Achi keessaa shani

Sirna Gadaatiin bullaan
Namuu wal hin shakku
Booranaati bakka bu’a
Hangaftichi Abbaan bokkuu

Nageenyarratti hojjeta
Hin fedhu wanta badaa
Tuulamaa bakka bu’ee
Hooggana Abbaan Gadaa

Oromoon horii qaba
Re’ee, Fardaa fi loon
Sooratasaas ilaallaan
Dhadhaa,Dammaafi foon

Eeyyee! Ilmaanis jiru
Kan gudeedaaf guddisaa
Kana yoo ilaaltani
Sirna gadaati hundisaa

Uleen Abbaa Gadaa
Ergaa shan kan baatu
Damee Booranaa fi
Damee kan Baarentuu

Bal’ina lafa Oromiyaaf
Isa seera tumaati
Ulichaan kan darbu
Shan heera uumaati

Oromoon waaqa kadhachuuf
Kan mi’a baay’ee tolchuu
Meeshaa ulfoo ni qaba
Bokkuu, kallachaaf caaccuu

Gosni Oromoo wal lollaan
Hin jiru dhiisee sokkuun
Akka sirna Gadaatti
Lola dhaabsisa Bokkuun

Wal dhabdee ni lagdi
Lola addaan galchiti
Siinqeen ulfinadha
Araaras ni dhalchiti

Sirna Gadaa keessatti
Umriin namaa qooda wajjin
Raaba, Foollee jedhee…
Dhumarra Gadamoojjiin

Oromoon sadiin bula
Inni jalqabaa qooda
Seeraaf Aadaanis jira
Inni hafemmoo hooda

Seera Uumama aadaa
Afrikaa irraa madda
Eessattuu wal hin argu
Sirna Habashaan adda

Eebbaa Caalaa

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 7:29 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Eebbaa Caalaa July 23, 2022 - 7:59 am

Atis Waan nuu qopheessitee, Waan Gadaa Oromoo nu yaachistee Akka barreessinu nu gooteef Galatoomi!

Reply
Gammachuu Baanjaa July 23, 2022 - 8:34 am

An Gammachuu Baanjaa Dorgommiikee kanarratti siif hirmaadheera

Reply
Tolosa Haayii July 23, 2022 - 8:45 am

An Tolasaa Heeyii Dorgommiikee kanarratti fedhiikoon siif hirmaadheen Si waliin jira jabaadhu Eebbaa🙏

Reply
Biqiltuu July 23, 2022 - 5:24 am

Ani Biqiltuu Oromiyaa Hirmaannakeef barreefamakee Dina is I if ad he era!

Reply
Du Li July 23, 2022 - 5:28 am

Ani Duuliin walaloo kee jaalladheera.

Reply
Du Li July 23, 2022 - 9:47 am

Ani Duuliin Walaloo kee kana jaalladheera!

Reply
Raajii Oromoo July 22, 2022 - 7:31 pm

Ana Kaanenus Kaasaatu na waame. Ajab na jechisiise. Walaloo dinqiidha. Jechoonnisaa dhuka qabu.

Namni dorgommii kana qopheessites galatoomi.

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 7:32 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Du Li July 23, 2022 - 5:27 am

Ani Duuliin Walaloo kee jaalladheera!

Reply
Ahmed Hussien Gishe July 22, 2022 - 8:22 pm

Hundee dimookiraasii
Bu´uura bulchiinsa ammayyaa
Sirna daba hin qabne
Sirna hooggansa fayyaa
***
Duudhaa ittiin bulmaataa
Kan ilmaan Oromootaa
Sirna karaa nagaatiin
Namaaf kennu barnootaa
***
Hortee kuushii hundaafuu
Aasxaa kabajaa taatee
Siin mudhatti dhugaanis
Yeroodhaan ifa baatee
***
Hambaa Killiyaa addunyaatti
Ifa baatee galmooftee
Badhaasa Ummata Oromoo
Taatee nutti urgoftee
***
Sirni gadaa bishaan yaa´uu
Hin dhaabbatu gufatee
Karaa waldhabbiin dhumtuunii
Kan walitti mufatee
***
Jaarmayaa isa guddaadha
Kan hammatu waa hundaa
Kan ija tokkoon laalu
Walqixxeessee xiqqaa guddaa
***
Gadaan madda bulchiinsaati
Isa jabana keennaaf
Gadaan waa hundaa qaba
Isa quufaaf nageenyaaf
***
Kuufama dhaabbileeti
Kan akka jilaaf godaanuu
Kan ayyaana qaalluu fi
Kan araaraaf itti baanuu
***
Sirni gadaa bal´aadha
Takkaa hin qabu dhumaa
Kan waaqeffannaaf irreessaa
Kan ittiin baasan gumaa
***
Sirna kabajaan darbu
Imatti yeroon abbaan
Sirna siiqqee,rakoo fi
Sirna mariif marabbaa
***
Sirna walitti nama hidhu
Gosaa fi balbalaanii
Sirna nama gahoomsu
Bultii fi daldalaanii
***
Sirna xiin_sammuu namaa
Kabajee namaaf beekuu
Sirna bulchiinsi isaac
Ol namaaf qabu ceekuu
***
Gaaddisaa fi dhaloota
Kan umrii fi waa maraa
Wirtuu heera uumaati
Tumaalee gara garaa
***
Sirna aangoon darbuuni
Inni karaa nageenyaa
Dimookiraasii ammayyaatiif
Isatu ta´a fakkeenyaa
***
Kan waa hundaa dhuunfatu
Haala jireenyaaf jiruu
Sirna gaarummaa isaa
Hundinuu waliif hiruu
Ahimad Huseen Gisheetiin

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 5:37 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Rehima Abduljewad July 22, 2022 - 9:23 pm

Obsaa Kadiir Bariisootu na waame

Reply
Naafii July 22, 2022 - 9:28 pm

Obsaa kadiirtu nawaame

Reply
Araba Aman July 22, 2022 - 9:30 pm

Obsaa Kadiir Bariisoo tu na waammate

Reply
Caalaa Bashiir July 22, 2022 - 9:32 pm

Obsaa Kadiirtu na waame!

Reply
Lidetu Melaku July 22, 2022 - 9:34 pm

Sirna Gadaa
Sirna ittiin bulmaataa
Kalaqa Oromiyaa
Siyaasa wal qixxummaa,

Mallattoo nageenyaa
Tartiibaa jaalalaa
Fakkeenya tokkummaa.

Jaalalaaf tokkummaan
Wal jijjiirraa aangoo
Nageenya uummataa,

Sirna gadaa keessatti
Siyaasi hin laaqamu
Dhugaadhaaf dubbata.

Gareen Gadaa Shanii
Shanan Gadaa Oromoo
Toorri isaa hin jaallatuu,

Akka argan hin bulchan
Ganna sadet eeguun
Aangoo waliif laatu.

Maccaaf Tuulama irraa
Toora isaa fudhatee
Birmajjii fi Michiilee,

Tartiiba isaan dhufee
Haalchisaan qabatee
Melbaadhaaf Rooballee.

Naannoofnee Oromiyaa
Boorannaaf Gujiirraan
Arsii fi Ituu-Humbannaa,

Sirna wal qixxummaa
Kan dimokiraasii
Sirna Gadaa qabna.

Dharraa aangoof jedhee
Namni lola hin kaasu
Karaa nagaan dabarsa,

Sirni bulchiinsa Gadaa
Ofittummaa hin qabu
Waggaa saddetiin marsa.

Wal harkaa fuudhiinsaaf
Karaama jaalalaan
Odaa jala dhaquu,

Aangoo wal saamuudhaaf
Melbaan ariifatee
Kan Birmajjii hin qabu.

Hundumtuu toora isaan
Waggaa sadet eegee
Itti wal jijjiira,

Mirgi wal qixxummaaf
Dimokiraasii guutuu
Gadaa keessa jira.

Gadaan dhugaaf kufa
Dhugaadhaaf jiraata
Dhugaadhaan murteessa,

Ija wal qixxummaan
Hundumaa ilaalee
Uummata geggeessa.

Sirna Ameerikaan
Hardha nurkaa fuutee
Irratti abbaa taatee,

Dimokiraasiin kun
Achumaa dhufti ishee
Gadaa harkaa baate.

Warri nutu beeka
Jechuun wal qixxummaa
Labsus toora naqee,

Waan tokko hin beekani
Sirna wal qixxummaas
Gadaatu kalaqe.

Dacheen oromiyaa
Hardha nagaa dhabdee
Jeeqamtus nu jalaa,

Inni nagaa labsee
Hundaa wal qixxeessu
Gadaan boor nu fala.

Hin bade hin jedhanii
Dilbiin seenaa baatu
Akkamitti badaa?

Dhalootaa dhalootatti
Darbee nuuf jiraata
Baraan sirni Gadaa!

Lidee Tokkee Goorii💪
Galatoomaa🙏

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 6:35 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Jaleta mohammed July 22, 2022 - 9:36 pm

Dorgommiin akkanaa qopheessuun gariidha barreessitoota hedduu as baasuuf jirti obbo kadiir Abdulaxiif guddaa galatoomaa

Reply
Iftu Bekele July 22, 2022 - 9:41 pm

Obsaa Kadiir Bariisootu na waame

Reply
Iftu Bekele July 22, 2022 - 9:42 pm

Obsaa Kadiir Bariisootu na waammate

Reply
Eebbaa July 22, 2022 - 10:05 pm

SIRNA GADAA
*
Yoo gosni wal lolee
Wal dhabee daaddisu
Akka araaraaf nagaan bu’u
Sirna Gadaati kan taasisu

Caasaan Sirna Gadaa
Yommuu ijaaramu
Odaa irraa ka’uun
Hayyuun tarreeffamu

Kan namni dabaluufi
Hir’isuun dandeenye homaa
Sirna Gadaa keessatti
Jedhama Heera uumaa

Sirna Gadaa keessatti
Seerri maatii fi gosaa
Diidattin lallabamu
Jira seerri asaasaa

Seera killee keessaatti
Icciitii Abbaa Gadaa
Seera jabbii keessatti
Bifa jechuun ramada

Bakkaan gargar ta’us
Kan gosaatii miti
Odaaleen shananuu
Odaalee Oromooti

Jalatti araaramu
Eessattuu yoo wal oodan
Caffee bulchiinsa gadaa
Muka mitiim Odaan

Odaa Roobaa yoo feetan
Sikkoo mandootti argama
Seerri Sirna Gadaa
Dursee achitti lallabama

Odaa Roobaa jalatti
Murtiin yoo muramtu
Odaa Bultumittimmoo
Kan isheen lallabamtu

Madda walaabuutti
Seerri yoo tumame
Achitti lallabama
Tuulama odaan Nabee

Seera caffee yoo ta’e
Sirna Gadaan tumama
Odaa Bulluq yoo jettan
Maccaa biratti argama

Akkuma kaanii lallaba
Seera Kansaa godhee-dil
Maccaa Tuulama bira
Argamni Odaa Bisil

Aadaa fi Amantaa
Of keessatti kan qabate
Mirga uummata bal’aa
Eeguufi kan dhaabbate

Sirna Gadaa keessatti
Namuu kabaja qaba
Sirni federeeshiniidha
Yookiinimmoo yayyaba

Eeyyee! Sirna Gadaan
Yeroo wal bulchani
Aanga’oonni olaanoon
Achi keessaa shani

Sirna Gadaatiin bullaan
Namuu wal hin shakku
Booranaati bakka bu’a
Hangaftichi Abbaan bokkuu

Nageenyarratti hojjeta
Hin fedhu wanta badaa
Tuulamaa bakka bu’ee
Hooggana Abbaan Gadaa

Oromoon horii qaba
Re’ee, Fardaa fi loon
Sooratasaas ilaallaan
Dhadhaa,Dammaafi foon

Eeyyee! Ilmaanis jiru
Kan gudeedaaf guddisaa
Kana yoo ilaaltani
Sirna gadaati hundisaa

Uleen Abbaa Gadaa
Ergaa shan kan baatu
Damee Booranaa fi
Damee kan Baarentuu

Bal’ina lafa Oromiyaaf
Isa seera tumaati
Ulichaan kan darbu
Shan heera uumaati

Oromoon waaqa kadhachuuf
Kan mi’a baay’ee tolchuu
Meeshaa ulfoo ni qaba
Bokkuu, kallachaaf caaccuu

Gosni Oromoo wal lollaan
Hin jiru dhiisee sokkuun
Akka sirna Gadaatti
Lola dhaabsisa Bokkuun

Wal dhabdee ni lagdi
Lola addaan galchiti
Siinqeen ulfinadha
Araaras ni dhalchiti

Sirna Gadaa keessatti
Umriin namaa qooda wajjin
Raaba, Foollee jedhee…
Dhumarra Gadamoojjiin

Oromoon sadiin bula
Inni jalqabaa qooda
Seeraaf Aadaanis jira
Inni hafemmoo hooda

Seera Uumama aadaa
Afrikaa irraa madda
Eessattuu wal hin argu
Sirna Habashaan adda

https://www.kedirabdulatif.com/wal-dorgommii-marsaa-2ffaa/

Eebbaa Caalaa

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 7:31 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Asma July 22, 2022 - 10:07 pm

Ana ObsaaKadiir Bariisootiif dhufe.
walaloon isaa heddu namatti tola. jajjabeeffamuus qaba.

Reply
Feysal Abrahim July 22, 2022 - 10:15 pm

Ana Obsaa Kadiir Bariisoottu na yaame

Reply
Husen Kasim July 22, 2022 - 10:20 pm

Ana Obsaa Kadiir Bariisoottu na waame! Wolaloo bareedduu ergaa guddoo qabdu katabe! Injifachuu qaba.

Reply
Eebbaa Caalaa July 22, 2022 - 10:21 pm

https://www.kedirabdulatif.com/wal-dorgommii-marsaa-2ffaa/

SIRNA GADAA
*
Yoo gosni wal lolee
Wal dhabee daaddisu
Akka araaraaf nagaan bu’u
Sirna Gadaati kan taasisu

Caasaan Sirna Gadaa
Yommuu ijaaramu
Odaa irraa ka’uun
Hayyuun tarreeffamu

Kan namni dabaluufi
Hir’isuun dandeenye homaa
Sirna Gadaa keessatti
Jedhama Heera uumaa

Sirna Gadaa keessatti
Seerri maatii fi gosaa
Diidattin lallabamu
Jira seerri asaasaa

Seera killee keessaatti
Icciitii Abbaa Gadaa
Seera jabbii keessatti
Bifa jechuun ramada

Bakkaan gargar ta’us
Kan gosaatii miti
Odaaleen shananuu
Odaalee Oromooti

Jalatti araaramu
Eessattuu yoo wal oodan
Caffee bulchiinsa gadaa
Muka mitiim Odaan

Odaa Roobaa yoo feetan
Sikkoo mandootti argama
Seerri Sirna Gadaa
Dursee achitti lallabama

Odaa Roobaa jalatti
Murtiin yoo muramtu
Odaa Bultumittimmoo
Kan isheen lallabamtu

Madda walaabuutti
Seerri yoo tumame
Achitti lallabama
Tuulama odaan Nabee

Seera caffee yoo ta’e
Sirna Gadaan tumama
Odaa Bulluq yoo jettan
Maccaa biratti argama

Akkuma kaanii lallaba
Seera Kansaa godhee-dil
Maccaa Tuulama bira
Argamni Odaa Bisil

Aadaa fi Amantaa
Of keessatti kan qabate
Mirga uummata bal’aa
Eeguufi kan dhaabbate

Sirna Gadaa keessatti
Namuu kabaja qaba
Sirni federeeshiniidha
Yookiinimmoo yayyaba

Eeyyee! Sirna Gadaan
Yeroo wal bulchani
Aanga’oonni olaanoon
Achi keessaa shani

Sirna Gadaatiin bullaan
Namuu wal hin shakku
Booranaati bakka bu’a
Hangaftichi Abbaan bokkuu

Nageenyarratti hojjeta
Hin fedhu wanta badaa
Tuulamaa bakka bu’ee
Hooggana Abbaan Gadaa

Oromoon horii qaba
Re’ee, Fardaa fi loon
Sooratasaas ilaallaan
Dhadhaa,Dammaafi foon

Eeyyee! Ilmaanis jiru
Kan gudeedaaf guddisaa
Kana yoo ilaaltani
Sirna gadaati hundisaa

Uleen Abbaa Gadaa
Ergaa shan kan baatu
Damee Booranaa fi
Damee kan Baarentuu

Bal’ina lafa Oromiyaaf
Isa seera tumaati
Ulichaan kan darbu
Shan heera uumaati

Oromoon waaqa kadhachuuf
Kan mi’a baay’ee tolchuu
Meeshaa ulfoo ni qaba
Bokkuu, kallachaaf caaccuu

Gosni Oromoo wal lollaan
Hin jiru dhiisee sokkuun
Akka sirna Gadaatti
Lola dhaabsisa Bokkuun

Wal dhabdee ni lagdi
Lola addaan galchiti
Siinqeen ulfinadha
Araaras ni dhalchiti

Sirna Gadaa keessatti
Umriin namaa qooda wajjin
Raaba, Foollee jedhee…
Dhumarra Gadamoojjiin

Oromoon sadiin bula
Inni jalqabaa qooda
Seeraaf Aadaanis jira
Inni hafemmoo hooda

Seera Uumama aadaa
Afrikaa irraa madda
Eessattuu wal hin argu
Sirna Habashaan adda
Eebbaa Caalaa

Reply
Kedir Abdulatif July 22, 2022 - 7:30 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Munira Badiru July 23, 2022 - 9:53 am

Sirna Gadaa!!
~~~~~~~~
Sirni Gadaa keenyaa
Gujii keessaa ka’ee
Oromoo utubee
Afrcaa wol ga’e
~
Seera amantii tiksu
Kan xiqqaa guddisu
Kan jallate gorsee
Karaatti deebisu
~
Isaaniin dhaadanna
Gadaa shanan lakkoofnee
Barumsanni nuuf laateen
“Jaaramnee har’a geenye
~
Badii kan balleesse
Sirna gadaat-sirreessaa
Adabbii sirnaan tumee
Abbaa gadaat-sirreessaa
~
Yaa ga’umsa isaanii
Worri sirni barsiise
Beeka of dhaadessu
Boqoo gad cabsiise
~
Waan hasa’u beeku
Hin jarjaran~takkaa,
Seera gadaa keessatti
Jar-jaruunis yakkaa
~
Hubannoon haasa’u
Beekumsi isaa addaa
Kanaafuu filanneem
Beekaa sirna Gadaa

Oromoo isa bahaa
Isa kaabaaf kibbaa
Adeemsa isaa eegee
Sirna Gadaatu utuba

By Munira Badiru

Reply
Kedir Abdulatif July 23, 2022 - 7:40 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Firomsa Edoshe July 22, 2022 - 10:22 pm

Obsaa Kadiir Bariisootiif dhufe

Reply
Kumela Ayensa July 22, 2022 - 10:24 pm

Obsaa Kadiir Bariisoo’f sagalee laadhe!

Reply
Mohammedjuhar Habibe July 22, 2022 - 10:26 pm

Anis Obsaa Kadiir Bariisoo n filadhe

Reply
Yasin Ahmed July 22, 2022 - 10:29 pm

Obsaa Kadiir Bariisoo
Gadaan maal akka ta’e bareechee lafa kaaye!

Reply
Mohammed Kereyu July 22, 2022 - 10:31 pm

Ani Obsaa Kadiir Bariisootiif dhufe.
Walaloo isaa nin jaaladhe, hedduus natti tole.

Reply
Munira Badiru July 22, 2022 - 10:42 pm

Sirna Gadaa!!
~~~~~~~~
Sirni Gadaa keenyaa
Gujii keessaa ka’ee
Oromoo utubee
Afrcaa wol ga’e
~
Seera amantii tiksu
Kan xiqqaa guddisu
Kan jallate gorsee
Karaatti deebisu
~
Isaaniin dhaadanna
Gadaa shanan lakkoofnee
Barumsanni nuuf laateen
“Jaaramnee har’a geenye
~
Badii kan balleesse
Sirna gadaat-sirreessaa
Adabbii sirnaan tumee
Abbaa gadaat-sirreessaa
~
Yaa ga’umsa isaanii
Worri sirni barsiise
Beeka of dhaadessu
Boqoo gad cabsiise
~
Waan hasa’u beeku
Hin jarjaran~takkaa,
Seera gadaa keessatti
Jar-jaruunis yakkaa
~
Hubannoon haasa’u
Beekumsi isaa addaa
Kanaafuu filanneem
Beekaa sirna Gadaa

Oromoo isa bahaa
Isa kaabaaf kibbaa
Adeemsa isaa eegee
Sirna Gadaatu utuba

By Munira Badiru

Reply
Kedir Abdulatif July 24, 2022 - 5:53 am

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Mame carcar July 22, 2022 - 11:34 pm

Gadaan Bulla!

Oromoon sirna qaba
Kan ittiin wal bulchuu
Sirni gadaa kalee
Hundaaf gammachuu

Heera baasee tumee
Uumaa faana deemaa
Shira tokkon qabu
Mi’aawaa akka dammaa

Lakkooftuu baraatuu
Ayyantuu laalanii
Safuu aadaa qabu
Duudhaa eeggatanii

Gadaan heera tumee
Bokkuun raggaasisaa
Abbaa gadaa jala bulee
Abbaa duulaa leenjisaa

Sirna gadaa malee
Maaltu nama baasaa
Dhugaa nin dubbadha
Maaliifan hasaasaa

Reply
Kedir Abdulatif July 24, 2022 - 5:53 am

Hirmaannaa keetiif galatoomi ❤️🙏

Reply
Mame carcar July 22, 2022 - 11:36 pm

Gadaan Bulla!

Oromoon sirna qaba
Kan ittiin wal bulchuu
Sirni gadaa kalee
Hundaaf gammachuu

Heera baasee tumee
Uumaa faana deemaa
Shira tokkon qabu
Mi’aawaa akka dammaa

Lakkooftuu baraatuu
Ayyantuu laalanii
Safuu aadaa qabu
Duudhaa eeggatanii

Gadaan heera tumee
Bokkuun raggaasisaa
Abbaa gadaa jala bulee
Abbaa duulaa leenjisaa

Sirna gadaa malee
Maaltu nama baasaa
Dhugaa nin dubbadha
Maaliifan hasaasaa

Reply
Kedir Abdulatif July 24, 2022 - 5:55 am

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Amanuu July 23, 2022 - 5:04 am

Eebbaa Caalaa Walaloon kee hedduu namatti tola. Sirna Gadaa haalaan ibsiteetta. Akka injifattu abdiin qaba.

Reply
Kaanenus Kaasaa Baayisaa July 23, 2022 - 6:44 am

Dorgommii marsaa 2ffaa
Qopheessaan:- KEDIR ABDULATIF AWARD (Bokkuu Media)
Dorgomaan:- Kaanenus Kaasaa Baayisaa

Mata dureen walaloo dorgomaan dorgommii marsaa 2ffaaf qopheessuu qaba “Sirna Gadaa” jedha.

GADAA
Kuusaa gurraachootaa, gurraachota angafaa
Safeeffataa uumamaa, kan samii fi lafaa
Guca seeraa fi heeraa; angafa sirnootaa
Dugugguruu nagaa; argannoo Kuushotaa!

“Inni kun horiidha; inni kun bineensa
Inni kun tujjaara; inni kun hiyyeessa
Kuni jallataadha; kunimmoo qajeelaa
Kun sorooroodha; kunimmoo kabeelaa

“jedhee adda hin baasu; seerri gurrachootaa
Gadaadha heerri haqaa; kalaqa Oromootaa!
Gadaa jigsaa shiraa; Gadaa toora dhugaa!
Gadaa ibsaa firaa; Gadaa soora sugaa!

I)Gosa Walaloo (Gadaa)
Gosti walaloo kanaa “Walaloo Onnisaa” jedhama. Miira walaleessaan sirna Gadaaf qabutu as keessatti calaqqisiifame. Yeroon walaleessu miiran Gadaaf qabu qofa osoo hin taane, dhugaa fi humna Gadaan qabu calaqqisiiseera. Nan seenesse osoo hin taane, dinqisiifannaakoon ibsadhe. Kanatu “Onnisa” jechisiise.
Walaloo Onnisaa (lyric)kan jedhamu walaloo barreessaan walalichaa miira keessa seenuun waan isa muudatee fi itti dhaga’ame barreessuudha. Bifti walaloo kanaa duraa duuba (tartiiba gochaa) qabaachuu dhiisuu danda’a. Akaakuun walaloo onnisaa quuqamaa, dinqisiifannaa fi kkf ittiin ibsatama.

Gosti walaloo seenessaa/seeneffamaa (narrative) garuu, duraa duuba isaa eeguun walaloo bifa seenessuutiin dheereffamee kan barreeffamuudha. Kunis bifa seenaatiin katabama. Walaloon armaan olitti barreesse (Gadaa) kun garuu walaloo onnisaati.
Haala wal’unata walaloo (Gadaa)
Wal’unatni sagalee bo’oo keessa ykn dhuma bo’oorratti sagalee wal fakkaataan yeroo xumuraman uumama. Wal’unatni sagalee kun bifa lamaan uumama. Isaanis; wal unata sududaa fi wal unata qaxxaamuraa jedhamu.
* Wal’unata Sududaa kan jedhamu, walaloo buufata tokkoon isa bo’oo bo’oon walfaanee duraa duubaan sagalee wal fakkaatu qabaatu wal’unata sududaa uuma.

II)Ruqiilee walaloon armaan olii irraa ijaarame
Walaloon ruqiilee garaa garaa irraa ijaarama. Ruqiileen kunneen walitti dhufuun akkaataa jechi itti dinqisiifatamu uumu.
Walaloon “Gadaa” jedhu kunis akkaataa nama kamiifuu hubatamuu fi tolutti ruqiileewwan walaloon barbaadu irraa ijaarame.

a)Walaloon kun osoo yeedaleeffamee sagalee miidhagaa kennuu danda’a. Sagaleen walaloo keessatti “qooqa angafaa” jedhamuun beekama. Namni walaloo dubbisuu hin dandeenye fi haalli walaloon tokko itti katabame dafee hin hubatamneef, yeroo waloon bifa miidhagaan walaleessuu/sagaleessu walalichaaf dafee firooma. Jechoonni haala bu’aa sagaleef gumaachaniin filatamuun yeroo ijaaraman walaloo sanatti amala muuziqaa gonfu. Walaloon hin sagaleeffamu taanaan, miidhagina yarata. Sagalee dhaga’amutu bareedina laataaf. Sagaleen walaloof bu’aa guddaa gumaacha jechuudha. Miidhaginni dhikkisa walaloos sagalee irraa madda.
Kanaaf walaloon armaan olitti barreesse kunis akka sagalee miidhagaa horatutti katabame.

b)Walaloon “Gadaa” jedhu kun yeroo dubbifamu halli wal unata isa dhikkisa uuma. Dhikkisa jechuun, qaama walaloo keessaa isa tokko ta’ee safara, wal’unata, durdura ykn irra deddeebii sagaleerraa kan uumamuudha. Safarri birsaga bo’oo tokko keessa jiru kan bo’oo biroo waliin wal madaalu yoo ta’e, ol ka’uu fi gadi bu’uun sagalee birsagoota sanaan uumamu amala muuziqaa kenna; kanatu dhikkisa jedhama.

Fakkeenyaaf;
Gadaa jigsaa shiraa; Gadaa toora dhugaa!
Gadaa ibsaa firaa; Gadaa soora sugaa!

Walalichi, wal unata bareedaa, durdura sagalee, wal qixxaachuu birsagaa fi filannoon jechootasaa dubbisaa keessatti akka dhikkisa uumu taasiseera.
Kanaafuu, halli bo’oo walaloo armaan olii itti barreeffame yeroo dubbifamuu fi sagaleeffamu dhikkisa akkamii akka uumu salphaatti hubachuu dandeenya.

c)Walumaa galatti walaloon “Gadaa” jedhu kun sagalee, dhikkisa, wal unata miidhagaa, birsaga safarri isaa walqixa ta’erraa walitti qindaa’uun ijaarameera. Durdura sagalee, unka gabaabbachuu fi filannoon jechoota irraa ijaaramees nama hawwata.

III)Ibsa walaloo
Walaloon kun sirna bulchiinsa Oromoo “Gadaa” jedhamu faarsa. Gadaan sirna ittiin bulmaata Oromooti. Oromoon sirna kanatti waggoota dheeraaf fayyadamaa (itti tajaajilamaa) tureera.

1.Keeyyata 1ffaan waa’ee Gadaa maal ibsa?

Kuusaa gurraachootaa, gurraachota angafaa
Safeeffataa uumamaa, kan samii fi lafaa
Guca seeraa fi heeraa; angafa sirnootaa
Dugugguruu nagaa; argannoo Kuushotaa!

1.1 Keeyyata 1ffaa bo’oo 1ffaan “Kuusaa gurraachotaa, gurraachota anfaa” inni jedhu sirni Gadaa qabeenya Oromoo akka ta’ee fi Oromoon immoo angafa gurraachotaa akka ta’e hima. Jechi “kuusaa” jedhu waan walitti qabame ibsa. Namni uumamaan waan isa fayyadu walitti qaba/kuufata. Gadaa Oromootu kurfeesse jechuudha.

1.2 Keeyyata 1ffaa bo’oo 2ffaan “Safeeffataa uumamaa kan samii fi lafaa” inni jedhu immoo, gurraachonni uumaa fi uumama, kan dacheerra jiruu fi kan samiirra jiru akka safeeffatanii fi kabajan hima. Asitti hiikaa dhanquu argina. Gama biraan sirna Gadaa keessa safeeffanaan akka jiru calaqqisiisa.

1.3 Keeyyata 1ffaa bo’oo 3ffaan “Guca seeraa fi heeraa, angafa sirnootaa” inni jedhu immoo seeraa fi heera biyyoonni garaa garaa ittin bulan caala sirni Gadaa angafaa fi fakkeenya akka ta’e calaqqisiisa.

1.4 Keeyyata 1ffaa bo’oo 4ffaan “Dugugguruu nagaa, argannoo Kuushotaa” inni jedhu immoo, Gadaan burqaa fi madda nagaa akka ta’e hima. Kunis sirna Gadaa keessa, sirni Gumaa, Siiqqee fi maloonni ittiin rakkoo furanii nagaa fidan akka jiran hima.

2.Keeyyata 2ffaan waa’ee Gadaa maal ibsa?

Inni kun horiidha; inni kun bineensa
Inni kun tujjaara; inni kun hiyyeessa
Kuni jallataadha; kunimmoo qajeelaa
Kun sorooroodha; kunimmoo kabeelaa

2.1 Keeyyata 2ffaa bo’oo 1ffaa – 4ffaatti kan barreeffaman ergaa wal fakkaatu qabu. Kunis, Gadaan qaama kamuu akka wal hin caalchifne lallabu. Horii manaa, bineensa alaa, tujjaara/sooressa/dureessaa, hiyyeessa, jallataa, qajeelaa, sorooroo/sirrii, kabeelaa fi kkf osoo hin jenne sirna Gadaa keessatti uumama maraaf kabaja isaaf malu akka laatu dubbata. Kunis walaloo keeyyata 1ffaa isa, “safeeffataa uumamaa, kan samii fi lafaa” jedhu san dhugoomsa.

3.Keeyyata 3ffaan waa’ee Gadaa maal ibsa?

Jedhee adda hin baasu, seerri gurrachootaa
Gadaadha heerri haqaa; kalaqa Oromootaa!
Gadaa jigsaa shiraa; Gadaa toora dhugaa!
Gadaa ibsaa firaa; Gadaa soora sugaa!
3.1 Keeyyanni 3ffaan kun bo’oo 1ffaa fi 2ffaan walaloo keeyyata 2ffaa irratti barraa’e xumuruun dhaamsa guutuu dabarsu. Kana jechuun, Gadaan seera hundaaf dhaabatee fi mudaa hin qabne ta’uu jala sararuun sarara oliif xumura laatu.

3.2 Keeyyata 3ffaa bo’oo 3ffaan “Gadaa jigsaa shiraa, Gadaa toora dhugaa” inni jedhu immoo, Gadaan shira, sobaa fi xaxaa kiyyoo garaa garaa akka balaaleffatu hima. Kana malees, Gadaan dhugaa waliin firooma akka qabu qofa osoo hin taane, Gadaan toora dhugaa fi haqarra qofa akka hiriiru calaqqisiisa.

3.3 Keeyya 3ffaa bo’oo 4ffaan “Gadaa ibsaa firaa, Gadaa soora sugaa” inni jedhu immoo hiika dhokataa fi ifaa qaba. Jechi “ibsaa firaa” jedhu sabni Oromoo Gadaadhaan akka ifuu fi Gadaan Oromoo akka ibsu calaqqisiisa. Ibsaa firaa jechuun hiika akka dungoos ni qabaata.
Dabalataan immoo jechi “Gadaa soora sugaa” jedhu hiika dhokataa fi guddaa ta’e qaba. Nyaanni sooratamu marti namaaf hin sifaa’u. Namoonni nyaata ammuma nyaatanii ammuma dafanii beela’an ni jiru. Namoonni ammuma nyaatanii ammuma balaqqamanis ni jiru. Namoonni gonkuma fedhii nyaataa dhabanis jiru. Namoonni dhandhama nyaataa wallaalis ni jiru.

Gadaan garuu nyaata/soorata nama maraaf sugaa’u ykn sifaa’uudha. Uumamni martuu sirna Gadaa yoo sooratee fayyaalessa ta’a. Sirnoonni ittiin bulmaataa hedduudha. Sirni Gadaa garuu soora sugaati.

IV)Dabalata ibsa walaloo
Walaloo kana yeroon barreessu mallaattoowwan sirna tuqaalee garaa garaa fayyadameera.
1.Qoodduu Jabaa / Buufata Xiqqaa (;)
Qoodduu jabaan yeroo tokko tokko buufata xiqqaa jedhames nibeekama. Mallattoo
kanas barreeffama keessatti yeroo baay’ee itti gargaaramna. Faayidaa qoodduu
jabaa keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.
a. Ciroowwan ofdanda’oo lama kan caasaan isaanii walqixa ta’e gidduu gala.
Fkn:- “Inni kun horiidha; inni kun bineensa” isa jedhu ilaaluun salphaatti hubachuun ni danda’ama.
b. Walqabsiistota himoota adda addaa walqabsiisan dura gala.

2.Mallattoo Waraabbii Dachaa ( “ ” )
Mallattoon waraabbii dachaa yaadni nama tokkon dubbatame kallattumaan osoo irraa hin hir’isiin yookaan osoo itti hindabaliin kan fudhatame ta’uu agarsiisuuf kan tajaajjiluudha.
Fkn. Walaloo Gadaa keessatti,
“Jedhee adda kan hin baafne …” isa jedhu ilaaluun salphaadha.

3.Mallattoo Raajeffannoo ( ! )
Mallattoon raajeffannoo dhuma hima dinqisiifannaa ykn rifaatuu ykn hawwii ykn
dhaadannoo agarsiisutti gala.

Fkn:- Walaloo Gadaa keessatti,
“Dugugguruu nagaa, argannoo kuushotaa!” isa jedhu keessatti ibsameera.

4.Qoodduu ( , )
Qoodduun mallattoo barreeffama keessatti yeroo baay’ee itti fayyadamnudha.
Barreeffama keessatti mallattoo kana bakka sirrii ta’etti gargaaramuu baannaan
hiika ykn ergaa barreeffamichaatu daba. Barreeffama keenya yommuu dubbisnus
bakka mallattoon qoodduu argamu bira wayita geenyu hafuura baafanna. Akka
waliigalaatti qoodduun tajaajila armaan gadii niqabaata.
a. Wantoota hima tokko keessatti tarreeffaman addaan baasuuf tajaajila.
Fkn:- Walaloo Gadaa keessatti,
Keeyyata 1ffaa bo’oo 2ffaa irratti walaloon “Safeeffataa uumamaa, kan samii fi lafaa” jedhu sun mallattoo ( ,) fayyadameera. Kunis jecha “Safeeffataa uumamaa” jedhu ciroo waan ta’eef jecha itt aanu waliin malee kophaasaa hiika waan hin kennineef, jechoota sana gargar baaasuuf mallattoo kana fayyadame.

Hiika jechootaa
(tarii namoota godinaalee garaa garaatti dhalataniif yoo gaaffii ta’e)
1.Kuusaa – walitti qabama wantotaa
2.Tujjaara – dureessa/sooressa
3.Soora – nyaata
4.Suga – quufa milkii
5.Kabeelaa – miila jallaa
6.Kuush – Hortee/sanyii (maqaa)
7.Dugugguruu – Lafee dugdaa (utubaa cinaachaa)

Dogoggorakoo na sirreessaa; dogoggora ‘keyboard’ immoo na oofkalchaa!
Galatoomaa!

Fulbaana 6415
Kaanenus Kaasaa Baayisaa

Reply
Kedir Abdulatif July 24, 2022 - 5:52 am

Hirmaannaa keetiif galatoomi ❤️🙏

Reply
Wakuma Terefe July 23, 2022 - 7:20 am

Obsaa Kadiir Bariisootiif

Reply
Murteessaa Biiftuu July 23, 2022 - 7:47 am

Sirna Gadaa
Heera hunda galeessa
dimokiraasii dhugaa
sirna orom kaleessaa
agarsiistuu eebbaaf sugaa

Masaraan kee ardaa jilaa
achitti uumaa gabbaru
adaraan kee abbaan muudaa
serra keetin jila adaru

Wiirtun kee odaa nabee
jiilli kee madda walabuu
abbootin Gadaa deemanii
achii sera waraabu

Paartileen kee Shanan Gadaa
daangaa aangoo eeganii
kabajaan baal’ii galchu
ofiisaaniin beekanii
Ibsa
Sara jalqabarratti
Serra hunda galeessa
dimo kiraasii dhugaa
sirna orom kaleessaa
agarsiistuu eebbaaf sugaa. inni jedhuu Gadaan Heera waamaraa akka ta’ee Heera sa’aa namaa, heera waaqaa lafaa akka ta’ee fii dimokiraasiin dhugaa sirna oromoon durii ittin bulaa ture Gadaa akka ta’e ibsa
Masaraan kee ardaa jilaa
achitti uumaa gabbaru
adaraan kee abbaan muudaa
sera keetin jila adaru
Inni jedhu immoo oromoon iddoon inni itti serra tumatu, baal’ii galchu, waaqa isaa waaqeffatu ardaa jilaa akka ta’ee Fi treason mootummaa sirna Gadaa keessatti ardaa jilaa akka ta’e ibsa
Abbaan muudaa abbaan amantiiti (ayyaantudha) abbaan Gadaa yoo gara angootti dhufu abbaan muudaatu ebbisa barri angoo isaa bara gaarii akka ta’uuf
Abbaan muudaa hawwaasa biratti kabaja guddaa Kan qabuufii Kan sodaatamudha abaaree balleesuu Fi eebbisee jiraachisuu danda’a arrabasaarr waaqatu jira jedhamee amanama kanaafi abbaan muudaa seera gaadaatin akka hawwaasa hadaran (seeratan) ibsa
Wiirtun kee odaa nabee
jiille kee madda walabuu
abbootin Gadaa deemanii
achii seera waraabuu
Inni jedhu immoo sirna Gadaa keessatti odaan nabee giddugala siyaasaaf amantii akka turte ibsa maddi walaabuus iddoon haaromsaa Gadaa Fi ardaa jilaa walii galaan oromiyaa akka turte seenaan ni hima kanaaf abbootin Gadaa oroomoo kutaalee hundaraa seera waraabbachuuf millaa isaaniin korma, hoolaa Fi wan gara garaa qabatanigara madda walabuu deema turani walaloon Kunis Isa ibsa
Paartileen kee Shanan Gadaa
Daangaa aangoo eeganii
kabajaan baal’ii galchu
ofii isaaniin beekanii
Inni jedhu immoo Gadaan sirana daangaa angoo kabajuufi kabachiisu akka ta’e isuu isaatti Gadaan marsaalee Shan akka qabu sinitti himuun beekumsaa keessa xiqqeesuu ta’aa maaliif akka Gadaan marsaa Shan qabu oromoon mitii sabni biraayyuu ni beeku waan ta’eef marsaalee Shanan kun Daan gaa angoo isaa if Kan name (waggaa8) keessatti angoo isaanitti haalaan fayyadamanii gafa yeroon isaanu xumurame kabajaan baal’ii galchu. Addunyaa kana irratti abbootin aangoo Hindi angoo Kara nagaa yeroo gadhiisan hin arginu sirna Gadaa keessatti garuu kabajaan Isa itti aanutti dabaru
Galatoomaa yoo isinitti tole filadhaa
Murteessaa Biiftuu (Abbaan Murtii)

Reply
Kedir Abdulatif July 24, 2022 - 5:51 am

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Tolosa Haayii July 23, 2022 - 8:46 am

An Tolasaa Heeyii Dorgommiikee kanarratti fedhiikoon siif hirmaadheen Si waliin jira jabaadhu Eebbaa🙏

Reply
Gammachuu Baanjaa July 23, 2022 - 8:50 am

An Gammachuu Baanjaa Eebbaa Caalaatiif dhufeera!

Reply
Wakbeka Bori July 23, 2022 - 8:53 am

Gadaan

Ibsaa qaroominaa
Kennaa warra guddaa,
Kan dursee qarame
Har’a-dhuftee hundaa…

Hundee dhugaa tiksu
Fala gurraachotaa,
Wiirtuu walqixxummaa
Sirna hangafootaa..

Hiika ofiin buluu
Jabanni hin bocne,
Bulchiinsa qulqulluu
Daba homaan qabne..

Dungoo jiruu maraa
Nama ta’uu labsu,
Uumama kabajee
Ormayyuu kunuunsu…

Abbaa wanta maraa
Hundaaf heera qabu,
Gadaan yaa jarana
Muduma hin qabu..

Tokko caalchifatee
Tokko kan hin lagne,
Hir’atee hanqatee
Orma kan hin dhaqne…

Kabajaan guutamaa
Bakkalcha ganamaa,
Xurreen waliin ta’uu
Gadaarra bocamaa..

Siidaa ilmaan jaboo
Gaaddisa uumamaa,
Simboon ayyaantummaa
Gadaarraa argamaa!

✍Wakbeka Bori(Abreham)

Reply
Kedir Abdulatif July 23, 2022 - 9:08 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Murteessaa Biiftuu July 23, 2022 - 8:54 am

GADAA
Heera hunda galeessa
Dimokiraasii dhugaa
sirna orom kaleessaa
Agarsiistuu eebbaaf sugaa
Masaraan kee ardaa jilaa
Achitti uumaa gabbaru
Hadaraan abbaan muudaa
Seera keetin jila hadaruu
Wirtun kee odaa nabee
jiilli kee madda walabuu
Abbootin Gadaa deemanii
Achii seera waraabuu
Paartileen kee Shanan Gadaa
Daangaa angoo eeganii
Kabajaan baal’ii galchu
Ofiisaaniin beekanii…

Reply
Biqilaa Tarreessaa July 23, 2022 - 8:55 am

An Biqilaa Tarreessaa Eebbaa Caalaatif 🙏

Reply
Munira Badiru July 23, 2022 - 9:34 am

Hintala Abbaa gadaa

Reply
Murteessaa Biiftuu July 23, 2022 - 9:35 am

GADAA
Heera hunda galeessa
Dimokiraasii dhugaa
sirna orom kaleessaa
Agarsiistuu eebbaaf sugaa

Masaraan kee ardaa jilaa
Achitti uumaa gabbaru
Hadaraan kee abbaan muudaa
Seera keetin jila hadaruu

Wirtun kee odaa nabee
jiilli kee madda walabuu
Abbootin Gadaa deemanii
Achii seera waraabuu

Paartileen kee Shanan Gadaa
Daangaa angoo eeganii
Kabajaan baal’ii galchu
Ofiisaaniin beekanii…

IBSA
Keeyyata jalqaba sarara jalqabarratti
“Heera hunda galeessa
Dimokiraasii dhugaa” inni jedhuu Gadaan Heera waan hundaa akka ta’e, Heera sa’aa namaa, Heera waaqaa lafaa akka ta’e ibsa
“Sirna orom kaleessaa
Agarsiistuu eebbaaf sugaa” inni jedhummoo Gadaan kalaqa hawwaasa oromoo durii akka ta’ee Fi akeektuu waan gaarii ( eebba, badhaadhinaa😍 ) akka ta’e ibsa
Keeyyata 2ffaa bo’oon jalqabaa
“Masaraan kee ardaa jilaa
achitti uumaa gabbaru” inni jedhu sirana Gadaa keessatti bakki itti seerri tumamu, aangoon dabarfamu, (baal’iin Wal harkaa fuudhamu) Fi oromoon waaqa isaa itti waaqeffatu ardaa jilaa akka ta’e ibsa
“Hadaraan kee abbaan muudaa
seera keetin jila hadaruu” inni jedhu immoo waa’ee abbaa muudaa dubbataa Sirna Gadaa keessatti Abbaan muudaa abba amantiiti (ayyaantudha) abbootin Gadaa yeroo baal’ii Wal harkaa fuudhan abbaan muudaa biratti argamee ebbisee, isaa aangoo fudhatuuf waqa kadhateefi bara aangoo isaa eebbisee gaggeessaa. Abbaan muudaa raagdudha hawwaasa keessatti baayye kabaja guddaa Kan qabuu Fi Kan sodaatamudha abaaree balleesuu, eebbisee jiraachisuu danda’a afaan isaarraa waaqatu jira jedhamee amanama.
Kanaaf hawwaasni waan abban muudaa jedhe ni fudhatu. abban muudaa seera gaadaatin jila sana akka hadaruu (seerratu) ibsa
Keeyyanni 3ffaan bo’oon jalqabaa
“Wiirtun kee odaa nabee
Jiilli kee madda walaabuu” inni jedhu Odaan nabee giddugala siyaasaaf amantii oromoo durii akka taatee Fi Maddi walabuu iddoon haaromsaa Gadaa Fi ardaa jilaa oromoo akka taate ibsa.
“Abbootin Gadaa deemanii
Achii seera waraabuu” inni jedhu immoo kutaalee oromiyaa hundaraa abbootin Gadaa korma, hoolaa, Fi waan gara garaa qabatanii miillan gara madda walaabuutti godaanuun waggaatti si’a tokko seera akka waraabbatan ibsa
Keeyyatni 4ffaan
“Paartileen kee Shanan Gadaa
Daangaa angoo eeganii
Kabajaan baal’ii galchu
Ofiisaaniin beekanii” inni jedhuu waa’e Shanan Gadaa Fi wa’ee daangaa angoo dubbataa. Sirni Gadaa marsaa Shan akka qabu isinitti himuun beekumsaa keessa niqqeessu ta’aa. maaliif oromoo mitii sabni biraayyuu ni beeka waan ta’eef
Marsaalee gaadaa Shanan daangaa angoo isaa if kenname qabu inni waggaa saddeet (8)tii waggaa saddet isaanif kennametti seeratan biyya hoogganani erga xumuranii booda kabajaan baal’ii galchu (aangoo dabarsu) Addunyaa kana irratti abbootin aangoo Kara nagaa yeroo isaan agoo dabarsan arginee hin beeknu sirni Gadaa garuu kanaa fakkeenya guddaadha kanaaf keeyyata jalqabaa irratti Dimokiraasii dhugaa jedhee ibsuuf xuqeera.
Murteessaa Biiftuu (Abbaa Murtii)

Reply
Mohammedamin Gebi July 23, 2022 - 9:36 am

GADAAN ……
Akkuma aadaa keenyaa
Woggoota dhibbaan dura
Oromoon gadaan bula
Gadaa jechuun nagaya
Gadaa jechuun jaalala.

Gadaan quufaaf ulfina
Hin argu dheebuuf beela
Manguddoon woggaa dhibbaa
Dhiitee sirbuu kajeela.

Heeraa fi seera qaba
Gadaan biyyaaf gaachana
Gadaa jechuun araara
Gadaa jechuun qabbana.

Sirna gadaa Oromoo
Addunyaatu ittiin bula
Gadaan biyyaaf gaaddisa
Gadaan milkiif jaalala.

Gadaan dhugaa lallaba
Guduunfaa dharaa hiika
Dukkana keessa taa’ee
Kallattii biiftuu beeka.

Aadaa Oromoo keessatti
Gadaan kabaja qaba
Yakka hojjatte laalee
Madaalee si adaba.

Odaa jalatti tumama
Sirni ittiin bulmaataa
Kan Oromoo Odaadha
Abbaan rakkoof furmaataa.

Oromoon Odaa shaniif
Sirna gadaa shan qaba
Maddi burqaa Oromoo
Hangafa Odaan roobaa.
Oromoon odaa jala
Taa’ee seera tumata
Guduunfaa dharaa hiika
Gammachuun wal simata

Dharaa fi jibba hin beeku
Wal waamee wajjiin nyaata
Quxisuufi hangafni
Kabaja waliif laata.

Qotee haamee hin tuulu
Gadaan gadoof abaarsa
Nama tasa wal dhabe
Waamee walitti araarsa.

Gadaan woggaa saddeetiin
Aangoo waliif gadhiisa
Kabaja waliif qabu
Adduyaaf agarsiisa.

Oromoon Odaa jala
Taa’ee tokkummaa labsa
Bokkuu abbbaa gadaatiin
Irree diina isaa cabsa

Gadaan quufa, ulfina
Gadaan milkiifi araara
Gadaan biyaaf gaachana
Gadaan biyyaaf waa mara.

Sirni Gadaa ta’uu isaa
Aasxaa jaalalaaf nagaa
Waa takka shakkii hin qabnu
Addunyaa qabna ragaa

Sirni Gadaa Oromoo
Haguma maqaa gaya
Leellisuuf osoo hin taane
Addunyaan ragaa baya.

Barreessaan: Muhaammadamiin Gabii

Reply
Kedir Abdulatif July 23, 2022 - 7:41 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Biqiltuu Daggafaa July 23, 2022 - 9:43 am

An Biqiltuu Daggafaa Eebbaa Caalaaf !

Reply
Gaaddisa Gasha July 23, 2022 - 9:49 am

Ani Gaaddisaan eebbaa caalaatif ✊

Reply
Munira Badiru July 23, 2022 - 11:05 am

Sirna Gadaa!!
~~~~~~~~
Sirni Gadaa keenyaa
Gujii keessaa ka’ee
Oromoo utubee
Afrcaa wol ga’e
~
Seera amantii tiksu
Kan xiqqaa guddisu
Kan jallate gorsee
Karaatti deebisu
~
Isaaniin dhaadanna
Gadaa shanan lakkoofnee
Barumsanni nuuf laateen
“Jaaramnee har’a geenye
~
Badii kan balleesse
Sirna gadaat-sirreessaa
Adabbii sirnaan tumee
Abbaa gadaat-sirreessaa
~
Yaa ga’umsa isaanii
Worri sirni barsiise
Beeka of dhaadessu
Boqoo gad cabsiise
~
Waan hasa’u beeku
Hin jarjaran~takkaa,
Seera gadaa keessatti
Jar-jaruunis yakkaa
~
Hubannoon haasa’u
Beekumsi isaa addaa
Kanaafuu filanneem
Beekaa sirna Gadaa

Oromoo isa bahaa
Isa kaabaaf kibbaa
Adeemsa isaa eegee
Sirna Gadaatu utuba

By Munira Badiru

Reply
Kedir Abdulatif July 23, 2022 - 7:39 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Masud July 23, 2022 - 11:33 am

Intalaa abbaa gadaa

Reply
Jaz July 23, 2022 - 11:41 am

Intalaa abbaa gadaa

Reply
Tofik July 23, 2022 - 12:18 pm

Hintala Abbaa Gadaa

Reply
Abdi Bekele July 23, 2022 - 12:56 pm

Sirna Gadaa

Seeraaf ulaagaa quubsaan
Jaalala kan lallabu
Walqixxummaafis falmee
Harca’ina kan jibbu
Haqaaf labooba boba’ee
Dhara ciigessee falma
Diigamnaan araarsaadha
Jibba balleessuuf gama
Heeraaf seeraan kan bulchu
Gumee mataasaa keessaa
Galma odaa godhatee
Shanan bu’uura isaa
Haqatti kan amanu
Walabummaaf kan falmu
Tokkummaan miira isaa
Jaalalaan kan jajamu
Sirnadha! Kan oromoo
Bu’uurrisaa dur duri
Aangoo seera qabeessa
Bulchiinsa isa gaarii
Lafa hammeenyi hoetti
Qabbaneessaa jedhama
Lafa jaalalli qorrettis
Jajjabeessuun beekama
Isa gargar diigameef
Nii supha araarsaadha
Jaalalaaf kabajaanis
Daran weeraramaadha
Diigamuutti hin amanu
Harca’uus daran balfa
Sirna Aangoo beekamaa
Ollaadhaaf illee gaanfa
Faayadha oromoodhaaf
Godaa ka’umsa keenya
Daran akka ol ka’uuf
Barsiisuus nii dandeenya
Bokkuun seera tumatee
Siiqqeen keessoo beeksisa
Booranaafi baarentuufis
Keessoo wal hubachiisa

ABDI BEKELE

Reply
Kedir Abdulatif July 23, 2022 - 7:38 pm

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Mohamed July 23, 2022 - 1:01 pm

Hintala abbaa gadaa

Reply
Hussein July 23, 2022 - 1:12 pm

hintala abbaa gada

Reply
mogamed July 23, 2022 - 1:17 pm

Hintala abbaa gadaa

Reply
Ajar July 23, 2022 - 5:00 pm

Hintala abbaa gadaa

Reply
Rehobot Tekle July 24, 2022 - 6:43 am

#SIRNA_GADAA!

Uumeef kalaqa oromoo
Fakkeenyaa warra adii
Mallattoo oromummaa
Wixinaa farra badii
~
Hundee dimokiraasii
Buufata beekaaf hayyuu
Seeraaf sirna qajeelaa
Qaroominarra wayyu!
~
Burqaa qarooma Giriikii
Galmee addunyaa guddaa
Toora dimokiraasii
Hammataa gaarii hundaa
~
Diinqa sommoo fi safuu
Kabachiisaa namummaa
Gola ogummaaf bohaartii
Gonfachiisaa gamnummaa
~
Dabareen wal bulchatee
Dabareedhaan wal saada
Moodela addunyaa maraa
Calaqqee duudhaaf aadaa
~
Araarsaa warra gumaa
Sirna ateeteef bokkuu
Hundee dabaa kan gogsu
Gaafa garaadhaan fokku
~
Dhibee hamaan dhufellee
Araara keetiin badaa
Bu’uura waan hundumaa
Sirnakoo Sirna Gadaa!

Rehoboth tiin

https://www.kedirabdulatif.com/wal-dorgommii-marsaa-2ffaa/

Reply
Kedir Abdulatif July 24, 2022 - 6:46 am

Hirmaannaa keetiif galatoomi 🙏

Reply
Nimo July 24, 2022 - 6:59 am

Nimo jedhama, Rehobottiu na waammate. Rehobot Tekle walaloon kee hedduu miidhagaa fi hawwataadha, hedduus jaaladheera. Keessumaa haala atin ittin ibsitee fi jechoota keetu na ajaa’ibe. Sirna gadaa haalaan ibsititteetta, dorgommii kana akka injifattu abdiin qaba.

Reply
Ama Nuu July 24, 2022 - 8:42 am

Walaloo Rehoboth akkan namatti tola. Akka filatamtu abdiin qaba

Reply
Negari, Idosa Tolesa July 24, 2022 - 7:20 am

Rehoboth,
Walaloo ajaa’ibaa barreessitee Gadaa Sirna Bulchiinsa Oromoo! 👏

Reply
Idosa Tolesa July 24, 2022 - 8:35 am

Walaloo ajaa’ibaati, Rehoboth haala nama hawwatuun walaleessite👏

Reply
Sagni Tafese July 24, 2022 - 7:24 am

Ana Sagnı Sıchora Rehoboth Tekle tu na erge walaloon ishees hedduu natti toleera. Galatoomaa

Reply
Adugna July 24, 2022 - 9:23 am

Rehobot tekle

Reply
Ahimad Huseen Gishee July 28, 2022 - 2:43 pm

Obsaa Kadiir Bariisoottu na waammate. Obsaan waan barbaadamu haalaan lafa kaaye.

Reply

Leave a Comment

%d bloggers like this: